BOQONNAA 9
“Halalummaa Baqadhaa!”
“Egaa yaada keessan wanta lafa irra jirutti isa hidhu, halalummaa fi xuraa’ummaa, kajeellaa fi hawwa hamaa, sassata isa waaqayyolii tolfaman waaqessuutti lakkaa’amus, of keessaa ajjeesaa.”—QOLOSAAYIS 3:5.
1, 2. Bala’aam saba Yihowaarra balaa geessisuuf kiyyoo akkamii qopheesse?
NAMICHI qurxummii qabu bakka itti yeroo hundaa qurxummii qabu dhaqa. Waa’ee gosa qurxummii qabachuu barbaaduu yaada. Nyaata qurxummicha ittiin gowwoomsu filachuudhaan hokkoorra kaa’ee kiyyoosaa bishaanitti darbata. Yeroo gabaabaa booda, kiyyoon sun kan harkifamu yommuu ta’u, innis qurxummii qabate harkisee baasa. Meeshaa sirrii qurxummii ittiin qabu waan filateefis ni gammada.
2 Dh.K.D. bara 1473tti namichi Bala’aam jedhamu kiyyoo ittiin gowwoomsu tokkorratti baay’ee yaadaa ture. Wanti inni kiyyoosaatiin qabuu barbaades, saba Waaqayyoo Dachaa Moo’aab isa qarqara Biyyattii Abdachiifamte bira buufate turedha. Raajii Yihowaati ofiin jedhus; inni nama sassataa Israa’eloota abaaruuf isaanitti bitame ture. Ta’us Yihowaan waan gidduu galeef, Bala’aam Israa’eloota eebbisuu malee homaa gochuu hin dandeenye. Bala’aam badhaasa isaaf qophaa’e argachuu waan hawweef, sabni kun cubbuu cimaa akka hojjetan gochuu yoo danda’e qofa Waaqayyo sabasaa abaara jedhee yaade. Kana yaadatti qabachuudhaanis, dubartoonni Mo’aab warri mimmiidhagoon akka kiyyoo isaanitti ta’an godhe.—Lakkoobsa 22:1-7; 31:15, 16; Mul’ata 2:14.
3. Tooftaan Bala’aam kan isaaf mijaa’e hanga maaliitti ture?
3 Tooftaansaa kun isaaf mijaa’eeraa? Eeyyee hamma tokko isaaf mijaa’eera. Dhiironni Israa’el kuma kudhaniin lakkaa’aman ‘dubartoota Mo’aabii wajjin waan ejjaniif’ kiyyoo isaaniif qophaa’een qabamaniiru. Waaqa hormaataa ykn waaqa saalqunnamtii Lakkoobsa 25:1-9.
Mo’aabotaa isa Ba’aal Phe’or jedhamu dabalatee waaqayyolii Mo’aabotaa warra ciiggaasisoo waaqeffachuu jalqaban. Kanaan kan ka’es Israa’eloonni 24,000 ta’an qarqara Biyyattii Abdachiifamteetti dhuman. Kun baay’ee kan nama gaddisiisu ture!—4. Israa’eloonni kumaan lakkaa’aman ejjaan kan mo’an maaliif ture?
4 Wanti balaan kun akka ga’uuf karaa bane maalidha? Baay’eensaanii Yihowaa isa biyya Gibxii isaan baase, lafa onaatti waan nyaatan isaaniif kenne, gara qarqara biyya abdachiifamtetti nagaan isaan geggeesserraa garagaluudhaan garaansaanii hamaa akka ta’u godhanii turan. (Ibroota 3:12) Phaawulos kana yaadachuun akkas jedhee barreesseera: “Isaan keessaa kaan gaalamootummaatti gad of dhiisanii, guyyaa tokkotti namoonni kumni digdamii sadii akka dhuman, kottaa nu immoo gaalamootummaatti gad of hin dhiifnuu!” *—1 Qorontos 10:8.
5, 6. Seenaan cubbuu Israa’eloonni Dachaa Mo’aabitti raawwatan ibsu yeroo har’aatti kan nu fayyadu maaliifi?
