Haati Koo ykn Abbaan Koo Deebiʼanii Gaaʼela Yoo Dhaabbatan Maal Gochuun Qaba?
BOQONNAA 5
Haati Koo ykn Abbaan Koo Deebiʼanii Gaaʼela Yoo Dhaabbatan Maal Gochuun Qaba?
HAATI kee * guyyaa cidha ishiitti baayʼee gammaddeetti. Ati garuu hin gammanne. Maaliif? Warri kee deebiʼanii akka wajjin jiraatan abdachaa waan turteefi; kana booda garuu kun taʼuu hin dandaʼu. Haati kee nama kan biraatti kan heerumte abbaa kee duʼaan dhabdee utuma baayʼee hin turin yoo taʼemmoo miirri kee caalaatti miidhamuu dandaʼa.
Haati kee nama kan biraatti yeroo heerumtu maaltu sitti dhagaʼame? Yaadawwan armaan gaditti tarreeffaman keessaa isa miira kee ibsurratti mallattoo ✔ godhi.
□ Nan gammade
□ Nan sodaadhe
□ Akkan ganame natti dhagaʼame
□ Abbaa buddeenaa koottin hinaafe
□ Abbaa buddeenaa koo jaallachuu waanan jalqabeef abbaa koo akkan gane natti dhagaʼame
Miirri dhumarratti ibsame kan sitti dhagaʼame abbaa keetiif
amanamaa taʼuu waan barbaadduuf taʼuu dandaʼa. Sababni isaa maaliyyuu yoo taʼe, miirri olitti ibsame sitti dhagaʼamuun isaa karaa miidhaa geessisuun miira kee akka ibsitu gochuu dandaʼa.Fakkeenyaaf, abbaa buddeenaa keetti jireenyi akka ulfaatu goota taʼa. Haati kee fi abbaan buddeenaa kee akka gargar baʼaniif walitti isaan buusuufillee ni yaalta taʼa. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun akeekkachiisa, “Namni maatii isaa irratti rakkina fidu hundi bubbee dhaala” jedhu kenna; kana jechuun buʼaa tokkollee hin argatu jechuudha. (Fakkeenya 11:29) Kiyyoo akkasiirraa fagaadhu. Nama kamiyyuu utuu hin miidhin miira sitti dhagaʼamu dandamachuu dandeessa. Mee fakkeenya muraasa haa ilaallu.
Haala Rakkisaa 1: Aangoo Abbaa Buddeenaa Kee Kabajuu
Aangoo abbaa buddeenaa jalatti buluun salphaa miti. Wanta tokko akka gootu yeroo gaafatamtu, karaa kabaja hin qabneen ‘Ati abbaa koo miti!’ jechuuf qoramta taʼa. Tarii deebii akkasii kennuun kee hamma tokko si gammachiisa taʼa; taʼus, kun bilchina kan hin qabne taʼuu kee argisiisa.
Karaa biraatiin aangoo abbaa buddeenaa kee kabajuun kee gorsa Kitaaba Qulqulluu, ‘Hubannaa keessaniin gaʼeessota taʼaa’ jedhu akka hojiirra oolchitu argisiisa. (1 Qorontos 14:20) Abbaan buddeenaa kee wantuma abbaan kee hojjetu waan hojjetuuf isa kabajuun kee barbaachisaadha.—Fakkeenya 1:8; Efesoon 6:1-4.
Abbaan buddeenaa kee si adabuun isaa akka si jaallatuu fi akka siif yaadu argisiisa. (Fakkeenya 13:24) Shamarreen waggaa 18 Iivoon jedhamtu akkana jetteetti: “Abbaan buddeenaa koo nu adaba ture; kunimmoo wantuma abbaan tokko gochuu qabudha. Gorsa isaa fudhachuu diduun, kunuunsa waggoota hedduudhaaf karaa qaamaa fi karaa hafuuraa nuu godheef dinqisiifannaa dhabuu akka taʼe natti dhagaʼama. Kun galata dhabuudha.”
Ammallee isa komachuuf sababa quubsaa qabda taʼa. Taanaan, gorsa Qolosaayis 3:13 irra jiru hojiirra oolchuudhaan ‘gaʼeessa’ taʼuu kee argisiisi; caqasichi, “Namni tokko sababii nama kan biraa itti komatu yoo qabaate illee, wal dandaʼuu fi tola waliif dhiisuu keessan itti fufaa” jedha.
