Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yan Zabolotnyi/stock.adobe.com

DAMMAQINAAN EEGAA!

Addunyaa Maratti Seeraa Alummaan Dabaleera—⁠Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Addunyaa Maratti Seeraa Alummaan Dabaleera—⁠Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

 Namoonni abbaa humnaa taʼan Heeyitii hunkuraa jiru. Afrikaa kibbaa, Meeksikoo fi biyyoota Laatiin Ameerikaa kan biroo keessatti yakki cimaan raawwatamaa jira. Bakkawwan yakki miidhaa qaamaa namarraan geessisuu hirʼatettimmoo, namoonni oduuwwan saamicha waan dhagaʼaniif baayʼee dhiphatu, akkasumas nageenyi isaanitti hin dhagaʼamu.

 Waaʼee seera alummaa addunyaa maratti babalʼatee Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

Kitaabni Qulqulluun waaʼee seera alummaa kanaa dursee maal jedheera?

 Kitaabni Qulqulluun seeraa alummaan mallattoo “dhuma sirna kanaa” keessaa tokko akka taʼe dursee dubbateera. (Maatewos 24:3) Yesuus Kiristoos taateewwan dhumni sirna kanaa akka dhihaate argisiisan yommuu tarreessu akkana jedheera:

  •  Hamminni dabalaa waan deemuuf, jaalalli namoota hedduu ni qabbanaaʼa.”—Maatewos 24:12.

 Kitaabni Qulqulluun “guyyoota dhumaatti” namoonni “kan of hin toʼanne, gara jabeeyyii, wanta gaarii kan hin jaallanne” akka taʼan dursee dubbateera. (2 Ximotewos 3:1-5) Amaloonni ofittummaarratti hundaaʼan akkasii yeroo harʼatti seera alummaan akka babalʼatu gumaachaniiru.

 Taʼuus Kitaabni Qulqulluun yeroo dhihootti seera alummaan akka badu waan dubbatuuf abdii qabna.

  •   “Yeroo muraasaaf qofa malee, namoonni hamoon hin jiraatan; Bakka isaan turan ni ilaalta, isaan garuu achitti hin argaman. Garraamonni garuu lafa ni dhaalu, nagaa hedduu argataniis baayʼee ni gammadu.”—Faarfannaa 37:10, 11.

 Ergaa abdii namatti horuu isa Kitaaba Qulqulluu keessatti galmeeffamee jiru beekuu fi taatewwan yeroo harʼatti raawwatamaa jiran, raawwii raajii Kitaaba Qulqulluu taʼuusaanii mirkaneeffachuuf caalaatti baradhu. Matadureewwan armaan gadiis ilaali.

 Abdii Amansiisaa Gara Fuulduraatti Raawwatamu

 Mallattoon “Guyyoota” ykn “Bara Dhumaa” Maalidha?

 Kitaabni Qulqulluun Wanta Namoonni Yeroo Harʼaa Jiran Yaadanii fi Godhan Raajii Dubbateera?