5 Seenaan Seera Lakkoobsaarratti argamu kun saba Waaqayyoo yeroo har’aatti argamaniifi qarqara lafa haaraa biyyattii abdachiifamte durii sana baay’ee caalutti argamaniif barumsa gaarii hedduu qabateera. (1 Qorontos 10:11) Fakkeenyaaf, addunyaan kun saalqunnamtiif bakka guddaa kennuudhaan bara duriirra kan caalu ta’us, Mo’aab duriirraa adda miti. Kana malees, Kiristiyaanonni kumaan lakkaa’aman waggaa waggaan kiyyoo ejjaa Israa’eloonni qabamanii turaniin kufaniiru. (2 Qorontos 2:11) Akkuma Ziimrii isa sodaa tokko malee dubartii warra Miidiyaan gara dunkaanasaa isa bakka Israa’eloonni buufatanitti fide, namoonni saba Waaqayyoo wajjin hariiroo uumanii turan tokko tokko gumii Kiristiyaanaarratti dhiibbaa gadhee geessisaniiru.—Lakkoobsa 25:6, 14; Yihudaa 4.
6 Dachaa Mo’aab isa yeroo ammaatti argamu keessa akka jirtu gootee of ilaaltaa? Badhaasni addunyaa haaraa keessatti argattuufi yeroo dheeraaf hawwiin eegaa turte sitti mul’ataa? Taanaan abboommii, “Halalummaa baqadhaa!” jedhuuf ajajamuudhaan jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguuf wanta dandeessu hundaa godhi.—1 Qorontos 6:18.
HALALUMMAAN MAALIDHA?
7, 8. ‘Halalummaan’ maalidha? Namoonni gocha kana raawwatan wanta facaasan kan galfatan akkamitti?
7 Akka Macaafni Qulqulluun itti fayyadamutti, jechi “halalummaa” (afaan Giriikiitiin, poorniyaa) jedhu, saalqunnamtii deggersa Caaffata Qulqulluu hin qabneefi gaa’elaan ala raawwatamu argisiisa. Ejja, gaalamootummaa, saalqunnamtii namoota wal hin fuune gidduuti raawwatamu, saalqunnamtii karaa afaanii ykn munnee raawwatamuufi qaama hormaataa nama hiriyaa gaa’elaa ofii hin taane sukkuumuu kan dabalatudha. Saalqunnamtii namoota saala wal fakkaatu qabaniifi horii ykn bineensaa wajjin raawwatamus kan dabalatudha. *
8 Kana ilaalchisee ibsi Caaffata Qulqullaa’oo baay’ee ifaadha: Namoonni halalummaa raawwatan gumii Kiristiyaanaa keessatti itti fufuu ykn jireenya barabaraa argachuu hin danda’an. (1 Qorontos 6:9; Mul’ata 22:15) Kana malees, amanamummaa dhabuu, kabaja ofiif dhabuu, gaa’ela nagaa hin qabne, yaada garaa nama ceepha’u, ulfa hin barbaadamne, dhukkuba, kaan hafee du’allee geessisuu waan danda’uuf miidhaan gama kanaan ofirratti fidan baay’ee ulfaataadha. (Galaatiyaa 6:7, 8) Daandii balaa kana hundaa sirraan ga’u maaliif jalqabda? Yeroo baay’ee, namoonni hedduun dogoggora jalqabaa fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan yommuu ilaalan wantoota kana hundaa fageessanii ilaaluu dadhabuunsaanii baay’ee nama gaddisiisa.
FAKKIIWWAN FEDHII SAALQUNNAMTII KAKAASAN— TARKAANFII JALQABAA HALALUMMAATTI GEESSU
9. Akka namoonni tokko tokko dubbatan fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan ilaaluun miidhaa hin geessisuu? Ibsi.