Amaloota gaggaarii abbaan buddeenaa kee qabu lama ykn isaa ol barreessi.
․․․․․
Amaloota gaggaarii abbaan buddeenaa kee qabu yaadachuun kee caalaatti isa kabajuuf kan si gargaaru akkamitti?
․․․․․
Haala Rakkisaa 2: Arjaa Taʼuu fi Yaada Warra Kaanii Fudhachuu Barachuu
Dargaggeessi waggaa 24 Aaron jedhamu akkana jedheera: “Abbaan koo siʼa lama fuudhe. Kanaafuu, haadhotii buddeenaa koo lamaanittiyyuu jaalala argisiisuun natti ulfaatee ture. Jalqabarratti akkuma keessummaa taʼu, yeroo booda garuu dirqama isaan jaallachuu akkan qabu natti himame. Baayʼeen burjaajaʼe.”
Siinis haalli rakkisaan akkasii si mudatee taʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, iddoo mucaa hangafaa ykn mucaa tokkicha taʼuudhaan qabdu dhabuu dandeessa. Ilma yoo taate yeroo dheeraadhaaf maaticha kunuunsuuf itti gaafatamummaan akka sirra jiru sitti dhagaʼama taʼa; amma garuu itti gaafatamummaan isaa kan abbaa buddeenaa keetii taʼeera. Yookiin yaada Iivoonirratti walii galta taʼa. Akkana jetteetti: “Abbaan koo matumaa haadha kootiif xiyyeeffannaa kennee hin beeku; kanaafuu, anatu yeroo dheeraa ishii wajjin dabarsa ture. Abbaan buddeenaa koo garuu xiyyeeffannaa guddaa ishiidhaaf kenna. Yeroo waliin dabarsu, akkasumas waliin haasaʼu; kanaafuu, haadha koo akka na jalaa fudhate natti dhagaʼame. Yeroo booda garuu ilaalcha koo sirreessuu dandaʼeera.”
Atis akkuma Iivoon ilaalcha kee sirreessuu kan dandeessu akkamitti? Kitaabni Qulqulluun, “Yaada ofiitti kan hin cichine taʼuun keessan namoota hundumaa biratti kan beekame haa taʼu” jedha. (Filiphisiyus ) Jechi “yaada ofiitti kan hin cichine” jedhamee hiikame “nama tole jedhu” jechuudha, ilaalcha namni mirga isaa kabachiisuurratti hin xiyyeeffanne qabu argisiisa. Gorsa kana hojiirra oolchuu kan dandeessu akkamitti? (1) Wanta darberratti hin xiyyeeffatin. ( 4:5Lallaba 7:10) (2) Abbaa buddeenaa keettis taʼe ijoollee isaatti arjummaa argisiisuuf fedhii qabaadhu. (1 Ximotewos 6:18) (3) Akka alagaatti isaan hin ilaalin.
Qabxiilee armaan olitti ibsaman keessaa isa kamirratti hojjechuu barbaadda? ․․․․․
Haala Rakkisaa 3: Loogii Dandamachuu
Taaraan akkana jetteetti: “Abbaan buddeenaa koo anaa fi obboleettii koo caalaa ijoollee isaa jaallata. Nyaata barbaadan isaaniif bita, akkasumas fiilmii ilaaluu barbaadan isaaniif kireeffata. Wanta isaan gammachiisu hunda isaaniif godha.” Haala akkasii dandamachuun salphaa miti. Maarree, maaltu si gargaara? Abbaan buddeenaa tokko miira ijoollee isaatiif qabu ijoollee haadha manaa isaatiif kan hin qabaanne maaliif akka taʼe hubachuuf yaali. Tarii akkas kan godhu firooma dhiigaa waan qabaniif utuu hin taʼin yeroo dheeraadhaaf waan waliin jiraataniif taʼuu dandaʼa. Atis abbaa buddeenaa kee caalaa haadha keetti dhihaatta taʼa.
