Ermiyaas 25:1-38
25 Yehoyaaqiim+ ilmi Yosiyaas mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa arfaffaa isaatti, jechuunis Nebukadnezaar* mootiin Baabilon mootii taʼee waggaa tokkoffaa isaatti guutummaa saba Yihudaa ilaalchisee dubbiin gara Ermiyaas dhufe isa kana.
2 Namoota Yihudaa hundumaa fi jiraattota Yerusaalem hundumaa ilaalchisee* wanti Ermiyaas raajichi dubbate isa kana:
3 “Yosiyaas ilmi Amoon mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa 13ffaa+ irraa jalqabee hamma guyyaa kanaatti, jechuunis waggoottan 23n kanaaf dubbiin Yihowaa gara koo kan dhufe yeroo taʼu, anis irra deddeebiʼee* isinitti nan hime; isin garuu hin dhageenye.+
4 Kana malees, Yihowaan irra deddeebiʼee* tajaajiltoota isaa warra raajota taʼan hundumaa gara keessanitti kan erge taʼus, isin garuu isaan hin dhageenye yookiin gurra keessan isaanitti hin qabne.+
5 Isaanis akkana jedhu turan: ‘Maaloo, tokkoon tokkoon keessan daandii keessan isa hamaa fi gocha keessan isa hamaa irraa deebiʼaa;+ akkana yoo gootan, biyya Yihowaan bara dheeraa dura isinii fi abbootii keessaniif kenne keessa yeroo dheeraadhaaf ni jiraattu.
6 Waaqolii kan biroo duukaa hin buʼinaa, isaan hin tajaajilinaa, isaaniif hin sagadinaa, hojiiwwan harka keessaniitiinis na hin dheekkamsiisinaa; taʼuu baannaan garuu, badiisa isinitti nan fida.’
7 “‘Isin garuu na hin dhageenye; kanaa mannaa, badiisa ofitti fiduuf hojii harka keessaniitiin na dheekkamsiistan’+ jedha Yihowaan.
8 “Kanaafuu, Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘“Isin dubbii kootiif waan hin ajajamneef,
9 ani maatiiwwan kaabaa hundumaatti,+ tajaajilaa koo kan taʼe Nebukadnezaar* mootii Baabilonittis dhaamsa ergee,+ biyya kana irratti, jiraattota ishii irrattii fi saboota naannoo kanatti argaman hundumaa irratti isaan nan fida”+ jedha Yihowaan. “Haxaaʼee isaan nan balleessa, wanta sodaachisaa fi kan itti siiqsamu akka taʼan, akkasumas yeroo hundumaatiif ona akka taʼan isaan nan godha.
10 Isaan gidduutti sagaleen gammachuu fi sagaleen ililchuu, sagaleen misirrichaa fi sagaleen misirrittii, akkasumas sagaleen dhagaa daakuu akka hin dhagaʼamne nan godha;+ ifa ibsaas nan dhaamsa.
11 Guutummaan biyya kanaa onaa fi wanta sodaachisaa ni taʼa; saboonni kunis waggaa 70f mootii Baabiloniin tajaajiluuf ni dirqamu.”’+
12 “Yihowaan akkana jedha: ‘Haa taʼu malee, waggaan 70ni kun yommuu xumuramutti+ ani mootii Baabilonii fi saba sana balleessaa isaaniitiif nan adaba;+ biyyi Kaladootaas yeroo hundumaatiif ona akka taatu nan godha.+
13 Anis dubbii koo isan ishii irratti dubbadhe hundumaa, jechuunis raajii Ermiyaas saboota hundumaa irratti dubbate isa kitaaba kana keessatti barreeffame hundumaa biyya sana irratti nan fida.
14 Saboonni hedduunii fi mootonni guguddoon+ isaan garboomfatu;+ anis akka gocha isaaniittii fi akka hojii harka isaaniitti isaaniif nan deebisa.’”+
15 Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana naan jedheera: “Xoofoo daadhii wayinii dheekkamsaa kana harka koo irraa fuudhiitii saboota ani itti si ergu hundumaa obaasi.