9 Biyyoota hedduutti, fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan bakka gaazexaafi barruuleen gurguramanitti, muuziqaafi televijiiniin kan dhihaatan yommuu ta’an, Intarneetiinis fakkiiwwan akkasiitiin kan guutamedha. * Akka namoonni tokko tokko jedhan miidhaa geessisu hin qabu jechuudhaa? Matumaa! Namoonni fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasu ilaalan amala qaama hormaatasaanii sukkuumuu, akkasumas ‘kajeellaa nama salphisuun’ waan qabamaniif kajeellaan kun fedhii saalqunnamtii uumamaan ala ta’eef, wal diddaa maatii cimaafi sadarkaa hiriyaa gaa’elaasaaniin wal hiikuurra isaan geessisuu danda’a. * (Roomaa 1:24-27; Efesoon 4:19) Hayyuun araada saalqunnamtiirratti qorannoo geggeessu tokko, araada kana dhukkuba kaansarii wajjin wal fakkeesseera. “Guddachuufi babal’achuusaa itti fufa. Carraan kanarraa walaba ta’uuf qabu dhiphoo yommuu ta’u, akka fayyu gochuunis baay’ee rakkisaadha” jedheera.
10. Seera bu’uuraa Yaaqoob 1:14, 15rratti argamu karaawwan kamiin hojiirra oolchuu dandeenya? (Saanduqa, “Jabina Amala Qulqulluu Qabaachuuf Gargaaru Argachuu” jedhu ilaali.)
10 Jecha Yaaqoob 1:14, 15rratti argamu qalbeeffadhu: “Tokkon tokkon namaa kajeellaa ofii isaatii isa hamaadhaan harkifamee yommuu qabamu in qorama. Kajeellaan hamaan erga iddoo ga’ee cubbuu in dhala; cubbuunis erga raawwatamee du’a in dhala.” Kanaaf, kajeellaa gadheen kun sammuukee seeneera taanaan atattamaan tarkaanfii fudhadhu! Fakkeenyaaf, utuu itti hin yaadin akka tasaa fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasu yoo argite, dafii irraa garagali ykn kompiitaricha cufi ykn tamsaasa televijiinichaa jijjiiri. Fedhiin saalqunnamtii to’annaa ala ta’uudhaan halalummaa raawwachuutti si geessuusaa dura, tarkaanfii barbaachisu hundaa fudhu!—Maatewos 5:29, 30.
11. Fedhii dogoggora ta’ee wajjin yommuu qabsoofnu Yihowaatti akka amanamnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
11 Waaqayyo inni hanga nuti of beeknu caalaa nu beeku akkas jedhee nu gorsuuf sababii ga’aa qaba: “Egaa yaada keessan wanta Qolosaayis 3:5) Kana gochuun carraaqqii cimaa akka gaafatu beekamaadha. Ta’us, Abbaa jaalalaafi obsa qabeessa kadhannaa keenya dhaga’u akka qabnu hin dagatin. (Faarfannaa 68:19) Kanaaf, yaanni gadheen gara sammuukeetti yommuu dhufu hatattamaan Waaqayyoon kadhadhu. ‘Humna humna gararraa’ akka sii kennu erga kadhattee booda yaannikee wantoota kaanirratti akka xiyyeeffatu godhi.—2 Qorontos 4:7; 1 Qorontos 9:27; saanduqa “ Amala Gadheerraa Fagaachuu Kanan Danda’u Akkamitti?” jedhu ilaali.
lafa irra jirutti isa hidhu, halalummaa fi xuraa’ummaa, kajeellaa fi hawwa hamaa, sassata isa waaqayyolii tolfaman waaqessuutti lakkaa’amus, of keessaa ajjeesaa.” (12. ‘Garaan’ keenya maal kan argisiisudha? Eeguu kan qabnu maaliifi?
12 Solomoon inni ogeessi, “Wanti jireenyaaf barbaachisu yaada garaa keessaa waan ba’uuf, yaada kee ba’eessa godhii eeggadhu!” jechuudhaan barreesseera. (Fakkeenya 4:23) ‘Garaan’ keenya keessa namummaa keenyaa, jechuunis yeroo Waaqayyo duratti ilaalamnu nama akkamii akka taane kan argisiisudha. Kana malees, jireenya barabaraa argachuufi dhabuun keenya ilaalcha namoonni nuuf qabanitti utuu hin ta’in, ilaalcha Waaqayyo “garaa” keenyaaf qaburratti kan hundaa’edha. Wanti kun salphaa fakkaatus, jireenya nama dhabsiisuu waan danda’uuf dhimma xiyyeeffannaa guddaan kennamuufi qabudha. Iyoob inni amanamaan hawwiidhaan gara dubartii ilaaluurraa fagaachuuf ijasaa wajjin kakuu galeera. (Iyoob 31:1) Fakkeenya gaarii nuu ta’a! Haaluma wal fakkaatuun faarfataan tokko, “Ija koo wanta waa’ee hin baafne ilaaluu irraa jal’isi” jedhee kadhateera.—Faarfannaa 119:37.
