FAARFANNAA 61
Cimaa, Isin Dhugaa Baatonni!
-
1. Sabni Waaqaa ejjennoo cimaa qabu;
Misiraachichaaf sodaa malee ni falmu.
Seexanni isaan mormaa jira;
Hin sodaatan Waaqni isaan gargaara.
(BUUSAA)
Jabaadhaa cimaa isin Dhugaa Baatonni!
Gammadaa waan hojjettaniif Waaqaa wajjin!
Lafti jannata akka taatu dhihootti,
Eebba argannus himaa hundatti.
-
2. Qananiidhaan jiraachuuf hin carraaqnu;
Addunyaaf mootota gammachiisuuʼn yaallu.
Xuriirraa fagaannee jiraanna;
Amanamummaa keenya ni eegganna.
(BUUSAA)
Jabaadhaa cimaa isin Dhugaa Baatonni!
Gammadaa waan hojjettaniif Waaqaa wajjin!
Lafti jannata akka taatu dhihootti,
Eebba argannus himaa hundatti.
-
3. Waaqaa fi Mootummaasaa mormaniiru;
Maqaasaa isa guddaa balleessaniiru.
Maqaa kana qulqulleessina;
Sabaa fi gosa hundumaa beeksisna.
(BUUSAA)
Jabaadhaa cimaa isin Dhugaa Baatonni!
Gammadaa waan hojjettaniif Waaqaa wajjin!
Lafti jannata akka taatu dhihootti,
Eebba argannus himaa hundatti.
(Dabalataan, Bau. 9:16; Filp. 1:7; 2 Xim. 2:3, 4; Yaq. 1:27 ilaali.)