Amantiin Waaqayyorratti Qabu Ibsuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
BOQONNAA 36
Amantiin Waaqayyorratti Qabu Ibsuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
Waaʼee amantii keetii ijoollee si wajjin baratanitti himuurraa duubatti akka jettu kan si taasisu maalidha?
□ Beekumsa Kitaaba Qulqulluu dhabuu
□ Qoosaa sodaachuu
□ Akkamitti marii akka jalqabdu wallaaluu
Malli salphaan waaʼee amantii keetii dubbachuuf si gargaare isa kami?
□ Dhuunfaatti barataa tokko haasofsiisuu
□ Barattoota dura dhaabbattee dubbachuu
□ Waaʼee amantii kee isa Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼee gabaasa qopheessuu
Maqaa barataa waaʼee Kitaaba Qulqulluu yoon kaase na dhaggeeffata jettee yaaddu tokkoo barreessi ․․․․․
BARATTOONNI hedduun haasaa isaaniirratti waaʼee Waaqayyoo hin kaasan. Ispoortii, uffata ykn saala faallaa dabalatee wanta kan biraa kamiyyuu yoo kaaste isaan wajjin salphaatti haasaa jalqabuu dandeessa. Waaʼee Waaqayyoo yoo kaaste garuu waan isaanitti hin tolleef haasaan keessan addaan cita.
Kun kan taʼe hiriyoonni kee Waaqayyotti waan hin amanneef miti; baayʼeen isaanii ni amanu. Isaan keessaa tokko tokko garuu waaʼee kanaa haasaʼuun isaan qaanessa. ‘Kun namatti hin tolu’ jedhanii yaadu taʼa.
Atoo Akkami?
Waaʼee Waaqayyoo hiriyoota kee wajjin haasaʼuurraa duubatti kan jettu yoo taʼe miirri kee nuu gala. Namni warra kaan biratti fudhatama dhabuu barbaadu hin jiru; yeroo warri kaan nutti qoosanimmoo baayʼee qaanofna. Waaʼee amantii keetii yoo dubbatte haalli akkasii si mudachuu dandaʼaa? Eeyyee si mudachuu dandaʼa. Garuummoo wanti ati hin eegnes si mudachuu dandaʼa. Hiriyoonni kee hedduun gaaffilee: ‘Addunyaan kun garamitti deemaa jira?’ akkasumas ‘Rakkinni kan baayʼate maaliifi?’ jedhaniif deebii barbaadaa jiru. Dhimmoota kanarratti nama guddaa wajjin haasaʼuu mannaa hiriyoota isaanii wajjin haasaʼuu filatu.
Taʼus, waaʼee amantaa hiriyoota kee wajjin haasaʼuun sitti ulfaachuu dandaʼa. Nama amantii cimsitu fakkaattee mulʼachuun ykn yeroo dubbattu dogoggora tokkollee akka hin uume yaaddaʼuun si
hin barbaachisu. Waaʼee amantii keetii dubbachuun hamma tokko meeshaa muuziqaa taphachuu wajjin wal fakkaata. Jalqabarratti ulfaataa taʼuu dandaʼaa? Eeyyee taʼuu dandaʼa. Yoo shaakalte garuu sitti salphachaa deema; carraaqqiin kees si kiisa. Maarree, marii jalqabuu kan dandeessu akkamitti?Yeroo baayʼee wanta salphaa taʼeen jalqabuu dandeessa. Fakkeenyaaf, mana barumsaatti oduu dhiheenyatti dhagaʼamerratti kan haasaʼamu yoo taʼe yaada Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼe dubbachuu dandeessa. Yookiinimmoo barataa tokko qofa haasofsiisuuf yaaluu dandeessa. Akkuma Kiristiyaanonni tokko tokko godhan xiyyeeffannaa barataa tokkoo harkisuuf barreeffamoota Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼan minjaalarra kaaʼuunimmoo kanarra salphata. Yeroo baayʼee xiyyeeffannaan isaanii waan harkifamuuf marii jalqabuun salphaadha.
Malawwan olitti ibsaman keessaa isa kam yaaluu dandeessa? ․․․․․
Waaʼee amantii keetii ijoollee daree keetti himuuf malli yaadde kan biraan jiraa? Taanaan, gaditti barreessi.
․․․․․
Yeroo tokko tokko piroojektiin mana barumsaa tokko waaʼee amantii keetii dubbachuuf carraa siif bana. Fakkeenyaaf, waaʼeen jijjiirama tirannaa yoo kaʼe maal goota? Amantii Uumaarratti qabdu ibsuu kan dandeessu akkamitti?