FILANNOON DHINEE OGUMMAARRATTI KAN HUNDAA’E HIN TURRE
13. Dhineen eenyu turte? Filannoon michoota filachuuf goote ogummaarratti kan hin hundoofne maaliifi?
13 Akkuma Boqonnaa 3rratti ilaalle, michoonni keenya dhiibbaa gaariis ta’e gadhee nurraan ga’uu danda’u. (Fakkeenya 13:20; 1 Qorontos 15:33) Fakkeenya Dhinee, intala Yaaqoob haa ilaallu. (Uumama 34:1) Dhineen leenjii gaarii argattee guddattus durboota Kana’aanii wajjin michoomte. Akkuma Mo’aabotaa, Kana’aanonnis gocha ciiggaasisaafi manca’aadhaan kan guutaman turan. (Lewwoota 18:6-25) Dhineenis, Sheekem isa namoota mana abbaasaa “hundumaa irra caalaa ulfina” qabu dabalatee, dhiirota Kana’aan duratti durba diddaa tokko malee saalqunnamtii raawwattu taatee mul’atte.—Uumama 34:18, 19.
14. Filannoo Dhineen michoota filachuuf goote haala gaddisiisaa kan geessise akkamitti?
14 Dhineen yommuu Sheekemiin argite saalqunnamtiin raawwadha jettee hin yaanne ta’a. Inni garuu, wanta Kana’aanonni hedduun yeroo fedhiin saalqunnamtii isaanitti dhaga’amu godhan raawwate. ‘Ishee butee wajjin ciisuudhaan waan ishee salphiseef’ carraaqqii Dhineen sa’aatii dhumaatti harkaa ba’uuf goote homaa ishee hin oolchine. Sheekem gara boodaatti Dhinee ‘jaallatus,’ wanta isheerra geessise jijjiiruu hin dandeenye. (Uumama 34:1-4) Sababii kanaan rakkinarra kan bu’e Dhinee qofa hin turre. Hiriyaa gadhee filachuunshee, guutummaa maatichaarratti salphinaafi arrabsoo geessiseera.—Uumama 34:7, 25-31; Galaatiyaa 6:7, 8.
15, 16. Ogummaa dhugaa akkamitti argachuu dandeenya? (Saanduqa, “Caqasawwan Irratti Xiinxaluuf Nu Gargaaran” jedhu ilaali.)
15 Dhineen barumsa kan argatte rakkoo guddaan erga irra ga’ee Fakkeenya 13:20a) Akkas gochuusaaniitiin, “wanta ba’eessa ta’e hunduma” waan hubataniif, rakkinaafi dhiphina hin barbaachisnerraa baraaramu.—Fakkeenya 2:6-9; Faarfannaa 1:1-3.
boodadha. Namoonni Yihowaa jaallataniifi isaaf abboomaman rakkoo isaanirra ga’erraa barumsa argachuu hin qaban. Waaqayyoon waan dhaga’aniif ‘ogeessotaa wajjin adeemuu’ filatu. (16 Namoonni ogummaa Waaqayyoo argachuu hawwan, kadhannaatti jabaachuu, yeroo hundaa Dubbii Waaqayyoofi barreeffamoota Maatewos 24:45; Yaaqoob 1:5) Gorsa Caaffata Qulqullaa’aaf abboomamuuf, gad of deebisuunis barbaachisaadha. (2 Mootota 22:18, 19) Fakkeenyaaf, Kiristiyaanni tokko yaada garaan namaa waan hundumaarra jal’aadha, eenyutu isa beekuu danda’a jedhu akka seera bu’uuraatti ni amana ta’a. (Ermiyaas 17:9) Haata’u malee, tarkaanfii ogummaarratti hin hundoofne fudhachuusaatiin gorsaafi gargaarsi jaalalarratti hundaa’ee yeroo kennamuuf gad of deebisuudhaan fudhataa?
hojjetaa amanamaan qophaa’an qo’achuudhaan, hawwiisaanii kana guuttachuuf waan carraaqaniif ogummaa kana argachuu danda’u. (17. Haala maatii keessatti uumamuu danda’u ibsi. Abbaan tokko intalasaa amansiisuu kan danda’u akkamitti akka ta’e ibsi.
