Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obbolootaa fi obboleettota Bootiswaanaa keessatti bifa tajaajilaa gara garaarratti hirmaachaa jiran

GURAANDAHLA 19, 2024
BOOTISWAANAA

Bootiswaanaan Bilisummaa Amantii Erga Argattee Waggaa Shantama Taʼe

Bootiswaanaan Bilisummaa Amantii Erga Argattee Waggaa Shantama Taʼe

Guraandhala 20, 2024, Dhugaa Baatonni Yihowaa Bootiswaanaa keessatti seera biratti beekamtii erga argatanii waggaa 50 guute. Bara 1974 seera biratti beekamtii utuu hin argatin dura, obboloonni keenya Bootiswaanaa keessa jiraatan, yeroo dheeraadhaaf qoqqobbii tokko tokkoo fi dhorkaa ifatti sochiiwwan keenya irratti godhame dandamataniiru.

Obbolootaa fi obboleettota bara 1965 walgaʼii aanaa Maahaalaaphee, Bootiswaanaatti geggeeffame tokko irratti suuraa kaʼuuf dhaabatan

Bara 1929 yeroo dhugaan Mootummichaa Bootiswaanaa gaʼetti biyyattiin Bikuwaanlaand jedhamtee beekamti turte. Haa taʼu malee bara 1941, jeequmsa siyaasaa Waraana Addunyaa Lammaffaa wajjin wal qabateen, mootummoonni hojii keenyaa fi barreeffamoota kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan raabsuu dhorkanii turan. Dhumarratti bara 1959 dhorkaawwan kunneen yeroo kaʼanitti, Dhugaa Baatonni Yihowaa hamma tokko sochiiwwan hafuuraa isaanii nagaadhaan raawwachuu isaanii itti fufan.

Bara 1972, seera haaraa jaarmiyaaleen Bootiswaanaa keessa jiran hundi akka galmeeffaman ajajni ni baʼe. Haa taʼu malee, obboloonni keenya seera kana hojii irraa oolchuuf yommuu kaʼan, foormiin isaanii dhorkamee, guyyaa 20 keessatti sochiiwwan amantii isaanii hunda akka addaan kutan ajajaman. Kanaafu Dhugaa Baatonni Yihowaa Bootiswaanaa keessa jiran dhorkamanii turan! Namni tajaajila irratti ykn walgaʼii gumii irratti utuu hirmaatuu argame hidhaa waggaa torbaatu isatti murteeffama. Taʼus, obboloonni keenya iccitiidhaan walitti qabamuu isaanii itti fufan. Fakkeenyaaf, walgaʼiiwwan bosona keessa bakkawwan namni hin jirretti geggeeffamu turan. Wanta yeroo sanatti raawwatamaa ture ilaalchisee muuxannoo isaa yommuu dubbatu obboleessi keenya Toomii Maarupingi akkana jedheera: “Dhorkaan sun jiraatus, isa kanaan duraa caalaa lallabuu fi walitti qabamuu keenya itti fufuuf murteessinee turre. Yihowaan nu wajjin taʼuu isaa akka itti fufu amanannaa qabna turre, dhugumayyuu innis yeroo hunda nuu wajjin ture.”

Namoota Walgaʼii Naannoo bara 2023 “Obsaa”! jedhamuu fi Gabroonee, Bootiswaanaatti geggeeffamurratti argaman

Guraandhala 20, 1974, murtoo isaa jijjiiree Dhugaa Baatonni Yihowaa akka jaarmiyaa amantiitti akka galmeeffaman heyyame. Yeroo harʼaatti, Bootiswaanaa keessatti yoo xinnaate babalʼistoonni 2,400 gumiiwwan 42 keessatti walitti qabamaa jiru. Afaan yeroo ammaatti Bootiswaanaa keessatti walgaʼiiwwan ittiin geggeeffaman Afaan Mallattoo, Ingiliffa, Kaalaangaa (Bootiswaanaa), Seetswaanaa fi Shoonaadha. Obboleessi keenya Haayi Koormikan erga dhorkaan sun kaʼee yeroo muraasa booda Bootiswaanaatti misiyoonii taʼee tajaajiluu jalqabe akkana jedheera: “Obboloonnii fi obboleettonni keenya hanga guyyaa harʼaatti amantii cimaa qabaatanii itti fufaniiru. Walgaʼiiwwan gumii fi walgaʼiiwwan guguddaa irratti ifatti walitti qabamuu dandaʼuun keenya, tokkummaa saba Yihowaa dhandhamuuf nu gargaareera.”

Obboloonnii fi obboleettonni keenya Bootiswaanaa keessa jiran jabaatanii dhaabbachuun isaanii, Yihowaan carraaqqii tajaajiltoonni isaa amanamummaadhaan ‘ajajawwan isaa eeguuf’ godhan yeroo hundumaa akka eebbisu ragaa dabalataa nuuf taʼa.—1 Yohaannis 5:3.