Amantiidhaan
Garagalfadhu:
1. Leencicha hin sodaadhu.
Diina koos hin sodaadhu.
Yihowaan koo naaf jira.
Inni na deggera.
Eeyyee ani hin baqadhu.
(BUUSAA)
Amantiidhaan abdii koo nan ilaala.
Amantiidhaan sodaa koo nan moʼa.
Yihowaan koo na cimsa,
Anis nan jabaadha,
Akka ʼnni na gargaarus beeka—
Nan amana.
2. Namoonni amanamoon
Bara durii turani.
Amantiidhaan ciman.
Abdii dhugaas qabu.
Deebiʼanii ni jiraatu.
(BUUSAA)
Amantiidhaan, abdii koo nan ilaala.
Amantiidhaan sodaa koo nan moʼa.
Yihowaan koo na cimsa,
Anis nan jabaadha,
Akka ʼnni na gargaarus beeka—
Nan amana.
(CEESISA)
Amantiidhaan gaara nan sochoosa.
Amantiidhaan nan jiraadha.
Amantiin
Qorumsa ʼkka moonu gargaara
Isa malee hin jiraannu.
3. Abdiin koo naaf ifaa dha
Kan qopheesses Waaqa.
Kanaaf, nan cima.
Yihowaan ni moʼa,
Kun dhiheenyatti raawwatama.
(BUUSAA)
Amantiidhaan, abdii koo nan ilaala.
Amantiidhaan sodaa koo nan moʼa.
Yihowaan koo na cimsa,
Anis nan jabaadha,
Akka ʼnni na gargaarus beeka—
Nan amana,
Nan amana.
(Dabalataan Ibr. 11:1-40 ilaali.)