17 Mee haala kanarratti yaadi. Abbaan tokko intallisaa dargaggeessa Kiristiyaana ta’e tokkoo wajjin qofaasaanii yeroo akka dabarsan hin heyyamu. Intallis: “Abbayyee nan amantuu? Wanta gadhee tokkoyyuu hin raawwannu!” jettee deebisti. Yihowaa kan jaallattuufi yaada gadhee kan hin qabaanne taatus, ‘ogummaa waaqayyootiin deddeebi’aa’ jirti jechuu danda’amaa? ‘Halalummaarraa baqachaa’ jirtimoo gowwummaadhaan ‘yaada ofiisheetti amanamti’? (Fakkeenya 28:26) Seera bu’uuraa dabalataa abbaafi intalli kun dhimma kanarratti sirriitti akka yaadan isaan gargaaru yaaduu dandeessa ta’a.—Fakkeenya 22:3; Maatewos 6:13; 26:41 ilaali.
YOSEEF HALALUMMAARRAA BAQATEERA
18, 19. Yoseefiin qorumsa akkamiitu isa mudate? Qorumsicha akkamitti mo’e?
18 Dargaggeessi gaariin Yihowaa jaallatuufi halalummaarraa baqate, Yoseef isa obboleessa Dhinee turedha. (Uumama 30:20-24) Yoseef ijjoollummaasaatti dogoggorri Dhineen raawwatte rakkoo akkamii akka geessise argeera. Waggoota hedduu booda haati manaa gooftaasaa “guyyuma guyyaatti” dogoggora akka raawwatuuf sossobdus, Yoseef seenaa kana yaadachuunsaafi hawwiin inni jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguuf qabu jabaatee dhaabachuuf akka isa gargaare homaa hin shakkisiisu. Yoseef garbicha waan ta’eef salphaadhumatti hojiisaa gad lakkisuu hin danda’u ture! Haala kanaa wajjin ogummaafi ija jabinaan waldhaansoo gochuu qaba ture. Kanas haadha manaa Phoxiifaariif irra deddeebi’ee kan ibse si’a ta’u, dhumarrattis isheerraa baqachuudhaan kana gochuu akka hin barbaanne argisiiseera.—Uumama 39:7-12.
19 Mee yaadi: Yoseef waa’ee dubartittii ykn waa’ee saalqunnamtii irra deddeebi’ee yaaduu kan amaleeffate utuu ta’ee, amanamummaasaa eeguu danda’a turee? Eeguu dhiisuu danda’a. Yoseef yaada gara cubbuutti geessurratti yaaduu mannaa, hariiroo Yihowaa wajjin qabuuf bakka guddaa kennuusaa deebii haadha manaa Phoxiifaariif kennerraa ifati hubachuun ni danda’ama. Akkas jedhe: “Gooftaan koo . . . si malees wanti inni anatti kennuu dhiisee, harkatti hambifate hin jiru; ati immoo haadha manaa isaa ti; egaa ani attamittan hammina guddaa akkasii hojjedha? Cubbuudhaanis attamittan Waaqayyoon yakka ree?”—Uumama 39:8, 9.
20. Yihowaan haalli Yoseef akka jijjiiramu kan godhe akkamitti?
20 Yoseef dargaggeessichi maatiisaarraa fagaatee jiraatu, guyyaa guyyaan amanamummaasaa eegee jiraachuusaa yommuu argu Yihowaan hammam akka gammadu mee yaadi. (Fakkeenya 27:11) Boodas, Yihowaan haallisaa akka jijjiiramu gochuudhaan mana hidhaa keessaa isa baasuu qofa utuu hin ta’in, muummicha ministeeraa biyya Gibxiifi ajajaa midhaanii akka ta’u godheera! (Uumama 41:39-49) Jechoonni Faarfannaa 97:10rratti, “Isin warri Waaqayyoon jaallattan wanta hamaa jibbaa! Inni lubbuu warra isaaf of kennanii in eega, harka jal’ootaas isaan in oolcha” jedhan dhugaa mitii?
