Mana Barumsaatti Waaʼee Amantii Kootii Dubbachuun kan Na Sodaachisu Maaliifi?
BOQONNAA 17
Mana Barumsaatti Waaʼee Amantii Kootii Dubbachuun kan Na Sodaachisu Maaliifi?
“Yeroo tokko tokko mana barumsaatti waaʼee amantii kootii dubbachuuf carraa gaarii nan argadha. Taʼus itti hin fayyadamne.”—Kaaleb.
“Barsiistuun keenya daree keessatti waaʼee jijjiirama tirannaa ilaalcha akkamii akka qabnu nu gaafatte. Kun waaʼee amantii kootii dubbachuuf carraa gaarii akka taʼe beekan ture. Garuu akkuma tasaa sodaa guddaan waan natti dhagaʼameef homaa dubbachuu hin dandeenye. Sana booda baayʼeen jeeqame.”—Jaasmiin.
KIRISTIYAANA yoo taate akkuma Kaalebii fi Jaasmiin sitti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Atis akkuma isaanii dhugaa Kitaaba Qulqulluu baratte ni jaallatta. Kanaafuu, warra kaanitti himuu ni barbaadda. Taʼus waaʼee dhimma kanaa dubbachuuf yaaduunillee si sodaachisa taʼa. Haa taʼu malee, ija jabina horachuu ni dandeessa. Akkamitti? Tarkaanfiiwwan armaan gadii fudhadhu.
1. Wanta si sodaachisu adda baafadhu. Waaʼee amantii keetii warra kaanitti himuuf yeroo yaaddu wanti gaarii hin taane akka si qunnamu tilmaamuun sitti salphachuu dandaʼa. Yeroo tokko tokko garuu wanta si sodaachise ibsuun kee sodaa kee siif hirʼisuu dandaʼa.
Hima armaan gadii guuti:
● Mana barumsaatti waaʼee amantii kootii yoon dubbadhe wanti na sodaachisu ․․․․․
Dargaggoonni Kiristiyaana taʼan kan biroonis akkuma kee sodaan akka isaanitti dhagaʼamu beekuun kee si jajjabeessuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, dargaggeessi waggaa 14 Kiristoofar jedhamu, “Ijoolleen natti kolfu, akkasumas waaʼee koo nama hundumaatti himu jedheen sodaadha” jedheera. Kaaleb inni olitti caqasamemmoo, “Namni tokko gaaffii yoo na gaafate deebii kennuun wallaala jedheen sodaadha” jedheera.
2. Haalli rakkisaan akka si mudatu amanii fudhadhu. Sodaan kan sitti dhagaʼamu sababa maleedhaa? Akkas taʼuu dhiisuu dandaʼa; shamaarreen waggaa 20 Ashlii jedhamtu akkana jetteetti: “Ijoolleen tokko tokko waaʼee amantii kootii dhagaʼuu waan barbaadan fakkaatanii natti dhihaatu. Booda garuu wantan dubbadhe jalʼisuudhaan ittiin na qeequ, akkasumas warra kaan duratti natti qoosu.” Dargaggeessi waggaa 17 Nikool jedhamu akkana jedheera: “Mucaan tokko Kitaaba Qulqulluurraa caqasa tokko baasee Kitaaba *
Qulqulluu koo wajjin yeroo walbira qabu jechoonni isaa garaagara. Achiis Kitaabni Qulqulluun koo akka jijjiirame dubbate. Baayʼeen nahe. Wantan deebisus nan wallaale.”Haalli akkasii kan nama sodaachisudha. Haa taʼu malee, haalawwan akkasiirraa baqachuu mannaa wanta baramaa Kiristiyaana tokko mudatu akka taʼetti ilaali. (2 Ximotewos 3:12) Maatiwu inni waggaa 13 taʼe akkana jedheera: “Yesuus duuka buutota isaarra ariʼatamni akka gaʼu dubbateera. Kanaafuu, namni hundi amantaa keenya akka jaallatu eeguu hin dandeenyu.”—Yohaannis 15:20.
3. Faayidaa isaarratti yaadi. Muuxannoo gaarii hin fakkaannerraa wanti gaariin argamuu dandaʼaa? Shamarreen waggaa 21 Ambar jedhamtu akkana jetteetti: “Namoota Kitaaba Qulqulluudhaaf kabaja hin qabneef waaʼee amantii keetii ibsuun ulfaataadha. Taʼus, wantoota itti amantu caalaatti hubachuuf si gargaara.”—Roomaa 12:2.
Wanta tarkaanfii 1ffaarratti barreessite irra deebiʼii ilaali. Buʼaawwan gaggaarii haalli sun argamsiisuu dandaʼu lamarratti yaadi; achiis gaditti barreessi.
