SEENAA JIREENYAA | GIYOORGI POORCHUULIYAAN
“Jaalalli Ani Yihowaaf Qabu Jabeessee Na Dhaabeera”
Kaampii hojiin humnaa itti hojjetamuu fi Saaybeeriyaa keessaa naannoo Magadaan jirutti yeroon ergame umuriin koo waggaa 23 qofa ture. Yeroo sana cuuphamee Dhugaa Baatuu ergan taʼee waggaa tokko qofa ture. Nama baayʼee jarjaraa fi muuxannoo hin qabne waanan tureef, yaaliin jalqabaa ani amantii koo isaa haaraa nama na waliin hidhametti himuuf godhe lola kaasuu gaʼee ture.
Haa taʼu malee, Kooministii taʼee utuun jiruu, amantii diina Mootummaa akka taʼetti ilaalamu tokkotti akkan makamu wanti na kakaase maali dha? Akkasumas yeroon hojii humnaa hojjetaa turettii fi biyyaa baafamee turetti jaalalli Yihowaan natti argisiisee fi leenjiin inni naa kenne amala koo kan naaf fooyyesse akkamitti?
Haqaa fi Nagaa Sammuu Argachuun Barbaade
Kanan dhaladhe bara 1930 mandara hiyyeettii Taabaanii jedhamtuu fi kaaba Moldoovaatti jirtutti dha. Warri koo ijoollee isaanii jaʼa sooruuf dhaabbata horsiisa loonii tokko keessatti jabaatanii hojjetu turan. Wantoota jireenyaaf barbaachisan hedduu hin qabnu. Haati koo miseensa Waldaa Ortodoksii Raashiyaa ti; abbaan koo immoo miseensa amantii Kaatolikiiti. Gocha jibisiisaa luboonni raawwatan ilaalchisee yeroo hunda cimsanii wal falmu turan.
Umurii koo waggaa 18titti barumsa koo yeroon xumuru, waldaa dargaggootaa Komsoomool jedhamuu fi barumsa Koominstii babalʼisu tokkottin makame. Kaayyoon waldaa kanaa namoonni miseensa Paartii Koominstii akka taʼan leenjisuu dha. Achiis utuma baayʼee hin turin garee naannoo sana jiru keessatti barreessaa akkan taʼun filatame. Barumsawwan akka obbolummaa, wal qixxummaa fi haqaa jiran nan jaalladhan ture; haa taʼu malee, jalʼina haqaa fi balleessaa naannoo kootti raawwatamu yommuun argu keessi koo duwwaa akka taʼe natti dhagaʼame.
Miseensa Komsoomool waanan taʼeef, yeroo isaan waldaa cufanii fi gareewwan amantii bittineessanitti qajeelfama mootummaa Tokkummaa Sooviyeet a baasef ajajamuu malee filannoo hin qabun ture. Mandara keenya keessatti Dhugaa Baatonni muraasni jiru turan. Namoonni kun qulqulluu fi naga qabeeyyii akka taʼan kanan beeku taʼus, namoota sababa qabeeyyii akka hin taanettan isaan ilaala ture. Gaaffii hedduu ani qabuuf deebii kanan argadhu isaan biraa akka taʼe homaa hin beekun ture.
Eessumni koo Dimitriin inni mandara keenya keessa jiraatu Dhugaa Baatuu Yihowaa ti. Bara 1952 waqtii biraatti guyyaa tokko, “Joorji jireenya keetti maal raawwachuu yaadde?” jedhee na gaafate. Namni waaʼee koo yaadee gaaffii akkasii na gaafate isa qofa dha. Sammuu koo keessa gaaffiiwwan deebii hin arganne hedduun jiru turan. Fakkeenyaaf, ‘Waaqayyo yoo jiraate rakkinni hedduun akka jiraatu maaliif heyyame?’ Guyyoottan itti aanan saddeeetiif Dimitiriin gaaffiiwwan kootiif Kitaaba Qulqulluu irraa deebii naaf kenne. Yeroo tokko tokko hanga ganama keessaa saʼaatii sadiitti waaʼee Waaqayyo dubbanna.
