Galii Xinnoodhaan Jiraachuu kan Dandeessu Akkamitti?
Kufaatii dinagdeetiin kan kaʼe galiin argattu waan xiqqaateef maallaqa xinnoodhaan jiraachuuf dirqamteettaa? Weerara dhibee, balaa uumamaa, jeequmsa siyaasaa fi waraanaan kan kaʼe haalli dinagdee takkaatti jijjiiramuu dandaʼa. Akkuma tasaa galii dhabuun kan nama dhiphisu taʼus, gorsa gaarii Kitaaba Qulqulluurraa argamurratti hundaaʼuudhaan tarkaanfii tokko tokko fudhachuun kee maallaqa xinnoodhaan jiraachuuf si gargaara.
1. Haala kee isa haaraa amanii fudhadhu.
Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Yeroon irraa hafaa qabaadhuttis taʼe yeroon dhabutti . . . gammadanii jiraachuu baradheera.”—Filiphisiyus 4:12.
Maallaqni amma qabdu isa kanaan dura qabdu irra kan xinnaatu taʼus, maallaqa xinnoodhaan jiraachuu itti baruu dandeessa. Haala kee isa haaraa amantee fudhachuudhaan daftee sirreeffama kan gootu yoo taʼe, atis taate maatiin kee haala isaa dandamachuun isinitti hin ulfaatu.
Mootummaa irraas taʼe dhaabbata kan biraa irraa gargaarsa maallaqaa argachuu kan dandeessu yoo taʼe haala isaa mirkaneeffadhu. Yeroo baayʼee gargaarsa akkasii argachuuf gaafachuun kan dandaʼamu yeroo murtaaʼaa keessatti waan taʼeef dafii tarkaanfii fudhadhu.
2. Maatiidhaan taʼaatii waliin hojjedhaa.
Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Mariin hin jiru taanaan karoorri hin milkaaʼu, gorsitoota hedduudhaan garuu milkaaʼinni ni argama.”—Fakkeenya 15:22.
Hiriyaa gaaʼelaa kee fi ijoollee kee wajjin dhimmicha irratti mariʼadhaa. Dhimmicha akka gaariitti ibsuudhaan miseensonni maatii kee hundi jijjiirama barbaachisu akka hubatanii fi akka deggeran gargaaruu dandeessa. Hundi keessan maallaqa qusannaadhaan kan fayyadamtanii fi homtuu akka hin qisaasofne kan of eeggattan yoo taʼe wanta qabdaniin jiraachuun isinitti hin ulfaatu.
3. Baajata baafadhu.
Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: ‘Taaʼiitii baasii kee shallagi.’—Luqaas 14:28.
Maallaqa xinnoodhaan jiraachuuf yeroo dirqamtu, maallaqa kee hunda akkamitti akka itti fayyadamtu beekuun kee baayʼee barbaachisaadha. Galii jiʼaan argattu barreessiitii haala kee isa haaraa irratti hundaaʼuudhaan baajata baafadhu. Achiis wantoota tokko tokko dhiisuu akka qabdu kan beektu taʼus, baasii jiʼa jiʼaan baastu galmeessi. Maallaqa muraasa wanta akka tasaa mudatuuf fayyadamuu dandeessu baasii jiʼa jiʼaan baastutti dabaluuf yaali.
Gorsa gaarii: Baasii kee yeroo galmeessitu wantoota xixinnoos galmeessuu hin dagatin. Wantoonni kun yeroo walitti qabaman hammam akka taʼan beekuun kee si ajaaʼibsiisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, namichi tokko baasii isaa erga galmeessee booda waggaa waggaadhaan maastikaa bituuf doolaara dhibbaan lakkaaʼamu akka baase hubateera.
4. Wanta dursa kennuufii qabdu murteessi, akkasumas jijjiirama godhi.
Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: ‘Wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda baasaa beekaa.’—Filiphisiyus 1:10.
