FAARFANNAA 115
Obsa Yihowaatiif Galateeffachuu
-
1. Waaqa guddaa irreen kee jabaa,
Waan sirrii taʼe jaallatta.
Hamminni lafarra guute,
Nu dhiphisaa jira beekta.
Hin turtu tarkaanfii fudhatta;
Dhiheenyattʼ obsa kee fixatta.
(BUUSAA)
Abdii guddaadhaan eegganna,
Galataan maqaa kee jajanna.
-
2. Waggaa kumni ilaalcha keetti,
Akka guyyaa tokkittii ti.
Guyyaan kee guddaan hin turu;
Waaqnʼ yeroosaa hin jijjiiru.
Kan jibbitu taʼullee cubbuu,
Ni gammadda yoo namni gaabbu.
(BUUSAA)
Abdii guddaadhaan eegganna,
Galataan maqaa kee jajanna.
(Dabalataan, Nah. 9:30; Luq. 15:7; 2 Phe. 3:8, 9 ilaali.)