Maree kana erga goonee booda, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuufan murteesse. Samii irraa Abbaa dhugumaan naaf yaadu akkan qabu hubachuun eegale. (Faarfannaa 27:10) Beekumsi Kitaaba Qulqulluu ani qabu baayʼee xinnoo taʼus, jaalalli cimaan ani Yihowaaf qabu tarkaanfii guddaa fudhachuuf gahaa ture. Dura taaʼaan naannoo keenya jiru kan na sossodaachise taʼus Paartii Kooministii dhiiseen baʼe. Ergan Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu eegalee jiʼa afur boodas, Fulbaana 1952tti Yihowaaf of murteesseen cuuphame.
Jaalalli Ani Yihowaaf Qabu ni Qorame
Yeroo sanatti sochiin Dhugaa Baatota Yihowaa dhorkamee ture. Taʼus, jaalalan Yihowaaf qabu gocha kootiin argisiisuun barbaade; kanaafuu Dhugaa Baatota mandaroota keessa jiraataniif barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu geessuuf fedhaan of nan dhiheesse. Hojiin kun balaa qaba ture; sababiin isaas namoonni mandarichaa shakkii qaban nama haaraa yommuu argan abbootii taayitaatti gabaasuu dandaʼu. Poolisoota Dhugaa Baatuu taʼuu barbaadan fakkaatanii gumiitti seenan keessaa tokko taʼuu akkan dandaʼan waan yaadaniif Dhugaa Baatonni tokko tokko illee na shakku turan. Taʼus utuma baayʼee hin turin basaastuu akkan hin taane ifa taʼe. Cuuphamee jiʼa lama booda kanan qabame yoo taʼu, barreeffama dhorkame raabseera jedhameen yakkaan himatame.
Gara waggaa tokkoof buufata poolisiitti hidhamee yeroon turetti, poolisoonni amanamummaa koo cabsuuf al hedduu na qoraniiru. Taʼus ani yeroo kanatti Yihowaaf jaalala cimaa horadheen ture. Boodas, Yuukreen magaalaa Odeesaatti dhadacha namoonni hedduun irratti argamanitti mana murtiitti akkan dhihaadhu qophiin ni godhame. Warri koo fi obbolaan koo warri yeroo sanatti Dhugaa Baatota hin taane dhadacha sana irratti akka argaman waamamanii turan.
Akka nama gowwoomfamee miseensa amantii hamaa tokkoo taʼettan himatame. Angawoonni sun warri koo fi obbolaan koo akkan maraadhe akka amanan barbaadanii turan. Warri koo sossodaachifamanii turan. Kanaafuu, booʼanii Dhugaa Baatuu taʼuu koo akkan dhiisu na gaafatan. Ani garuu tasgabbaaʼeen ture. Haadha kootiin akkasan jedhe: “Hin dhiphatin. Ani hin gowwoofamne. Wantan umurii koo guutuu barbaadaa turen argadhe; wantan argadhe kanas matumaa hin dhiisu.” (Fakkeenya 23:23) Beekumsa Kitaaba Qulqulluu hedduu hin qabu, taʼus wanta isatti cichuuf na gahu garuu qaban ture. Gara waggaa jaʼaa booda warri koo waaʼee amantii koo caalaatti barachuudhaan dhugaa taʼuu isaa hubatan, kanaaf isaanis Dhugaa Baatota taʼan.
Waggaa 15f hojii humnaa akkan hojjedhu natti murtaaʼe, kanaafuu naannoo Koolimaa isa Saayibeeraatti argamuu fi kaampii hojiin humna itti hojjetamu hedduu qabuttan ergame. Eegdonnii fi poolisoonni guutummaatti nu toʼachuuf jecha nu reebu, akkasumas nu beelessu turan. Jalqaba irratti haala kana akkamittan dandamadha jedhee yaadeen ture.