Waaʼee Uumaa Dubbachuu
Dargaggeessi Raayaan jedhamu akkana jedheera: “Barumsi jijjiirama tirannaa daree keessatti barannu wantan sana dura baradherraa guutummaatti addadha. Ragaa amansiisaarratti kan hundaaʼe akka taʼetti waan dhihaatuuf na sodaachisee ture.” Shamarreen Raakel jedhamtus akkasuma ishiitti dhagaʼamee ture. Akkana jetteetti: “Barsiistuun hawaasaa yeroo itti aanutti waaʼee jijjiirama tirannaa akka barannu yeroo dubbattu baayʼeen sodaadhe. Dhimma wal falmisiisu kanarratti ejjennoo koo ibsuun akka na barbaachisu beekan ture.”
Waaʼeen jijjiirama tirannaa daree keessatti yeroo kaʼu maaltu sitti dhagaʼama? Waaqayyo ‘wantoota hundumaa akka uume’ ni amanta. (Mulʼata 4:11) Ragaan qaamni wanta hunda uume akka jiru argisiisu naannoo kee guuteera. Kitaabni barnootaa kee fi barsiisaan kee garuu jireenyi kan argame jijjiirama tirannaatiin akka taʼe dubbatu. ‘Maarree warra hayyoota jedhaman wajjin wal falmuun qabaa?’ jettee yaadda taʼa.
Yaadrimee jijjiirama tirannaatti kan hin amanne si qofa akka hin taane mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa. Saayintistoonni jijjiirama tirannaatti hin amanne jiru. Barsiisonnii fi barattoonni hedduunis hin amanan.
Taʼus, amantii Uumaarratti qabdu ibsuuf wanta Kitaabni Qulqulluun dhimma kana ilaalchisee barsiisu beekuu qabda. Wanta Kitaabni Qulqulluun kallattiidhaan hin ibsinerratti falmuun barbaachisaa miti. Mee fakkeenyota muraasa haa ilaallu.
Kitaabni saayinsii koo laftii fi sirni aduu waggoota biliyoonaan lakkaaʼamaniif akka turan dubbata. Kitaabni Qulqulluun lafa dabalatee guutummaan hawaa guyyaa uumamaa isa jalqabaa dura akka ture dubbata. Kanaafuu, laftii fi sirni aduu waggoota biliyoonaan lakkaaʼaman durayyuu jiru jedhanii yaaduun sirrii fakkaata.—Barsiisaan koo lafti guyyaa jaʼa qofa keessatti uumamuu akka hin dandeenye dubbata. Kitaabni Qulqulluun guyyoonni uumamaa jaʼan kallattiidhaan guyyoota saʼaatii 24 qofa of keessatti qabatan akka taʼan hin dubbatu.
Fakkeenyonni bineeldonnii fi namoonni yeroo booda jijjiiramaa akka dhufan argisiisan daree keessatti ibsamaa ture. Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo lubbu qabeeyyii kan uume “akka akaakuu isaaniitti” akka taʼe dubbata. (Uumama 1:20, 21) Kitaabni Qulqulluun yaada jireenyi wantoota lubbu dhabeeyyii taʼanirraa dhufe ykn Waaqayyo seelii qeenxee tokkotti fayyadamee jijjiirama tirannaatiin uume jedhu hin deggaru. Taʼus, “akaakuu” tokko keessa gosti garaagaraa jiraachuu dandaʼa. Kanaafuu, Kitaabni Qulqulluun “akaakuu” tokko keessatti jijjiiramni uumamuu dandaʼa yaada jedhu hin mormu.
Wantoota boqonnaa kana keessatti ibsaman erga ilaaltee booda barsiisaan ykn barataan tokko akkana yoo jedhan maal jetta:
“Saayinsiin jijjiirama tirannaatiin akka dhufne mirkaneesseera.”․․․․․
“Waaqa waanan hin argineef isatti hin amanu.”․․․․․
Wanta Itti Amantu Ilaalchisee Mirkanaaʼaa Taʼi!
