Yihowaa
Maqaa isaa
Maqaan Yihowaa jedhu hiika “Akka Taʼu Godha” jedhu akka qabutti yaadama
Yihowaan tajaajiltoota isaa kunuunsuuf jecha maal taʼa ykn maal raawwata?
Fr 19:14; 68:5; Isa 33:22; 40:11; 2Qo 1:3, 4
Dabalataanis Fr 118:14; Isa 30:20; Er 3:14; Zak 2:5 ilaali
Maqaan Waaqayyoo qulqulleeffamuunsaa hunda caalaa barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
Yihowaa isa bulchaa hundaa olii taʼeef ajajamuu qabna kan jennu maaliifi?
Maqaawwan ulfinaa Yihowaa tokko tokko
Hundumaa Kan Dandaʼu—Uma 17:1; Mul 19:6
Abbaa—Mat 6:9; Yoh 5:21
Barsiisaa Guddicha—Isa 30:20
Yihowaa Gooftaa Raayyaa—1Sa 1:11
Mootii bara baraa—1Xi 1:17; Mul 15:3
Ulfina Qabeessa—Ibr 1:3; 8:1
Hundaa Ol—Uma 14:18-22; Fr 7:17
Qarsaa—Kes 32:4; Isa 26:4
Gooftaa Ol Aanaa—Isa 25:8; Amo 3:7
Amalawwan Yihowaa dinqisiisoo taʼan tokko tokko
Yihowaan Qulqullummaasaa ifa kan godhe akkamitti? Tajaajiltoonni isaa kana beekuun isaaniihoo maal gochuuf isaan kakaasa?
Bau 28:36; Lew 19:2; 2Qo 7:1; 1Ph 1:13-16
-
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
-
Isa 6:1-8—Isaayyaas raajichi mulʼata qulqullummaa Yihowaa mulʼisu yommuu argetti, cubbamaa akka taʼe waan beekuuf gatii akka hin qabne isatti dhagaʼamee ture, taʼus Suraafelota keessaa tokko namni cubbamaan Waaqa duratti qulqulluu taʼuu akka dandaʼu isa yaadachiiseera
-
Rom 6:12-23; 12:1, 2—Phaawulos ergaman fedhii cubbuu hojjechuu nu keessa jiru akkamitti mormuu akka dandeenyuu fi “daandii qulqullummaa” akkamitti hordofuu akka dandeenyu ibseera
-
Humni Yihowaa hammam guddaadha? Karaawwan kamfaʼiin itti fayyadama?
Bau 15:3-6; 2Se 16:9; Isa 40:22, 25, 26, 28-31
-
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
-
Kes 8:12-18—Museen raajichi, Yihowaan wantoota gaggaarii kan isaaniif kenne humna isaatti fayyadamee akka taʼe Israaʼeloota yaadachiiseera
-
1Mo 19:9-14—Yihowaan humnasaa isa dinqisiisaa taʼe isatti argisiisuudhaan Eeliyaas raajicha isa dhiphatee ture jajjabeesseera
-
Haqni Yihowaa hunda caala kan jennu maaliifi?
Kes 32:4; Iyo 34:10; 37:23; Fr 37:28; Isa 33:22
-
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
-
Kes 24:16-22—Seera Musee keessatti akka ibsametti, Yihowaan haqa, gara laafinaa fi jaalala wal faana argisiisa
-
2Se 19:4-7—Yoshaafaax Mootichi, abbootiin murtii muudaman ulaagaa namaarratti utuu hin taʼin ulaagaa Yihowaa irratti hundaaʼanii akka murteessan isaan yaadachiiseera
-
Yihowaan hunda caalaa ogeessa taʼuusaa wanti mulʼisu maalidha?
Fr 104:24; Fak 2:1-8; Er 10:12; Rom 11:33; 16:27
Dabalataanis Fr 139:14; Er 17:10 ilaali
-
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
-
1Mo 4:29-34—Yihowaan Solomoon Mootichaaf ogummaa namoonni bara isaatti jiraatan qabanirra caalu isaaf kennuudhaan isa eebbiseera
-
Luq 11:31; Yoh 7:14-18—Ogummaan Yesuus kan Solomoon irra kan caalu taʼus, gad of qabuudhaan maddi ogummaasaa Yihowaa akka taʼe ibseera
-
Yihowaan jaalalli isaa amaloota isaa kaan akka caalu kan argisiise akkamitti?
