WAXABAJJII 7, 2022
KEENIYAA
Mootummaan Keeniyaa Mirgi Ijoolleen Mana Barumsaatti Qaban Akka Eegsifamu Ajaja Kenneera
Ministeerri Barumsaa Keeniyaa dhiheenya kana abbootiin taayitaa mana barumsaa mirga amantaa barattootaa akka eegsisan ajaja akka kennu gaafateera. Ajajni kun kan kenname Bitootessa 4, 2022tti dha. Kun mirga iloollee Dhugaa Baatota Yihowaa waggoota hedduudhaaf loogiin isaan irra gaʼaa turee eegsisuuf kan gargaaru akka taʼu ni abdanna.
Bara 2015 eegalee, qophiiwwan amantii mana barumsaatti dirqama taʼan irratti hirmaachuu waan didaniif, ijoolleen Dhugaa Baaota Yihowaa 36 taʼan mana barumsaatii ariʼamaniiru ykn yeroo muraasaaf akka hin baranne dhorkamaniiru. Bara 2018tti, bakka buʼoonni waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa Naayiroobiitti argaman miidhaa ijoollee irra gaʼaa jiru isaanitti himuuf abbootii taayitaa barumsaa Keeniyaa wajjin wal arganii turan. Fakkeenyaaf, Onkoloolessa 23, 2018, bakka buʼoonni kun Doktar Amiinaa Mahaamad Barreessituu Koree Ministeera Barnootaa yeroo sanaa wajjin wal arganii turan.
Ajajni mootummaa kun “bulchitoonnii fi hoggantoonni mana barumsaa” Keeniyaa keessa jiran tokko tokko “sababii quubsaa hin taaneen ijoollee mana barumsaatii akka ariʼan” ifatti ibseera. Haala isaa adda baasee yommuu ibsu immoo “keessumaa, . . . manneen barumsaa tokko tokko mirga amantaa barattootaa ni sarbu, amantaa barattootaa sababeeffachuudhaan mana barumsaa isaan hin galmeessan ykn mana barusaatii isaan ariʼu” jedheera.
Akkuma gabaasawwan oduu Keeniyaa irratti balʼinaan ibsame, ajajni kun “mirga amantaa sarbuun seera biyyaalessaa, naannoo fi biyyoolessaa, . . . keessumaa immoo, Heera biyya Keeniyaa cabsuu” akka taʼe irra deddeebiʼee ibseera. Kanaaf, ijoolleen Dhugaa Baatotaa fi kan biroon “gocha amantaa isaanii wajjin wal faallessuu irratti akka hirmatan” gaafatamuu hin dandaʼan. Abbootiin taayitaa mana barumsaa hundi ajaja kana hojii irra akka olchan gaafachuudhaan xumura.
Kimbarlii Nyanjooate, ishiin umuriin ishii waggaa 17 taʼee fi Naayiroobii jiraattu akkana jetteetti: “Warri koo ejjennoo amantaa ani qabuun kan kaʼe mana barumsaatti siʼa shan waamamaniiru. Ajajni ejjennoo keenya isa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe deggeru kun kennamuun isaa baayʼee na gammachiiseera.”
Abbootiin taayitaa gaarii taʼan ajaja kana kennuu isaaniitti guddaa galateeffanna; kun ijoollee mana barumsaa Keeniyaa keessa jirutti baratan ejennoo amantaa isaaniitti jabaatanii dhaabbachuu isaanii akka itti fufan isaan gargaara.—1 Qorontos 15:58.