Faarfannaa 52:1-9
Geggeessaa muuziqaatiif. Maaskiil.* Faarfannaa Daawit yommuu Doʼeeg Edoomtichi Daawit gara mana Ahimelek akka dhaqe Saaʼolitti himetti+ faarfate.
52 Ati inni jabaan, gochawwan hamminaa keetti maaliif of jajja?+
Jaalalli Waaqayyoo inni amanamaan guyyaa guutuu itti fufa.+
2 Arrabni kee akka haadduu kan qarame dha,+Hammina ni qopheessa, gowwoomsaas ni raawwata.+
3 Wanta gaarii caalaa wanta hamaa,Wanta sirrii dubbachuu caalaas sobuu jaallatta. (Seelaa)
4 Yaa arraba gowwoomsituu taate nana,Ati dubbii nama miidhu hundumaa ni jaallatta!
5 Waaqayyo siʼa tokkicha yeroo hundumaatiif kan si balleessu kanaafi;+Inni butee dunkaana kee keessaa si baasa;+Biyya namoota jiraatoo keessaas si buqqisa.+ (Seelaa)
6 Qajeelonni kana arganii ni sodaatu,+Isattis ni kolfu.+
7 “Ilaa, nama Waaqayyoon iddoo kooluu itti galu* hin godhanne,+Inni qabeenya isaa isa guddaatti amanameera,+Karoora isaa isa hamaattis* hirkateera.”*
8 Ani garuu mana Waaqayyoo keessatti akka muka ejersaa* lalisaa nan taʼa;Baraa hamma bara baraatti jaalala amanamaa isa kan Waaqayyootti nan amanama.+
9 Ati tarkaanfii waan fudhatteef, ani bara baraaf sin jajadha;+Kun gaarii waan taʼeef, warra siif amanamoo taʼan durattiMaqaa kee nan abdadha.+
Miiljaleewwan
^ Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Ykn., “dahoo.”
^ Kal., “Rakkoowwan ofii isaattis.”
^ Ykn., “isa hamaas gaaddisa godhateera.”
^ Akaakuun muka ejersaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame firii ejersaa zayitiin irraa argamu kan godhatu dha.