Yoh 3:16; Rom 8:32; 1Yo 4:8-10, 19
Dabalataanis Sef 3:17; Yoh 3:35 ilaali
-
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
-
Mat 10:29-31—Yesuus dimbiixiiwwanitti fayyadamuudhaan Yihowaan tokkoon tokkoon tajaajiltoota isaa akka jaallatuu fi iddoo guddaa akka isaaniif kennu ibseera
-
Mar 1:9-11—Yihowaan samiirraa ilma isaatti dubbachuudhaan wanta mucaan tokko warra isaarraa barbaadu isaaf godheera; Iddoo akka isaaf kennu, akka isa jaallatuu fi akka isatti boonu ibseera
-
Sababiiwwan kan biroon gara Yihowaatti akka dhihaannu nu taasisan maalfaʼi? Kitaabni Qulqulluun Yihowaan amaloota nama hawwatanii fi armaan gaditti tarreeffaman akka qabus ni ibsa:
Waan hundumaa kan argu—2Se 16:9; Fak 15:3
Kan hin jijjiiramne; kan itti amanamnu—Mil 3:6; Yaq 1:17
Gara laafessa—Isa 49:15; 63:9; Zak 2:8
Bara baraaf kan jiraatu; jalqabaa fi dhuma kan hin qabne—Fr 90:2; 93:2
Arjaa—Fr 104:13-15; 145:16
Dinqisiisaa—Mul 4:1-6
Gammadaa—1Xi 1:11
Kan gad of qabu—Fr 18:35
Gaarii—Luq 6:35; Rom 2:4
Amanamaa—Mul 15:4
Ulfina qabeessa—Fr 8:1; 148:13
Araara qabeessa—Bau 34:6
Obsa qabeessa—Isa 30:18; 2Ph 3:9
Naga qabeessa—Flp 4:9
Qajeelaa—Fr 7:9
Caalaatti Yihowaa beekuun keenya buʼaa akkamii nuuf argamsiisa?
Yihowaa tajaajiluu kan dandeenyu akkamitti?
Yihowaan tajaajiltoota isaarraa humna isaaniitii ol akka hin eegne wanti argisiisu maalidha?
-
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
-
Kes 30:11-14—Seerri Yihowaan karaa Musee Israaʼelotaaf kenne ajajamuuf ulfaataa hin turre
-
Mat 11:28-30—Yesuus inni amala abbaasaa guutummaatti calaqqisiise, Gooftaa gaarii akka taʼe duuka buutota isaatiif mirkaneesseera
-
Yihowaa jajachuun keenya sirrii kan taʼe maaliifi?
Dabalataanis Er 20:9; Luq 6:45; HoE 4:19, 20 ilaali
-
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
-
Fr 104:1, 2, 10-20, 33, 34—Faarfatichi sababii quubsaa Yihowaa itti jajatu uumama irraa argatee ture
-
Fr 148:1-14—Uumamni ijaan mulʼatuu fi maleekonni Yihowaa jajatu, nutis isa jajachuu qabna
-
Gochi keenya waaʼee Yihowaa dhugaa baʼuu kan dandaʼu akkamitti?
Caalaatti Yihowaatti dhihaachuu kan qabnu maaliifi?
Gad of qabuun Yihowaatti dhihaachuuf kan nu gargaaru akkamitti?
Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi xiinxaluun caalaatti Yihowaatti kan nu dhiheessu akkamitti?
Waaʼee Yihowaa wanta baranne hojiirra oolchuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
Waan tokkollee Yihowaa jalaa dhoksuuf yaaluu kan hin qabne maaliifi?
Iyo 34:22; Fak 28:13; Er 23:24; 1Xi 5:24, 25
-
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
-
2Mo 5:20-27—Gehaaz cubbuusaa dhoksuuf kan yaale taʼus, Yihowaan Elsaaʼi raajichi dhugaa isaa akka baru godheera
-
HoE 5:1-11—Anaaniyaasii fi Saphiiraan hafuura qulqulluu waan sobaniif saaxilamaniiru, akkasumas balleeffamaniiru
-