Warri kee Kiristiyaanota yoo taʼan Uumaan akka jiru kan amantu waan isaan si barsiisaniif qofa taʼuu dandaʼa. Amma garuu waan guddatteef, ragaa amansiisaarratti hundaaʼuudhaan ‘dandeettii yaaduu keetti’ fayyadamtee Waaqayyoon waaqeffachuu barbaadda taʼa. (Roomaa 12:1) Kanaafuu, ‘Uumaan akka jiru wanti na amansiise maalidha?’ jedhii of gaafadhu. Saam inni umuriin isaa waggaa 14 taʼe qaama namaarratti erga yaadee booda akkana jedheera: “Qaamni namaa baayʼee wal xaxaadha; kutaaleen isaa hundis akka gaariitti qindoominaan hojjetu. Qaamni namaa jijjiirama tirannaatiin dhufuu hin dandaʼu.” Shamarreen waggaa 16 Hoolii jedhamtu yaada kanarratti walii galti. Akkana jetteetti: “Dhukkuba sukkaaraa waanan qabuuf akkaataa qaamni keenya itti hojjetu ilaalchisee wanta baayʼee baradheera. Fakkeenyaaf, rajiijiin kutaa qaamaa baayʼee xinnoo garaacha keenya duubatti argamudha; dhiignii fi kutaaleen qaamaa kaan hojjechuu isaanii akka itti fufan gochuudhaan hojii guddaa hojjeta. Kun baayʼee nama ajaaʼibsiisa.”
Wantoota Uumaan akka jiru si amansiisan sadi gaditti barreessi.
1. ․․․․․
2. ․․․․․
3. ․․․․․
Waaqni akka jiruu fi jireenyi uumamaan akka argame amanuu keetti qaanaʼuu hin qabdu. Ragaa jirurratti hundaaʼuudhaan ilmaan namootaa qaama dandeettii yaaduu qabuun akka uumaman amanuun sirriidha.
Dhugaa isaa dubbachuuf amantii guddaa kan gaafatu Uumaan akka jiru amanuu utuu hin taʼin jijjiirama tirannaatti amanuudha; jijjiirama tirannaatti amanuun qaamni dinqii hojjetu utuu hin jiraatin dinqiitti amanuu wajjin tokkodha. Dandeettii yaaduu keetti fayyadamtee dhimma kanarratti erga xiinxaltee booda amantii Waaqayyorratti qabdu ibsuuf caalaatti ofitti amanannaa qabaatta.
Ijoolleen umurii keerratti argaman cuuphamaniiru. Atoo tarkaanfii kana fudhachuuf qophoofteettaa?
CAQASA IJOO
“Ani misiraachichatti hin qaanaʼu; misiraachichi . . . humna Waaqayyoo isa namoota amantii qaban hundumaatiif fayyina argamsiisu dha.”—Roomaa 1:16.
GORSA GAARII
Wanta itti amantu yeroo dubbattutti ofitti amanannaa qabaadhu. Hiriyoonni kee akka saalfattu yoo isaanitti dhagaʼame sitti qoosuu dandaʼu. Akkuma ijoolleen si wajjin baratan ilaalcha isaanii ofitti amanannaadhaan dubbatanitti ofitti amanannaadhaan yoo dubbatte garuu akka si kabajan goota.
KANA BEEKTAA?
Yeroo tokko tokko barsiisonni jijjiirama tirannaa ilaalchisee yeroo gaafataman ragaa dhiheessuun isaanitti ulfaata; yeroo akkasiitti barumsa jijjiirama tirannaa kan fudhatan waan barataniif qofa akka taʼe hubatu.
WANTAN GOCHUU YAADE
Hiriyaa daree kootii wajjin marii Kitaaba Qulqulluu jalqabuuf akkanan godha ․․․․․
Uumaatti kanan amanu maaliif akka taʼe yoon gaafatame akkanan jedha ․․․․․
Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․
MAAL SITTI FAKKAATA?
● Wanta itti amantu warra kaanitti himuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
● Karaawwan mana barumsaatti amantii uumamarratti qabdu salphaatti ibsuu itti dandeessu tokko tokko kamfaʼi?
● Dinqisiifannaa Qaama wantoota hundumaa uumeef qabdu argisiisuu kan dandeessu akkamitti?—Hojii Ergamootaa 17:26, 27.
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 299rra jiru]
“Manni barumsaa naannoo tajaajilaa nuti qofti hojjechuu dandeenyudha.”—Iriidaa
[Fakkii fuula 298rra jiru]
Waaʼee amantii keetii dubbachuun akkuma meeshaa muuziqaa taphachuu dandeettii gaafata; shaakaluudhaan dandeettii kee guddifachuu dandeessa
[Fakkii fuula 300, 301rra jiru]
Sodaa kee moʼuudhaan amantii kee ibsuu ni dandeessa