1 ․․․․․
2 ․․․․․
Yaada: Waaʼee amantii keetii ifatti dubbachuun kee, dhiibbaa hiriyaa siif hirʼisuu fi ofitti amanannaa qabaachuuf si gargaaruu kan Fakkeenya 23:15.
dandaʼu akkamitti? Miira Yihowaadhaaf qabdurratti dhiibbaa kan godhu akkamitti? Miira inni siif qaburratti dhiibbaa kan godhu hoo akkamitti?—4. Qophaaʼi. Fakkeenyi 15:28, “Garaan nama qajeelaa deebii kennuu isaa dura ni xiinxala” jedha. Wanta dubbatturratti xiinxaluu malees, gaaffii akkamii kaasuu akka dandaʼan tilmaamuuf yaali. Achiis qorannaa godhi; utuu hin dhiphatin deebii kennuu akka dandeessuufis deebii kenniturratti yaadi.—Chaartii “ Deebii Kennitu Qophaaʼi” jedhuu fi fuula 127 irra jiru ilaali.
5. Jalqabi. Waaʼee amantii keetii dubbachuuf erga qophooftee booda jalqabuu kan qabdu akkamitti? Filannaawwan garaagaraa qabda. Waaʼee amantii keetii dubbachuun bishaan daakuu wajjin walfakkaata; namoonni tokko tokko bishaan keessa kan seenan suuta jedhaniiti; tokko tokkommoo utaalanii itti seenu. Haaluma walfakkaatuun atis dhimmoota amantaa wajjin wal hin qabanne kaastee marii jalqabuudhaan wanta nama sanatti dhagaʼamu beekuuf yaaluu dandeessa. Wantin hin eegne na mudachuu dandaʼa jettee kan sodaattu yoo taʼe garuu kallattiidhaan dubbachuuf filachuu Luqaas 12:11, 12) Dargaggeessi waggaa 17 Andiriwu jedhamu akkana jedheera: “Waaʼee amantii kootii dubbachuu caalaa dubbachuuf yaaduutu natti ulfaata. Takkaa marii erga jalqabnee booda garuu isan yaade caalaa baayʼee natti salphata.” *
dandeessa. (6. Abshaala taʼi. Solomoon, “Namni abshaalli beekumsaan hojjeta” jedhee barreesseera. (Fakkeenya 13:16) Bishaan gadi fagoo hin taane keessa utaaltee akkuma hin lixne falmii hiika hin qabne keessa akka hin seennes of eeggadhu. Dubbachuunis taʼe callisuun yeroo akka qabu yaadadhu. (Lallaba 3:1, 7) Yesuusiyyuu gaaffii tokko tokkoof deebii kennuurraa of qusateera.—Maatewos 26:62, 63.
Deebii kennuuf yoo filattemmoo malaan deebii gabaabaa kenni. Fakkeenyaaf, mucaan si wajjin baratu tokko ‘Sijaaraa kan hin xuuxne maaliifi?’ jedhee yoo si gaafate, ‘Qaama koo faaluu waanan hin barbaanneefi’ jettee deebisuu dandeessa. Deebii inni kennurratti hundaaʼuudhaan waaʼee amantii keetii balʼinaan ibsuuf ykn dhiisuuf filachuu dandeessa.
Tarkaanfiiwwan jaʼan boqonnaa kana keessatti ibsaman waaʼee amantii keetii deebii kennuuf ‘qophaaʼaa taʼuuf’ si gargaaru. (1 Pheexiros 3:15) Qophaaʼaa taateetta jechuun matumaa hin sodaattu jechuu akka hin taane beekamaadha. Shamarreen waggaa 18 Alaanaa jedhamtu akkana jetteetti: “Utuma sodaan sitti dhagaʼamuu waaʼee amantii keetii dubbachuun waa akka raawwatte akka sitti dhagaʼamu godha. Buʼaan isaa gaarii taʼuu dhiisuu akka dandaʼu utuma beektuu sodaa kee moʼuudhaan dubbatteetta. Buʼaan isaammoo gaarii yoo taʼe caalaatti gammadda.”
Mana barumsaatti haalli dhiphisaan si mudataa? Dandamachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe baradhu.
[Miiljaleewwan]
^ Hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu ibsawwan garaagaraatti fayyadamu. Haa taʼu malee, hiikkaawwan tokko tokko yaada Kitaaba Qulqulluu isa jalqabaarra jiru karaa caalaatti sirrii taʼeen dabarsu.
^ Saanduqa, “ Gaaffilee Marii Jalqabuuf Gargaaran” jedhuu fi fuula darberra jiru ilaali.
CAQASA IJOO
“Nama waaʼee abdii keessanii isin gaafatu hundumaaf deebii kennuuf yeroo hunda qophaaʼoo taʼaa; kana kan gootan garuu garraamummaa fi ulfina guddaadhaan haa taʼu.”—1 Pheexiros 3:15.
GORSA GAARII
Ijoollee si wajjin baratanitti wanta itti amanuu qaban ykn wanta itti amanuu hin qabne himuu mannaa, ofitti amanannaadhaan wanta ati itti amantuu fi sababa itti amantu dubbadhu.
KANA BEEKTAA?