Kunuunsaa fi Leenjii Waaqayyo Naaf Kenne
Akkuman achi gaheen Dhugaa Baatonni gara 34 achitti hidhamanii jiran of eeggannoodhaan, “Garee keessan keessa Yonaadaabonni jiruu?” jedhanii na gaafatan. Anis yeruma sana obboloota hafuuraa koo akka taʼan nan hubadhe. Jecha Kitaaba Qulqulluu kana kan fayyadaman isaan qofa dha! Obboloonni muuxannoo qaban haala rakkisaa keessatti qajeelfama Kitaaba Qulqulluu akkamitti akkan hojii irra oolchu na barsiisaniiru, akkasumas amaloota hafuuraa kan akka hubannaa jiran akkan horadhu na gargaaraniiru.
Kaampicha keessatti kanan hojjedhu maashinii irratti ture. Gaaf tokko Meetfaayi inni naa wajjin hojjetu, maqaa qulqullootaa 50 sammuutti akka qabate of tuuluudhaan dubbate. Warra inni qulqulloota jedhe kana ilaalchisee dubbii gaarii hin taane yommuun dubbadhu Meetfaayi na abootuuf yaale; taʼus jalaan baqadhe. Boodas, obboloonni natti kolfaa akka jiran yommuun argu nan aare. Achiis sagalee koo ol kaaseen, “Maaliif natti kolftu. Lallabuu barbaadeen mitii?” isaaniin jedhe. Isaanis gaarummaadhaan galmi keenya misiraachoo labsuu malee, namoota aarsuu akka hin taane na yaadachiisan. (1 Pheexiros 3:15) Meetfaayiin mootummaa kan mormu ykn kan hin kabjne taʼus, kabaja Dhugaa Baatonni eegdotaa fi abbootii taayitaatti argisiisan baayʼee dinqisiifate. Boodas ergaa Kitaaba Qulqulluu barachuuf fedhii qabaate. Halkan inni dhoksaadhaan barmeela bishaan diilalaaʼaa qabutti cuuphame yoom iyyuu hin irraanfadhu.
Akkuma achi geenyeen obboloonni dargaggoonni lamaa fi ani kutaa barumsi siyaasaa itti kennamu irratti akka argamnu afeeramne. Jalqaba irratti walgaʼiiwwan akkasii irratti argamuuf tole hin jennu ture. Walgaʼii akkasii irratti argamuun amanamummaa keenya cabsuu akka taʼetti yaadna turre. (Yohaannis 17:16) Kanaan kan kaʼes torban lamaaf kutaa dukkanaaʼaa keessatti hidhamne. Yommuu gadhiifamnu obboloonni namaaf yaadan walgaʼii akkasii irratti waan argamneef qofa amanamummaa keenya cabsneerra jechuu akka hin taane nuuf ibsan. Kanaa mannaa carraa dhugaa baʼuuf nu gargaaru akka taʼetti ilaaluu dandeenya. Obboloonni jaalala qabeeyyiin kun caalaatti ogeeyyii akka taanuu fi murtoo gochuuf qajeelfama Kitaaba Qulqulluu akka fayyadamnu gaarummaadhaan nu gargaaraniiru.
Leenjiin isaan obsaan naaf kennan, Yihowaan jaalalaan na kunuunsaa akka jiru ragaa argisiisu dha. Fakkeenyaaf lubni nu faana hidhamee jiru tokko itti gaafatamaa herregaa taʼee muudamee ture. Inni saʼaatii nyaataatti yeroo na argu hunda “Naguma ilma Diyaabilos” jedhee nagaa na gaafata ture. Namni na wajjin hidhamee jiru tokko “Akkam Abbayyee” jedhee qoosaadhaan akka deebisu natti hime. Kan nama gaddisiisu gorsa isaa kanan fudhadhe yoo taʼu, kanaan kan kaʼes garmaleen reebame. Obboloonni wanta na mudate yommuu hubatan, amalli ani argisiise sirrii akka hin taane akkan hubadhu na gargaaran. (Fakkeenya 29:11) Boodas lubicha dhiifama nan gaafadhe.
