Maatii
Maatii kan hundeesse Yihowaadha
Warra
“Warra” isa jedhu ilaali
Abbaa
“Abbaa” isa jedhu ilaali
Haadha
“Haadholii” isa jedhu ilaali
Abbaa manaa, haadha manaa
“Gaaʼela” isa jedhu ilaali
Ilmaanii fi Intaloota
Ijoolleen maatii keessatti itti gaafatamummaa akkamii qabu?
Ijoolleen warra isaaniif ajajamuu kan qaban maaliifi?
-
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
-
Fr 78:1-8—Israaʼelonni ijoolleen isaanii Waaqatti akka amanamanii fi finciltoota akka hin taaneef, wanta abbootiin isaanii erga Yihowaan seera isaa isaaniif kennee booda raawwatan isaanitti himu turan
-
Luq 2:51, 52—Yesuus cubbuu kan hin qabne ture. Taʼus, yeroo ijoollee turetti warra isaa mudaa qabaniif ni ajajama ture
-
Ijoolleen warra isaanii kabajuun kan isaanitti ulfaatu maaliif taʼuu dandaʼa?
Waaqayyo ijoollee finciltoota taʼan akkamitti ilaala?
-
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
-
Kes 21:18-21—Seerri Musee mucaan mata jabeessaa fi machaaʼaa taʼe, akkasumas sirreeffamuuf tole hin jenne duʼaan akka adabamu ajaja
-
2Mo 2:23, 24—Ijoolleen bara Elsaaʼi raajichaatti turan, bakka buʼaa Waaqayyo kanatti waan qoosaniif baayʼeen isaanii amaaketoota lamaan nyaatamaniiru
-
Warri mirga ijoollee guddisuuf argatan akkamitti ilaaluu qabu?
-
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
-
Lew 26:9—Israaʼelonni ijoollee godhachuu isaanii akka eebba Yihowaatti ilaalu turan
-
Iyo 42:12, 13—Yihowaan amanamummaa guddaa Iyyoob argisiiseef, isaa fi haadha manaasaaf ijoollee dabalataa kudhan kennuudhaan isaan eebbiseera
-
Yihowaan ijoolleen obbolaa taʼan maal akka waliif godhan barbaada?
-
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
-
Uma 27:41; 33:1-11—Yaaqoob obboleessa isaa waan kabajee fi nagaa uumuuf carraaqqii cimaa waan godheef, Esaawu isaa wajjin nagaa uumeera
-
Ijoolleen, erga guddatanii booda warra isaaniif, akkasumas akkoo fi akaakayyuu isaaniif maal gochuu qabu?
-
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
-
Uma 11:31, 32—Abraam yeroo Uurii baʼetti abbaa isaa Taaraa fudhatee deemeera, hamma inni duʼuttis isa kunuunseera
-
Mat 15:3-6—Yesuus, ijoolleen erga guddatanii booda gargaarsa warra isaaniitiif barbaachisu gochuu akka qaban argisiisuuf Seera Museetti fayyadameera
-
Amaatii fi Abbiyyuu
“Amaatii fi Abbiyyuu” isa jedhu ilaali
Akaakayyuu fi Akkoo
“Akaakayyuu fi Akkoo” isa jedhu ilaali