Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Jireenya Dhugaa

Jireenya Dhugaa

Buufadhu:

  1. 1. Ija ʼmantiitiin, waan haaraa hedduu waliin ilaaluuf jenna.

    Homaaʼn sodaannu, walii wajjin taanee

    Kottaa deemnee daawwanna.

    Walumaan gaarattʼ ol baanee waan hedduu laalla.

    Waan Yihowaarraa arganne daawwannee galla.

    (BUUSAA DURA)

    Gaʼeera, hawwiidhaan eegganna

    (BUUSAA)

    Yeroo mataa ol qabnee ililchinu, waan hundumaa ʼrgannee,

    Yihowaan harkasaa nuuf balʼisee, yaadaan ni ʼlaalla.

    Ni argina!

  2. 2. Namn hundumtuu jireenya haaraadhaaf manasaa ijaarrata.

    Garaa guutuu gammadaa akka jiran hundumarraa mulʼata.

    Hin dhangalaasnu matumaa, imimmaan gaddaa

    Addunyaa haaraa waan seenneef gammanna, eeyyee.

    (BUUSAA)

    Yeroo mataa ol qabnee ililchinu, waan hundumaa ʼrgannee,

    Yihowaan harkasaa nuuf balʼisee, Yaadaan ni ʼlaalla

    Ni argina!

    (CEESISA)

    An ammaaf, yaadasaarrattan xiinxala, achiimmoo nan arga.

    Wantootan eeggachaa ture nan arga

    (BUUSAA)

    Yeroo mataa ol qabnee ililchinu, waan hundumaa ʼrgannee,

    Yihowaan harkasaa nuuf balʼisee, Yaadaan ni ʼlaalla

    (BUUSAA)

    Mataa ol qabannee ililchina, waan hundumaa ʼrgannee,

    Yihowaan harkasaa nuuf balʼisee, Yaadaan ni ʼlaalla

    Ni argina!

    (XUMURA)

    Jireenya — jireenya

    Arganna.

    Jireenya — jireenya

    Arganna.

    Jireenya — jireenya

    Arganna.

    Jireenya — jireenya

    Arganna.