Faarfannaa 115:1-18

  • Ulfinni Waaqaaf qofa kennamuu qaba

    • Waaqolii tolfamoo lubbuu hin qabne (4-8)

    • Lafti namootaaf kennamte (16)

    • “Warri duʼan Yaahiin hin jajatan” (17)

115  Jaalala kee isa amanamaa fi amanamummaa keetiin kan kaʼe,+Yaa Yihowaa, nuuf utuu hin taʼin, eeyyee, nuuf utuu hin taʼin,*Maqaa keetiif ulfinni haa taʼu.+   Saboonni, “Waaqni isaanii eessa jira?” Maaliif haa jedhan?+   Waaqni keenya samii irra jira;Inni wanta isatti tolu akkamii iyyuu ni raawwata.   Waaqolii tolfamoon isaanii meetii fi warqii,Warra hojii harka namaa taʼani dha.+   Afaan qabu, garuu dubbachuu hin dandaʼan;+Ija qabu, garuu arguu hin dandaʼan;   Gurra qabu, garuu dhagaʼuu hin dandaʼan;Funyaan qabu, garuu fuunfachuu hin dandaʼan;   Harka qabu, garuu qaqqabuu hin dandaʼan;Miila qabu, garuu deemuu hin dandaʼan;+Qoonqoo isaaniitiinis sagalee hin baasan.+   Namoonni isaan tolchan,Warri isaanitti amanaman hundis akkuma isaanii ni taʼu.+   Yaa Israaʼelotaa, Yihowaatti amanamaa,+Inni gargaaraa fi gaachana keessani.+ 10  Isin manni Aaron,+ Yihowaatti amanamaa,Inni gargaaraa fi gaachana keessani. 11  Isin warri Yihowaa sodaattan, Yihowaatti amanamaa,+Inni gargaaraa fi gaachana keessani.+ 12  Yihowaan nu yaadata, nu eebbisas;Inni mana Israaʼel ni eebbisa;+Mana Aaronis ni eebbisa. 13  Xinnaas taʼe guddaa,Inni warra Yihowaa sodaatan ni eebbisa. 14  Yihowaan isinis taatan ijoolleen* keessanAkka baayʼattan ni godha.+ 15  Yihowaan inni samii fi lafa tolche+Isin haa eebbisu.+ 16  Samiiwwan kan Yihowaa ti,+Lafa garuu ilmaan namootaatiif kenne.+ 17  Warri duʼan Yaahiin hin jajatan;+Namni gara duʼaatti* gad buʼu hundis isa hin jajatu.+ 18  Nuti garuu ammaa jalqabee bara baraafYaahiin ni jajanna. Yaahiin jajadhaa!*

Miiljaleewwan

Ykn., “Yaa Yihowaa, nuti homaa hin qabnu, eeyyee nuti homaa hin qabnu.”
Kal., “ilmaan.”
Kal., “gara iddoo callisaa taʼetti.”
Ykn., “Halleeluyaah!” Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.