21. Dargaggeessi Afriikaa keessa jiraatu tokko jabina akka qabu akkamitti argisiise?
21 Har’aas haaluma wal fakkaatuun Amos 5:15) Obboleessi dargaggeessi Afriikaa keessa jiraatu tokko intalli durbaa kutaasaa barattu qorumsa herregaa yoo ishee gargaare isaa wajjin saalqunnamtii akka raawwattu itti himte. Akkas jedheera: “Battaluma sanattan hin ta’u jedhee isheetti hime. Amanamummaakoo eeguu kootiin ulfinakoo isa warqeefi meetii caalu, akkasumas ofiif ilaalcha gaarii qabachuu danda’eera.” Dhugaadha, cubbuun ‘yeroo gabaabaaf gammachuu’ argamsiisus, booda garuu dhiphina guddaa geessisa. (Ibroota 11:25) Hunda caalaattimmoo, gammachuu barabaraa Yihowaaf abboomamuun argamuu wajjin yeroo waliin ilaalamu wayitti kan lakkaa’amu miti.—Fakkeenya 10:22.
tajaajiltoonni Waaqayyoo hedduun, ‘wanta hamaa akka jibbaniifi wanta gaarii akka jaallatan’ argisiisaniiru. (GARGAARSA WAAQA ARAARA QABEESSARRAA ARGAMU FUDHADHU
22, 23. (a) Kiristiyaanni tokko cubbuu cimaa yoo raawwate, haallisaa abdii kan nama kutachiisu kan hin taane maaliifi? (b) Nama cubbuu raawwate gargaaruuf qophiin akkamii godhameera?
22 Cubbamoota taanuyyuu, hundi keenya, kajeellaa foon keenyaa to’achuufi wanta Waaqayyo duratti sirrii ta’e gochuuf qabsoo cimaa goona. (Roomaa 7:21-25) Yihowaan qabsoo cimaa nuti goonuufi ‘biyyoo ta’uu keenya ni yaadata.’ (Faarfannaa 103:14) Ta’us, yeroo Kiristiyaanni tokko cubbuu cimaa itti raawwatu jiraachuu danda’a. Kana booda abdii hin qabu jechuudhaa? Matumaa! Dhugaadha, namni dogoggora akkasii raawwate akkuma Daawit Mootichaa ija hadhaa’aa galfachuunsaa hin oolu. Ta’us, Waaqayyo yeroo hundaa namoota gaabbuudhaan ‘cubbuusaanii himataniif’ ‘dhiifama’ gochuuf qophaa’aadha.—Faarfannaa 86:5; Yaaqoob 5:16; Fakkeenya 28:13.
23 Akkasumas, Waaqayyo gaarummaadhaan dhiirota “kennaa” ta’an, jechuunis tiksitoota karaa hafuuraa ga’eessota ta’aniifi gumii Kiristiyaanaa gargaaruu barbaadan qopheesseera. (Efesoon 4:8, 12; Yaaqoob 5:14, 15) Kaayyoonsaanii namni dogoggora raawwate kun hariiroo Yihowaa wajjin qabu deebisee akka jabeeffatuufi dogoggora sana dabalee akka hin raawwanne gochuudhaan, akkuma namni ogeessi tokko jedhe akka ‘qalbii godhatu’ gargaaruudha.—Fakkeenya 15:32.
‘QALBII GODHADHU’
24, 25. (a) Dargaggeessi Fakkeenya 7:6-23rratti ibsame nama “qalbii hin qabne” ta’uusaa kan argisiise akkamitti? (b) ‘Qalbii godhachuu’ kan dandeenyu akkamitti?