Kaampii hojiin humnaa itti hojjetamutti ergamuu koo dura, walgaʼii Kiristiyaanaa irratti kanan hirmaadhu dhoksaadhaan halkan ykn ganama barii ture. Kaampicha keessa garuu bakki itti dhokatan hin jiru ture. Kanaafuu, nuti obboloonni bakka eegdonni nu arguu dandaʼanitti walitti galagallee dhaabbanne caqasoota dursinee waraqata ciccitaa irratti barreeffanne tokko tokko irratti mariʼanna turre. Kaayyoon keenya hamma dandeenye caqasoota hedduu sammuutti qabachuu fi yeroo hunda yaadachuu ture. Yommuu poolisoonni walgaʼii keenya jeeqan dafnee waraqaa sana liqimsina.
Biyyaa Kanan Baafame Taʼus Jaalala Waaqayyoo hin Dhabne
Bara 1959tti ergan kaampiidhaa gadhiifamee booda, naannoo Kaaraagaandaa isa Kaazaakistaanitti argamuttan ariʼame. Yeroo kanatti toʼannaa jala kanan ture taʼus, fuudhuu akkan dandaʼuuf abbootiin taayitaa guyyaa 20 akka naaf heyyaman isaan nan gaafadhe. Naannoo Toomiski isa Raashiyaa keessa jirutti obboleettii amanamtuu Maariyaa jedhamtu tokko waanan beekuuf achan dhaqe. Achiis akkuman yeroo baayʼee godhu kallattumaanan gara dhimma isaatti seene. Akkasan ishiidhaan jedhe: “Maariyaa ani wal qorachuudhaaf yeroo hin qabu. Natti heerumi!” Ishiinis waliigalte, kanaaf cidha gaaʼelaa salphaa godhanne. Maariyaan qorumsa hedduu dandamachuu koo ni dinqisiifatte, akkaumas Yihowaa tajaajiluu akkan itti fufu na gargaaruu barbaadde.—Fakkeenya 19:14.
Baroota 1960man keessa ifatti manaa gara manaa deemuu hin dandeenyu turre, taʼus karaa al idileetiin amantii keenya namootatti himuuf carraa arganne hundatti ni fayyadamna turre. Bakka tokkotti keessumummaa yommuu afeeramnu ykn bashannana yommuu deemnu, abdii bara baraaf lafa irra jiraachuuf qabnu namootatti himna. Kana malees, namoota haasofsiisuuf carraa barbaanna. Fakkeenyaaf, gara manneen gurgurtaaf qophaaʼanii deemna, achiis abbaa manichaa wajjin maree hafuuraa gochuuf yaalla. Mala kana fayyadamuudhaan Maariyaa fi ani namoota jaʼa qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisneerra, isaanis Dhugaa Baatota Yihowaa taʼaniiru.
Yeroo tokko tokko tibba filannoon godhamutti dhugaa baana turre. Guyyaa tokko poolisonni dhoksaadhaan hojjetan gara warshaa anii fi obboloonni muraasni keessatti hojjennuu dhufan. Achiis namoota nu wajjin hojjetan gara 1000 duratti Dhugaa Baatonni Yihowaa siyaasa irratti kan hin hirmaanne maaliif akka taʼe nu gaafatan. Injinarri hogganaa taʼe tokkoo fi hojjettonni kan biroo hedduun nu irra goranii nuuf falman. Isaan namoota itti gaafatamummaan itti dhagaʼamuu fi jabaannee hojjennu akka taane poolisoota sanatti himan. Gochi isaanii caqasoota yaadannu fayyadamnee ejjennoo keenya akka ibisnu jabina nuuf kenne. Ija jabinaan dhugaa baʼuu keenyaan kan kaʼe, hojjettoonni afur dhugaa Kitaaba Qulqulluutiif fedhii kan argisiisan yoo taʼu, waggaa tokko utuu hin guutin cuuphamaniiru.
