Warra Roomaatiif 14:1-23

  • Walitti hin murteessinaa (1-12)

  • Warra kaan hin gufachiisinaa (13-18)

  • Nagaa fi tokkummaadhaaf hojjechuu (19-23)

14  Nama amantii isaatti laafaa taʼe simadhaa;+ taʼus ilaalcha addaa qabaachuu isaatiin* isatti hin murteessinaa.  Namni tokko waan hundumaa nyaachuu akka qabu amana; namni amantiin isaa laafaa taʼe garuu kuduraa qofa nyaata.  Inni nyaatu isa hin nyaanne hin tuffatin, inni hin nyaannes isa nyaatutti hin murteessin;+ sababiin isaas, Waaqayyo isa simateera.  Ati inni tajaajilaa isa kan biraatti murteessitu eenyu?+ Inni yoo dhaabbate yookiin yoo kufe gooftaa isaatiifi.+ Yihowaan* akka inni dhaabbatu gochuu waan dandaʼuuf, inni dhaabbachuu ni dandaʼa.  Namni tokko guyyaan tokko isa kan biraa irra akka caalu yaada;+ inni tokko immoo guyyaan tokko guyyoota kaanii wajjin qixxee akka taʼetti yaada;+ namni hundi wanti inni amanu sirrii taʼuu isaa guutummaatti haa mirkaneeffatu.  Namni guyyaa tokko kabaju Yihowaadhaaf* jedhee kabaja. Namni nyaatus Waaqayyoon waan galateeffatuuf, Yihowaadhaaf* jedhee nyaata;+ namni hin nyaannes Yihowaadhaaf* jedhee hin nyaatu, taʼus Waaqayyoon ni galateeffata.+  Nu keessaa namni ofiif qofa jiraatu hin jiru;+ akkasumas namni ofiif qofa duʼu hin jiru.  Sababiin isaas, yoo jiraanne Yihowaadhaaf* jiraanna,+ yoo duunes Yihowaadhaaf* duuna. Kanaafuu, yoo jiraannes yoo duunes nuti kan Yihowaa* ti.+  Kiristoos sababii kanaaf, jechuunis warra duʼan irrattis taʼe warra jiran irratti Gooftaa taʼuu akka dandaʼuuf duʼeera, deebiʼees jiraateera.+ 10  Egaa ati maaliif obboleessa keetti murteessita?+ Yookiin maaliif obboleessa kee tuffatta? Nuti hundi keenya barcuma murtii Waaqayyoo dura ni dhaabbanna.+ 11  Sababiin isaas, “‘Jiraataa taʼuu kootiin nan kakadha,+ jilbi hundi anaaf ni jilbeenfata, arrabni hundis ani Waaqayyo taʼuu koo ifatti ni beeksisa’ jedha Yihowaan”*+ jedhamee barreeffameera. 12  Kanaafuu, tokkoon tokkoon keenya waaʼee ofii keenyaa Waaqayyoof deebii ni kennina.+ 13  Egaa, kana booda walitti murteessuu haa dhiisnu;+ kanaa mannaa, wanta nama gufachiisu yookiin wanta nama danqu obboleessa keenya dura kaaʼuu dhiisuuf haa murteessinu.+ 14  Ani wanti ofii isaatiin xuraaʼaa taʼe tokko illee akka hin jirre karaa Gooftaa Yesuus beeka, akkasumas mirkanaaʼaa taʼeera;+ namni tokko wanta tokko xuraaʼaa akka taʼetti yoo ilaale garuu, wanti sun isaaf xuraaʼaa dha. 15  Obboleessi kee sababii nyaataatiin akka mufatu yoo goote, ati jaalalaan deddeebiʼaa hin jirtu.+ Nyaata keetiin namni Kiristoos duʼeef akka badu hin godhin.+ 16  Kanaafuu, wanti gaariin isin hojjettan maqaa gadhee akka qabaatu hin godhinaa. 17  Mootummaa Waaqayyoo jechuun nyaataa fi dhugaatii jechuu miti;+ kanaa mannaa qajeelummaa, nagaa fi gammachuu hafuura qulqulluudhaan argamu dha. 18  Sababiin isaas, namni akka kanaan Kiristoosiin akka garbaatti tajaajilu kam iyyuu Waaqayyo durattis taʼe namoota duratti fudhatama ni qabaata. 19  Kanaafuu, wantoota nagaa argamsiisanii+ fi wal ijaaruuf gargaaran+ haa hordofnu. 20  Nyaataaf jettee hojii Waaqayyoo diiguu kee dhiisi.+ Wanti hundi qulqulluu akka taʼe beekamaa dha; namni tokko nyaachuun isaa warra kaan kan gufachiisu yoo taʼe garuu miidhaa qaba.*+ 21  Obboleessa kee kan gufachiisu yoo taʼe, foon nyaachuu yookiin daadhii wayinii dhuguu yookiin wanta akkamii iyyuu gochuu dhiisuun gaarii dha.+ 22  Amantiin ati qabdu dhimma sii fi Waaqayyo gidduu jiru haa taʼu. Namni wanta tokko itti amanee erga raawwatee booda ofitti hin murteessine gammadaa dha. 23  Utuu shakkuu yoo nyaate garuu amantiidhaan waan hin nyaanneef dursee itti murteeffameera. Eeyyee, wanti amantii irratti hin hundoofne hundi cubbuu dha.

Miiljaleewwan

Ykn tarii, “gaaffii keessa isaatti uumamuun.”
Ykn., “dogoggora dha.”