Faarfannaa 37:1-40
Faarfannaa Daawit.
א [Aleef]
37 Namoota hamootti hin aarin*
Yookiin warra jalʼina raawwatanitti hin hinaafin.+
2 Isaan akka margaatti hatattamaan ni coolligu,+Akka marga lalisaattis ni gogu.
ב [Beet]
3 Yihowaatti amanami, wanta gaariis raawwadhu;+Lafattii irra jiraadhu, amanamaas taʼi.+
4 Yihowaatti baayʼee gammadi,Innis fedhii garaa keetii siif ni guuta.
ג [Giimel]
5 Daandii kee Yihowaatti kennadhu;*+Isatti amanami, innis siif jecha tarkaanfii ni fudhata.+
6 Inni qajeelummaan kee akka ifa bariitti,Haqni kees akka aduu waareetti akka ifu ni godha.
ד [Daalet]
7 Yihowaa duratti calluma jedhi,+Abdiidhaanis* isa eeggadhu.
Nama mala haxxummaa isaa raawwachuu irrattiMilkaaʼina argatutti hin aarin.+
ה [Hii]
8 Dheekkamsa irraa of dhowwi, aariis dhiisi;+Aartee wanta hamaa raawwachuutti hin gorin.*
9 Sababiin isaas, namoonni hamoon ni badu,+Warri Yihowaa abdatan garuu lafa ni dhaalu.+
ו [Waaw]
10 Yeroo muraasaaf qofa malee, namoonni hamoon hin jiraatan;+Bakka isaan turan ni ilaalta,Isaan garuu achitti hin argaman.+
11 Garraamonni garuu lafa ni dhaalu,+Nagaa hedduu argataniis baayʼee ni gammadu.+
ז [Zaayin]
12 Namni hamaan isa qajeelaa irratti mala qopheessa;+Ilkaan isaas isatti qarata.
13 Yihowaan garuu guyyaan isaa akka dhufu waan beekuuf,+Isatti ni kolfa.
ח [Heet]
14 Hamoonni isa cunqurfamee fi isa hiyyeessa taʼe kuffisuuf,Warra daandiin isaanii qajeelaa taʼes gorraʼuuf,*Goraadee isaanii ni luqqifatu, iddaa isaaniis ni dabsu.*
15 Haa taʼu malee, goraadeen isaanii onnee isaanii ni waraana;+Iddaan isaaniis ni caccaba.
ט [Teet]
16 Wanta hedduu hamoonni baayʼeen qaban caalaaWanta xinnoo namni qajeelaan qabu wayya.+
17 Irreen hamootaa ni caba,Yihowaan garuu qajeelota ni gargaara.
י [Yood]
18 Yihowaan wanta warri balleessaa hin qabne keessa darban* beeka,Dhaalli isaaniis bara baraaf ni jiraata.+
19 Isaan yeroo balaan gaʼutti hin qaanaʼan;Yeroo beelaattis wanta irraa hafaa ni qabaatu.
כ [Kaaf]
20 Hamoonni garuu ni badu;+Diinonni Yihowaa akkuma iddoo dheedichaa ulfina qabeessa taʼeetti ni badu,Isaan akkuma aaraatti ni badu.
ל [Laamed]
21 Namni hamaan ni liqeeffata, hin deebisus,Namni qajeelaan garuu ni arjooma,* ni kennas.+
22 Warri Waaqayyo eebbise lafa ni dhaalu,Warri inni abaare garuu ni badu.+
מ [Meem]
23 Yihowaan yommuu daandii namaatti gammadu,+Tarkaanfii isaa isaaf ni qajeelcha.*+
24 Yihowaan harkaan* waan isa deggeruuf,+Inni yoo kufe illee hin gombifamu.+
נ [Nuun]
25 Ani dargaggeessan ture, amma garuu dulloomeera,Taʼus namni qajeelaan kam iyyuu yommuu gatamu,+Ijoolleen isaas yommuu nyaata* kadhatan hin argine.+
26 Inni yeroo hundumaa fedhiidhaan liqeessa,+Ijoolleen isaas eebba argatu.
ס [Saamek]
27 Wanta hamaa irraa gori, wanta gaarii raawwadhu,+Bara baraafis ni jiraatta.
28 Sababiin isaas, Yihowaan haqa ni jaallata,Warra isaaf amanamoo taʼanis hin gatu.+
ע [Ayiin]
Isaan yeroo hundumaa eegumsa ni argatu;+Sanyiin hamootaa garuu ni balleeffama.+
29 Qajeelonni lafa ni dhaalu,+Bara baraafis ishii irra ni jiraatu.+
פ [Pee]
30 Afaan nama qajeelaa warra kaaniif ogummaa hira,*Arrabni isaas waaʼee haqaa dubbata.+
31 Seerri Waaqa isaa garaa isaa keessa jira;+Yommuu deemus miilli isaa hin gatantaru.+
צ [Tsadee]
32 Namni hamaan isa qajeelaa ajjeesuu barbaadee,Isa eeggata.
33 Yihowaan garuu harka nama sanaa irratti isa hin gatu+
Yookiin yommuu murtiidhaaf dhihaatutti yakkamaa isa hin godhu.+
ק [Qoof]
34 Yihowaa abdadhu, daandii isaas hordofi,Innis lafa akka dhaaltuuf ol si qaba.
Yommuu hamoonni badan+ ni argita.+
ר [Reesh]
35 Ani namni gara jabeessi hamaa taʼeAkka muka lalisaa biyyoo isaa irra dhaabameetti dagaagee nan arge.+
36 Haa taʼu malee, lubbuun isaa akkuma tasaa ni darbe, achis hin turre;+Ani cimsee isa nan barbaade, garuu isa argachuu hin dandeenye.+
ש [Shiin]
37 Isa balleessaa hin qabne* hubadhu,Isa qajeelaa+ taʼes qalbeeffadhuu ilaali;Sababiin isaas, egereen nama sanaa nagaa kan qabu taʼa.+
38 Warri balleessaa raawwatan hundi garuu ni balleeffamu;Egereen namoota hamoos badiisa taʼa.+
ת [Taaw]
39 Fayyinni qajeelotaa Yihowaa biraa dhufa;+Inni yeroo dhiphinaatti dallaa dhagaa isaaniif ni taʼa.+
40 Yihowaan isaan gargaara; isaan oolchas.+
Isatti kooluu waan galaniif,+Inni namoota hamoo jalaa isaan baraara, isaan oolchas.
Miiljaleewwan
^ Ykn., “hin finiinin.”
^ Kal., “Yihowaa irratti gati.”
^ Ykn., “Obsaanis.”
^ Ykn tarii, “Aariin miidhaatti si geessuu waan dandaʼuuf, hin aarin.”
^ Jechuunis, qaluuf.
^ Ykn., “ni hidhu.”
^ Kal., “guyyoota warra balleessaa hin qabnee.”
^ Ykn., “gaarummaa ni argisiisa.”
^ Ykn., “ni cimsa.”
^ Ykn., “harka isaatiin.”
^ Kal., “daabboo.”
^ Ykn., “sagalee isaa gad qabee ogummaa dubbata.”
^ Ykn., “Isa amanamummaa isaa eegu.”