FAARFANNAA 145
Waadaa Waaqayyo Jannata Fiduuf Gale
-
1. Jannatatti Waaqni nu galcha,
Yesuus waggaa kumaaf bulcha;
Cubbuuf yakka hunda balleessa;
Dhibeef duʼa ni hambisa.
(BUUSAA)
Jannata ni taati lafti;
Ni argina amantiidhaan.
Gooftaan kana ni raawwata;
Fedha abbaasaa ni guuta.
-
2. Yesuus warra duʼan ni kaasa;
Kaayyoo Waaqaa fiixaan baasa.
‘Anaa wajjin jannata galta’
Isa jedhe ni raawwata.
(BUUSAA)
Jannata ni taati lafti;
Ni argina amantiidhaan.
Gooftaan kana ni raawwata;
Fedha abbaasaa ni guuta.
-
3. Lafa jannatatti jijjiira;
Mootii taʼee bulchaa jira.
Abbaa keenya galateeffanna;
Garaadhaa isa jajanna.
(BUUSAA)
Jannata ni taati lafti;
Ni argina amantiidhaan.
Gooftaan kana ni raawwata;
Fedha abbaasaa ni guuta.
(Dabalataan, Mat. 5:5; 6:10; Yoh. 5:28, 29 ilaali.)