Hacuucuu
Namoonni yoo nu hacuucan maaltu nutti dhagaʼamuu dandaʼa?
Fr 69:20; Fak 18:14; Lal 4:1-3; Mil 2:13-16; Qol 3:21
-
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
-
2Sa 10:1-5—Loltoonni Daawit Mootichaa tokko tokko kallattiidhaan kan hin madoofne taʼanis, diinonni garmalee isaan qaanessanii turan; kanaaf Daawit namoota isaa kanatti gaarummaa addaa argisiiseera
-
2Sa 13:6-19—Taamaar, obboleessi ishee Amnoon erga ishee gudeedee fi ishee qaanessee booda boosseetti, akkasumas uffata ishee tarsaasteetti
-
Namni tokko yeroo hacuucamu Yihowaan haalicha guutummaatti akka beeku wanti argisiisu maalidha? Sana boodahoo maal godha?
Iyo 34:21, 22; Fr 37:8, 9; Isa 29:15, 19-21; Rom 12:17-21
Dabalataanis Fr 63:6, 7 ilaali
-
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
-
1Sa 25:3, 14-17, 21, 32-38—Naabaal inni hamaa fi arrabsituu taʼe Daawitiin arrabsuudhaan maatii isaa balaaf saaxileera, achiis Yihowaan isa rukuteera
-
Er 20:1-6, 9, 11-13—Ermiyaas, lubni Paashuur jedhamu tokko yeroo isa rukutee fi isa hidhetti jalqaba abdii kutatee ture, booda garuu Yihowaan raajiisaa kana jajjabeesseera, akkasumas oolcheera
-