24 Macaafni Qulqulluun waa’ee namoota ‘qalbii hin qabneefi’ ‘qalbii godhatanii’ dubbata. (Fakkeenya 7:7) Namni “qalbii hin qabne” karaa hafuuraa ga’eessa waan hin taaneefi tajaajila Waaqayyoorratti muuxannoo ga’aa waan hin arganneef, dandeettii waa gargar baasee hubachuu hin qabu ta’a. Akkuma dargaggeessa Fakkeenya 7:6-23rratti ibsamee, salphaadhumatti cubbuu cimaa raawwachuuf saaxilamuu danda’a. “Namni qalbii qabu” garuu, yeroo hundaa Dubbii Waaqayyoo kadhannaan qo’achuudhaan namummaasaa isa keessaatiif xiyyeeffannaa guddaa kenna. Cubbamaa ta’ullee, hanga humnisaa isaaf heyyametti, ilaalcha, fedhii, hawwiifi kaayyoo jireenya keessatti qabu wantoota Waaqayyo jaallatuu wajjin walsimsiisa. Kanaaf, “ofii isaa jaallata” ykn of eebbisa; kanaan kan ka’es “wanti inni hojjetu in tola.”—Fakkeenya 19:8.
25 Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Ulaagaan Waaqayyo sirrii ta’uusaanii guutummaatti nan amanaa? Ulaagaawwan kanaa wajjin haala walsimuun jiraachuunkoo gammachuu guddaa akka naaf argamsiisu cimseen amanaa?’ (Faarfannaa 19:7-10; Isaayaas 48:17, 18) Gama kanaan shakkii xinnoo qabaannaan tuffattee bira hin darbin. Abboommii Waaqayyootiif xiyyeeffannaa kennuu dhiisuun miidhaa akkamii akka geessisu yaadi. Kana malees, dhugaadhaan deddeebi’uun, sammuukee wantoota gaarii, jechuunis waan dhugaa, qajeelaa, qulqulluu, jaallatamaafi gaarii ta’een guutuudhaan, ‘gaarummaan Waaqayyoo attam akka ta’e miyeeffadhuu ilaali.’ (Faarfannaa 34:8; Filiphisiiyus 4:8, 9) Caalaatti wantoota kana gochaa yommuu adeemtu, jaalalli Waaqayyoof qabdu guddachaa kan adeemu ta’uusaarrayyuu, wantoota inni jaallatu akka jaallattu, wantoota inni jibbus akka jibbitu mirkanaa’aa ta’uu dandeessa. Yoseef namuma akka keenyaa ture. Haata’u malee, waggoota hedduuf Yihowaan akka isa sirreessuufi qalbii akka isaaf kennu waan heyyameef, ‘halalummaarraa baqachuu’ danda’eera. Atis akkasaa akka taatu hawwina.—Isaayaas 64:8.
26. Ittaansee mataduree barbaachisaa akkamiitu ibsama?
Fakkeenya 5:18) Ilaalcha Waaqayyo gaa’elaaf qabu boqonnaa lamaan ittaananirratti ibsamu.
26 Uumaan keenya qaama hormaataa kan uume akka wal horruufi hariiroo maatii keessatti argamuun akka gammannuuf malee, akka meeshaa ijoolleen ittiin taphattuu yeroof qofa gammachuu akka nuuf argamsiisaniif miti. (^ key. 4 Baay’inni namootaa Seera Lakkoobsaarratti ibsame “angafoota sabaa” abboota firdiitiin ajjeefamaniifi dheekkamsa Yihowaatiin kallattiidhaan ajjeefaman kan dabalatudha. Isaanis gara 1,000 ta’u.—Lakkoobsa 25:4, 5.
^ key. 7 Xuraa’ummaafi jireenya gadhiisii ilaalchisee ibsa dabalataa argachuuf, Masaraa Eegumsaa Adoolessa 15, 2006rra “Gaaffii Dubbistootaa” jedhu Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’e ilaali. (Amaariffa)
^ key. 9 Jechi “fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan,” jedhuufi asirratti itti hojjetame, fakkii, barreeffama, sagalee ykn wanta fedhii saalqunnamtii kakaasu hundaa kan argisiisudha. Fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan kun, tarii suura haala fedhii saalqunnamtii kakaasuun qophaa’e ykn fakkii yeroo namoonni lama ykn isaa ol ta’an haala yeellaasisaa ta’een saalqunnamtii raawwatan argisiisu ta’uu danda’a.
^ key. 9 Qaama hormaataa ofii sukkuumuun gammaduu ilaalchisee Kutaa Dabalataa, “Barsiifata Qaama Hormaataa Ofii Sukkuumuun Gammaduuf Godhamu Moʼuu” jedhu ilaali.