BARUMSA 15
Jaarsoliin Gumicha Kan Gargaaran Akkamitti?
Luboonni amantii qarshiin kaffalamuuf jaarmiyaa keenya keessa hin jiran. Kanaa mannaa, akkuma jaarraa tokkoffaatti godhamaa ture, ilaaltonni olaanaa gaʼumsa qaban ‘karra hoolota Waaqayyoo akka eeganiif’ ni muudamu. (Hojii Ergamootaa 20:28) Dhiironni karaa hafuuraa gaʼumsa qaban kun, “giddiidhaan utuu hin taʼin, jaalalaan, akka Waaqayyo barbaadutti, buʼaa nama yeellaasisu irraa argachuuf utuu hin taʼin of kennuudhaan” gumii Kiristiyaanaa geggeessu; ni eegus. (1 Phexros 5:1-3) Jaarsoliin kun gargaarsa akkamii nuu godhu?
Nu kunuunsu, akkasumas nu eegu. Jaarsoliin karaa hafuuraa eegumsa nuu gochuuf qajeelfama nuu kennu; akkasumas nu gargaaru. Waaqayyo itti gaafatamummaa guddaa kana hadaraadhaan akka isaanitti kenne waan beekaniif, sabasaa hin hacuucan; kanaa mannaa nageenyaafi gammachuu akka argannuuf gumaacha nuu godhu. (2 Qorontos 1:24) Akkuma tikseen tokko dhimmee hoolotasaa hunda kunuunsu, jaarsoliin gumiis tokkoon tokkoon miseensa gumii beekuuf carraaqqii godhu.—Fakkeenya 27:23.
Akkatti fedha Waaqayyoo raawwachuu dandeenyu nu barsiisu. Jaarsoliin amantaa keenya nuu cimsuuf walgaʼii gumii torban torbaniin geggeessu. (Hojii Ergamootaa 15:32) Dhiironni Waaqayyoof bulan kun tajaajilarratti adda durummaadhaan nuu wajjin hojjetu, kallattiiwwan tajaajilaa hundarrattis nu leenjisu.
Dhuunfaadhaan nu jajjabeessu. Jaarsoliin gumii keenyaa, karaa hafuuraa dhuunfaadhaan nu jajjabeessuuf, mana keenya dhufanii ykn Galma Mootummaatti Caaffata Qulqullaaʼoorraa gargaarsa barbaachisu nuu kennu.—Yaaqoob 5:14, 15.
Jaarsolii baayʼeen, hojii gumii keessatti hojjetan dabalatee, hojii dhuunfaafi itti gaafatamummaa maatii yeroosaanii fudhatuufi xiyyeeffannaasaanii barbaadu qabu. Dhiirota ciminaan hojjetan kanaaf ulfina kennuu qabna.—1 Tasaloniiqee 5:12, 13.
-
Gaʼeen jaarsolii gumii maalidha?
-
Jaarsoliin dhuunfaadhaan akka nu jaallatan kan argisiisan karaawwan kamiini?