Baroota 1970man gara jalqabaatti Kaazaakistaan keessatti namoonni garaa qajeelaa qaban hedduun Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan, kanaaf walgaʼii guddaa keenya isa jalqabaa qopheessuu akka qabnu nutti dhagaʼame. Haa taʼu malee, abbootiin taayitaa utuu hin beekin kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Cidhi gaaʼelaa tokko mandara magaalaa Oolmatiitti dhihoo jirutti waan godhamuuf guyyaa sanatti walgaʼii guyyaa tokkoo gochuuf murteessine. Qophiin keenya cidha gaaʼelaa fi walgaʼii Kiristiyaanaa kan walitti qabate ture; qophii kana irratti misirichaa fi misirrittii wajjin namoonni 300 ol argamaniiru. Haati manaa koo fi obboleettonni muraasni bakka walgaʼii sana miidhagsuu fi nyaata miʼaawaa qopheessuuf jabaatanii hojjetaniiru. Keessumoonni sun keessumaa barumsa Kitaaba Qulqulluu namoonni gara 12 kennan dinqisiifataniiru. Jireenya koo keessatti haasaa Kitaaba Qulqulluu namoota hedduu duratti yeroo jalqabaaf kanan dhiheesse gaafa sana ture.
Jaalalli Waaqayyoo Qorumsa Nu Mudate Keessatti Nu Jabeesseera
Haati manaa koo Maariyaan jireenya ishii guutuu amanamummaadhaan na deggarteetti. Ishiin garraamii fi kan abboomamtu, akkasumas yeroo hunda fedhii Mootummichaaf dursa kan kennitu turte. Ishiin jabina qaamaa cimaa kan qabdu turte, taʼus akkuma tasaa dhukkuba lafee gara waggaa 16f siree irraa akka hin buune ishii taasisuun qabamte. Deggersa intala keenya Luudmiilaa ishii gara laafettii taateetiin bara 2014tti hanga duutetti akka gaariitti ishii kunuunsineerra.
Maariyaa ishiin baayʼee jaalladhu yommuu dhiphattutti, humna akkan hin qabne natti dhagaʼama ture. Haa taʼu malee, hanga gaafa ishiin duuteetti Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota nama jajjabeessan waliin dubbisna turre. Yeroo baayʼee waaʼee addunyaa haaraa waliin haasofna. Yeroo tokko tokko sagalee koo gad qabeen ishii bira taaʼee booʼa. Haa taʼu malee, waaʼee waadaa dinqisiisaa Yihowaan nuuf galee yommuu dubbisnu, ni tasgabboofna, akkasumas haala nu mudate dandamachuuf jabina arganna.—Faarfannaa 37:18; 41:3.
Yihowaan akka na jaallatu guyyaan itti hubadhee kaasee, yeroo hunda na deggeraa fi na kunuunsaa akka jiru natti dhagaʼama. (Faarfannaa 34:19) Yeroon dargaggeessa muuxannoo hin qabne turetti, karaa obboloota amala koo akkan fooyyessu obsaan na gargaaraniitiin jaalala isaa argeera. Kaampii hojiin humnaa itti hojjetamuu fi bakkan biyyaa baafametti yeroo rakkinni na irra gaʼaa ture, Yihowaan karaa Dubbii isaa akka na deggere natti dhagaʼameera. Maariyaa haadha manaa koo ishiin jaalladhu hamma ishiin duututti akkan kunuunsuufis jabina naaf kenneera. Amma jaalalli ani Yihowaaf qabu jireenya koo guutuu jabaadhee akkan dhaabadhu akka na gargaare afaan koo guutee dubbachuu nan dandaʼa.
a Kaazaakistaan, Moldoovaa fi Yuukreen biyyoota hanga bara 1991tti kutaa Tokkummaa Sooviyeet duraanii turan.