Ijoolleen si wajjin baratan tokko tokko ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu hordofuu keetti kan si dinqisiifatan taʼus, waaʼee amantaa keetii si gaafachuuf qaanaʼuu dandaʼu.
WANTAN GOCHUU YAADE
Ijoolleen wajjin baradhu keessaa naman waaʼee amantii koo itti himuu dandaʼu [yoo xinnaate maqaa nama tokkoo barreessi] ․․․․․
Mata dureen nama sana caalaatti hawwachuu dandaʼu ․․․․․
Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․
MAAL SITTI FAKKAATA?
● Ijoolleen si wajjin baratan sababii amantii keetiif kan sitti qoosan maaliif taʼuu dandaʼa?
● Waaʼee amantii keetii dubbachuuf yoo murteessite ofitti amanannaadhaan dubbachuun kee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 126rra jiru]
“Ijoollummaa kootti ijoollee kaanirraa adda taʼuu hin barbaadun ture. Booda garuu amantiin koo jireenya gaarii jiraachuuf kan na gargaaru akkamitti akka taʼe hubachuun jalqabe. Kana hubachuun koo ofitti amanannaa koo naaf guddiseera; amma wantan itti amanutti nan boona.”—Jeesan
[Saanduqa fuula 124rra jiru]
Gaaffilee Marii Jalqabuuf Gargaaran
● “Ganna akkamitti dabarsuu yaadde?” [Deebii isaa erga dhaggeeffattee booda galma hafuuraa kee itti himi; tarii walgaʼii guddaa tokkorratti argamuu ykn tajaajila kee balʼifachuu taʼuu dandaʼa.]
● Wanta oduurratti dhageesse tokko kaasiitii akkana jedhii gaafadhu: “Oduu kana dhageesseettaa? Waaʼee oduu kanaa maaltu sitti dhagaʼama?”
● “Haalli diinagdee addunyaa [ykn rakkina kan biraa] waan fooyyaʼu sitti fakkaataa? [Hamma deebii kennutti eegi.] Akkas kan sitti dhagaʼame maaliifi?”
● “Amantaa kam hordofta?”
● “Gara fuulduraatti maal taʼuu barbaadda?” [Deebii isaa erga dhaggeeffattee booda galma hafuuraa kee itti himi.]
[Chaartii fuula 127rra jiru]
(Guutuun isaa maal akka fakkaatu ilaaluuf barreeffamicha ilaali)
Gilgaala
Deebii Kennitu Qophaaʼi
Maxxanfadhu!
Yaada: Warra kee fi dargaggoota Kiristiyaanota taʼan wajjin chaartii kanarratti mariʼadhaa. Chaarticha guutaa. Achiis gaaffilee ijoolleen wajjin barattu kaasuu dandaʼan kan biroorratti yaadi; maal jettee akka isaaniif deebistus qophaaʼi.
Walaba Taʼuu
Gaaffii
Faaruu Alaabaa kan hin Faarfanne Maaliifi? Biyya Kee hin Jaallattu Jechuudhaa?
Deebii
Biyyan keessa jiraadhu nan kabaja, garuu hin waaqeffadhu.
Gaaffii Ittaanu
Kanaafuu biyya keetiif hin loltu jechuudhaa?
Gaaffii
Eeyyee, Dhugaa Baatonni Yihowaa miliyoonaan lakkaaʼamanii fi biyyoota biroo jiraatanis biyya kana hin lolan.
Dhiiga
Gaaffii
Dhiiga kan hin fudhanne maaliifi?
Deebii
Kitaabni Qulqulluun dhiigarraa akka fagaannu waan ajajuufi. Yaalii fayyaa dhiiga malee kennamu garuu ni fudhanna; yaaliin fayyaa akkasii Eedsiif ykn heppitaayitasiif nama hin saaxilu.
Gaaffii Ittaanu
Dhiiga yoo fudhachuu baatte ni duuta yoo jedhamte hoo? Waaqayyo dhiifama siif hin godhuu?
Deebii
․․․․․
Filannaa
Gaaffii
Abalu amantaa keessan hordofa, garuu akkana akkana godheera. Atoo maaliif akkas hin gootu?
Deebii
Ulaagaalee Waaqayyoo baranneerra, garuu akka eegnu hin dirqisiifamnu. Hundi keenya filannaa mataa keenyaa goona.
Gaaffii Ittaanu
Kanaafuu ulaagaa garaagaraa qabdu jechuudhaa?
Deebii
․․․․․
Uumama
Gaaffii
Jijjiirama tirannaatti kan hin amanne maaliifi?
Deebii
Maaliifan amana? Saayintistoonni beektota jedhamanillee dhimma kanarratti walii hin galan.
Gaaffii Ittaanu
․․․․․
Deebii
․․․․․
[Fakkii fuula 125rra jiru]
Waaʼee amantii keetii dubbachuun bishaan daakuu wajjin walfakkaata; suuta jettee jalqabuu ykn utaaltee itti seenuu dandeessa