FAARFANNAA 156
Amantiidhaan
1. Leencicha hin sodaadhu.
Diina koos hin sodaadhu.
Yihowaan koo naaf jira.
Inni na deggera.
Eeyyee ani hin baqadhu.
(BUUSAA)
Amantiidhaan
abdii koo nan ilaala.
Amantiidhaan
sodaa koo nan moʼa.
Yihowaan koo na cimsa,
Anis nan jabaadha,
Akka ʼnni na
gargaarus beeka—
Nan amana.
2. Namoonni amanamoon
Bara durii turani.
Amantiidhaan ciman.
Abdii dhugaas qabu.
Deebiʼanii ni jiraatu.
(BUUSAA)
Amantiidhaan,
abdii koo nan ilaala.
Amantiidhaan
sodaa koo nan moʼa.
Yihowaan koo na cimsa,
Anis nan jabaadha,
Akka ʼnni na
gargaarus beeka—
Nan amana.
(CEESISA)
Amantiidhaan
gaara nan sochoosa.
Amantiidhaan
nan jiraadha.
Amantiin
Qorumsa ʼkka
moonu gargaara
Isa malee hin jiraannu.
3. Abdiin koo naaf ifaa dha
Kan qopheesses Waaqa.
Kanaaf, nan cima.
Yihowaan ni moʼa,
Kun dhiheenyatti raawwatama.
(BUUSAA)
Amantiidhaan,
abdii koo nan ilaala.
Amantiidhaan
sodaa koo nan moʼa.
Yihowaan koo na cimsa,
Anis nan jabaadha,
Akka ʼnni na
gargaarus beeka—
Nan amana,
Nan amana.
(Dabalataan Ibr. 11:1-40 ilaali.)