Haa taʼu malee, wal qixxeessuu fi haqa argisiisuu gidduu garaagarummaa guddaatu jira. Namoonni eenyummaa garaagaraa qabu, wanti isaan barbaachisus
garaagara. Kanaafuu, abbaan buddeenaa kee warra kaan wajjin wal qixa si ilaaluu fi dhiisuu isaarratti utuu hin taʼin, carraaqqii wanta si barbaachisu sii dhiheessuuf godhurratti xiyyeeffadhu.Abbaan buddeenaa kee wanta si barbaachisu akkamii siif dhiheessaa jira?
․․․․․
Wanti akka sitti hanqate sitti dhagaʼamu maalidha?
․․․․․
Wantoonni tokko tokko akka sitti hanqatan yoo sitti dhagaʼame, kabajaan abbaa buddeenaa kee maaliif hin haasofsiistu?
Obsaan Aannan Goromsaa Dhuga!
Abbaa buddeenaa kee wajjin walitti dhufeenya cimaa qabaachuuf waggoonni muraasni si barbaachisuu dandaʼu. Sana booda miira walii akka gaariitti walii hubachuu ni dandeessu. Kanaafuu, obsa qabaadhu. Yeroo gabaabaa keessatti akkuma maatii tokkootti jaalala waliif qabaanna jettee hin yaadin.
Toomaas haati isaa nama biraatti yeroo heerumtu baayʼee dhiphatee ture. Haati isaa ijoollee afur qabdi; namni ishiin itti heerumtemmoo ijoollee sadii qaba. Toomaas, “Maatii keenya keessa wal loluun, falmiin, jeequmsii fi dhiphinni jira ture” jedhee barreesseera. Maarree, yeroo booda haalli isaanii akka fooyyaʼu kan godhe maalidha? “Qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu hojiirra oolchuun keenya rakkina jiru furuuf nu gargaareera” jedheera.
Obbolaan kee yoo si aarsan maal gochuu dandeessa?
[Miiljalee]
^ Nama kan biraa wajjin gaaʼela kan dhaabbatte haadha akka taatetti kan ibsine taʼus, gorsi kenname ijoollee abbaan isaanii nama kan biraa wajjin gaaʼela dhaabbateefis ni hojjeta.
CAQASA IJOO
“Jalqaba wanta tokkoo irra dhuma wanta sanaa wayya. Of tuuluu irra obsuu wayya.”—Lallaba 7:8.
GORSA GAARII
Ijoolleen saala faallaa taʼanii fi maatii garaagaraarraa dhufan yeroo jalqaba waliin jiraatan wal hawwachuu dandaʼu. Kanaafuu, wantoota fedhii saalaa kakaasan yaaduurraa fagaadhu, uffannaan kee ykn amalli kees fedhii saalaa kan kakaasu akka hin taane of eeggadhu.
KANA BEEKTAA?
Ijoolleen abbaa buddeenaa kees haala jijjiirame kanatti baruun isaanitti ulfaateera taʼa.
Wantan Gochuu Yaade
Wantoota gaggaarii armaan gadii abbaan buddeenaa koo maatichaaf godhe yaadachuudhaan kabajan isaaf qabu guddifachuuf nan yaala (wantoota gaggaarii lama barreessi) ․․․․․
Ijoolleen abbaa buddeenaa koo yoo na mufachiisan wantoota armaan gadii gochuudhaan qajeelfama Roomaa 12:21 irra jiru hojiirra oolchuu nan dandaʼa ․․․․․
Dhimma kana ilaalchisee wantan haadha koo ykn abbaa buddeenaa koo gaafachuu barbaadu ․․․․․
MAAL SITTI FAKKAATA?
● Abbaan buddeenaa kee ykn ijoolleen isaa maatii keessanitti makamuu isaaniitti wanti isaan sodaachise maal taʼuu dandaʼa?
● Ilaalcha maatii kee isa haaraadhaaf qabdu balʼifachuun kan si barbaachisu maaliifi?
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 38rra jiru]
“Gaaʼelli haati koo dhaabbatte inni lammaffaanis ni diigame. Taʼus ammayyuu ijoollee abbaa buddeenaa kootii wajjin baayʼee walitti dhihaanna. Isaaniitti firoomuu kootti baayʼeen gammada.”—Taaraa
[Fakkii fuula 39rra jiru]
Maatii lama walitti makuun bishaanii fi simmintoo walitti makuu wajjin wal fakkaata; yeroo fi carraaqqii guddaa gaafata, taʼus dhumarratti cimaa fi yeroo dheeraadhaaf kan turu taʼa