Humna keetii ol akka hin baasneef, galii kee baasii kee wajjin walbira qabdee ilaaluudhaan wanta hambisuu ykn hirʼisuu dandeessu adda baafadhu. Fakkeenyaaf, wantoota armaan gadii irratti yaadi:
Geejjiba. Konkolaataa tokkoo ol qabda yoo taʼe isa tokko gurguruu dandeessaa? Moodelii haaraa gatiin isaa miʼaa taʼe qabda yoo taʼe, isa gatiin isaa gad aanaa taʼetti jijjiiruu dandeessaa? Geejjiba uummataatti ykn biskileetiitti fayyadamuu ykn miilaan deemuu dandeessaa?
Bashannana. Kontiraata fiilmii, saatalaayitii ykn sagantaa televizyinii maallaqa si baasisu yeroodhaaf haquu dandeessaa? Bashannana kan biraa maallaqa hedduu si hin baasisne barbaaddachuu dandeessaa? Fakkeenyaaf, manni kitaabaa naannoo keessanitti argamu fiilmii, kitaabaa fi wantoota sagaleedhaan qophaaʼan kaffaltii malee siif ergisuu dandaʼa taʼa.
Wantoota Buʼuuraa. Maallaqa bishaan, eleektirikii fi bobaʼaadhaaf baastan hirʼisuu kan dandeessan akkamitti akka taʼe maatiidhaan irratti mariʼadhaa. Ibsaa dhaamsuun kee fi yeroo qaama dhiqattu bishaan qusachuun kee maallaqa qusachuuf gargaara.
Nyaata. Mana nyaataatii nyaachuu mannaa manumatti qopheeffadhu. Nyaata qopheeffattu dursii yaadi; yoo dandeesse wantoota nyaataaf taʼan baayʼisii bitadhu, akkasumas baayʼisii qopheeffadhu; nyaata sirraa hafes akka hin ganne of eeggadhu. Wanta si hin barbaachisne akka hin binneef gara gabaa deemuu kee dura wantoota bitattu galmeeffadhu. Kuduraa fi muduraa naannoo keetti argamu bitadhu; wantoonni kun yeroo baayʼee gatiin isaanii miʼaa miti. Nyaata fayyaadhaaf gaarii hin taane hin bitatin. Mooraa kee keessas kuduraa dhaabuu ni dandeessa.
Uffata. Yeroo uffanni kee dhumutti qofa uffata haaraa bitadhu; faashinii hordofuuf jettee uffata hin bitatin. Uffata salbaajii haala gaarii irratti argamu bitadhu. Uffata kee maashiniidhaan gogsuu mannaa aduu keessa afuu dandeessa; kun maallaqa hedduu siif qusata.
Wantoota Bitachuuf Karoorfatte. Waa bituu kee dura akkana jedhii of gaafadhu: ‘Bituu nan dandaʼaa? Dhuguma na barbaachisaa?’ Meeshaa elektiroonikii ykn konkolaataa bitachuu yaaddeetta taanaan dhiisuu ni dandeessaa? Meeshaalee itti hin fayyadamne ykn si hin barbaachisne gurguruu ni dandeessaa? Kana gochuun kee jireenya kee salphisuu fi galii kee dabaluuf si gargaara.
Gorsa gaarii: Galiin kee hirʼachuun isaa barsiifatawwan miidhaa geessisan kan akka tamboo xuuxuu, qumaara taphachuu ykn dhugaatii alkoolii garmalee dhuguu dhiisuuf si kakaasuu dandaʼa. Sirreeffama akkasii gochuun kee maallaqa qusachuuf qofa utuu hin taʼin fayyaa kee fooyyessuufis si gargaara.
5. Wantoota hafuuraatiif xiyyeeffannaa kenni.
Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Warri wantoota hafuuraa dheebotan gammadoo dha.”—Maatewos 5:3.
Kitaabni Qulqulluun gorsa akkana jedhu kenna: “Akkuma maallaqni eegumsa argamsiisu, ogummaanis eegumsa argamsiisa; caalmaan beekumsaa fi ogummaa garuu nama isaan argate lubbuudhaan jiraachisuu isaanii ti.” (Lallaba 7:12) Namoonni hedduun gorsa Kitaaba Qulqulluu kana hordofuun isaanii waaʼee maallaqaa garmalee yaaddaʼuu irraa akka isaan eege hubataniiru.—Maatewos 6:31, 32.