Faarfannaa 99:1-9

  • Yihowaan Mootii qulqulluu dha

    • Kiruubelotaa olitti teessoo irra taaʼeera (1)

    • Waaqa dhiifama godhuu fi adabu (8)

99  Yihowaan Mootii taʼeera.+ Saboonni haa romʼan. Inni kiruubelotaa olitti* teessoo irra taaʼeera.+ Lafti haa raafamtu.   Yihowaan Xiyoon keessatti guddaa dha,Saboota hundumaa irrattis kan ol qabame dha.+   Inni sodaachisaa fi qulqulluu waan taʼeef,Isaan maqaa kee isa guddaa haa jajatan.+   Inni mootii jabaa haqa jaallatu dha.+ Ati wanta qajeelaa taʼe cimsitee dhaabdeetta. Yaaqoob keessatti haqaa fi qajeelummaa argamsiisteetta.+   Waaqa keenya Yihowaa ol qabaa,+ ejjeta miila isaa durattis sagadaa;*+Inni qulqulluu dha.+   Musee fi Aaron luboota isaa keessaa tokko turan,+Saamuʼelis warra maqaa isaa waammatan keessaa tokko ture.+ Isaan Yihowaa ni waammatu turan,Innis isaaniif ni deebisa ture.+   Inni utubaa duumessaa keessaa isaanitti dubbata ture.+ Isaanis yaadachiisawwanii fi labsiiwwan inni isaaniif kenne eeganiiru.+   Yaa Waaqa keenya Yihowaa, deebii isaaniif kenniteetta.+ Ati Waaqa isa dhiifama isaaniif godhe dha,+Taʼus cubbuuwwan isaan raawwataniif isaan adabdeetta.*+   Waaqni keenya Yihowaan qulqulluu waan taʼeef,+Waaqa keenya Yihowaa ol qabaa,+Gaara isaa isa qulqulluu durattis sagadaa.*+

Miiljaleewwan

Ykn tarii, “kiruubelota gidduu.”
Ykn., “waaqeffadhaa.”
Kal., “isaan irratti haaloo baateetta.”
Ykn., “waaqeffannaa dhiheessaa.”