Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bitaa: Karaa bakka walgaʼiin naannoo godhamutti ittiin seenan. Mirga: Hirmaattoonni Saganticha xiyyeeffannaadhaan yommuu dhaggeeffatan.

SADAASA 1, 2023
HINDII

Dhugaa Baatonni Hindii Keessa Jiran Bakka Walgaʼii Naannootti Boombiin Erga Dhukaʼee Booda Wal Jajjabeessaa Jiru

Dhugaa Baatonni Hindii Keessa Jiran Bakka Walgaʼii Naannootti Boombiin Erga Dhukaʼee Booda Wal Jajjabeessaa Jiru

Akkuma oduu amma nu gaʼee fi jw.org irratti baʼurratti gabaafame, Dilbata Onkoloolessa 29, 2023 Keerlaatti utuu walgaʼiin naannoo godhamaa jiruu boombii hedduun dhukaʼeera. Kan nama gaddisiisu obboleettota jalqaba duʼan lamaan malees, intalli waggaa 12 tokko baayʼee waan madoofteef duuteetti. Obboloonnii fi obboleettonni 55 immoo baayʼee kan madaaʼan siʼa taʼu, isaan keessaa tokko tokko garmalee gubataniiru.

Yeroo ammaatti obboleettonni sadii fi obboloonni lama kan hospitaala ciisanii jiran haala ulfaataa keessa jiru. Abbootiin taayitaa, naannoo saʼaatii 3:40​tti utuu kadhannaan godhamaa jiruu yoo xinnaate boombiin sadii akka dhukaʼe mirkaneessaniiru. Namni gocha suukkanneessaa kana akka raawwate shakkame toʼannaa jala oolee qoratamaa jira.

Hojjettoota yeroo balaa saffisaan bakka sana gaʼanii gargaarsa godhanii fi hojjettoota hospitaalaa warra madaaʼan yaalan guddaa galateeffanna.

Obboloonni walgaʼicharratti hirmaachaa turan, jaalala obboloonni isaanii isaanitti argisiisanii fi deggersa isaaniif godhaniif baayʼee galateeffatu, akkasumas baayʼee jajjabaataniiru. Obboleettiin yeroo boombonni sun dhukaʼan galmicha keessa turte akkana jetteetti: “Yeruma sana kadhachuun jalqabe. Keessummeessitoonnii fi obboloonni kan biroon kunuunsa nuuf gochuu fi nageenya keenya eeguuf dafanii tarkaanfii fudhataniiru. Gochi kun Yihowaan tokkoon tokkoon keenya akka jaallatuu fi akka nuuf yaadu kan argisiisu ture.”

Bakka buutonni waajjira damee Hindii, ilaaltonni olaanoo aanaa fi jaarsoliin naannichaa warra miidhamaniif jajjabina hafuuraa kennaa fi gargaarsa qabatamaa gochaa jiru. Jaarsi waajjira dameerraa obbolootaa fi obboleettota balaa kanaan miidhaman jajjabeessuuf gara Keerlaa deemee ture tokko wanta arge akkas jechuudhaan ibseera: “Obboloonni miidhaman naasuu, rakkinaa fi dhiphina keessa kan jiran taʼus, ilaalchi gaariin isaan qaban na jajjabeesseera. Baayʼee isaanii haasofsiiseera. Akkaataa isaan Yihowaatti itti amanaman dhaqee ijumaan arguun koo amantii koo naaf cimseera.”

Miseensota obbolummaa addunyaa maraa waan taaneef, maatiiwwan namoonni isaan jalaa miidhamanii fi namoota haala gaddisiisaa Hindiitti mudate kanaan hubaman hundaaf ni kadhanna. Waadaan Kitaaba Qulqulluu yeroo jeequmsi, rakkinnii fi duuti itti hin jiraanne ilaalchisee kennu jajjabinaa fi nagaa nuuf argamsiisa. Guutummaatti Yihowaatti amanamuu keenya itti fufuuf murteessineerra.—Faarfannaa 56:3.