16 Isaan ni dhugu, ni gatantarus; goraadee ani isaan gidduutti erguun kan kaʼes akka nama maraatee ni taʼu.”+
17 Kanaafuu, ani harka Yihowaa irraa xoofoo sana fuudhee saboota Yihowaan itti na erge hundumaa nan obaase;+
18 akkuma harʼa taʼetti, akka diigaman, akkasumas wanta sodaachisaa, kan itti siiqsamuu fi kan abaaraman akka taʼan+ gochuuf Yerusaalemii fi magaalota Yihudaa,+ mootota ishii fi bulchitoota ishii irraa jalqabee nan obaase;
19 achiis Faraʼoon mootiin Gibxii, tajaajiltoonni isaa, bulchitoonni isaa fi guutummaan saba isaa,+
20 akkasumas uummanni isaanii warri walitti makaman hundi, mootonni biyya Uuz hundi, mootonni biyya Filisxeemotaa+ hundi, Ashqaloon,+ Gaazaan, Eqroonii fi warri Ashdood irraa hafan,
21 Edoom,+ Moʼaabii+ fi Amoononni,+
22 mootonni Xiiros hundi, mootonni Siidoon+ hundii fi mootonni odola galaanicha biratti argamtu sanaa,
23 Deedaan,+ Teemaan, Buuzii fi warri rifeensi illee isaanii haadame hundi,+
24 mootonni Arabaa hundii+ fi mootonni uummata warra walitti makamanii fi lafa onaa keessa jiraatan sanaa hundi,
25 mootonni Zimrii hundi, mootonni Eelaam+ hundii fi mootonni Meedon+ hundi,
26 mootonni kaabaa warri dhihoo fi fagootti argaman hundi duraa duubaan, akkasumas mootummoonni addunyaa warri lafa irratti argaman kan biroon hundi ni dhugan; mootiin Sheshaak*+ immoo isaan booda ni dhuga.
27 “Akkana isaaniin jedhi: ‘Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Dhugaa, machaaʼaa, hooqqisaas; goraadee ani isin gidduutti erguun kan kaʼes kaʼuu hamma hin dandeenyetti kukkufaa.”’+
28 Isaan xoofoo sana si harkaa fuudhanii dhuguu yoo didan, akkana isaaniin jedhi: ‘Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Dirqama dhuguu qabdu!
29 Sababiin isaas, ani jalqaba irratti magaalaa maqaa kootiin waamamte+ irratti badiisa nan fida erga taʼee, isin hoo utuu hin adabamin hafuu qabduu?”’+
“‘Ani jiraattota lafaa hundumaa irratti goraadee waanan waamuuf, isin utuu hin adabamin hin haftan’ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.
30 “Atis dubbii raajii kanaa hundumaa isaanitti ni dubbatta, akkana isaaniin jetta:
‘Ol gubbaadhaa Yihowaan akka leencaa ni barooda,Iddoo jireenyaa isaa isa qulqulluu irraas sagalee isaa ni dhageessisa.
Sagalee isaa ol kaasee buufata isaa irratti ni barooda.
Inni akkuma warra wayinii cuunfaniitti iyyaaMiira injifannootiin jiraattota lafaa hundumaa irratti ni faarfata.’
31 ‘Yihowaan sabootaa wajjin falmii waan qabuuf,Wacni tokko hamma andaara lafaatti ni dhagaʼama.
Inni ofuma isaatiin ilmaan namootaa* hundumaa irratti murtii dabarsa.+
Hamootas goraadeetti dabarsee ni kenna’ jedha Yihowaan.
32 Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha:
‘Kunoo, badiisni tokko saba irraa gara sabaatti babalʼachaa jira,+Bubbee cimaan tokkos andaara lafaa hundumaa irraa ni gadhiifama.+
33 “‘Guyyaa sanatti warri Yihowaan ajjeese andaara lafaa isa tokko irraa hamma andaara lafaa isa kan biraatti ni argamu. Isaaniif hin booʼamu, isaan walitti hin qabaman yookiin hin awwaalaman. Lafa irrattis akkuma dikee taʼu.’
34 Yaa tiksitoota nana, gadoodaa, iyyaas!
Yeroon itti qalamtanii fi itti bittinnooftan waan dhufeef,Akka miʼa gatii guddaa qabuuttis kuftanii waan caccabdaniif,Isin hoolonni guguddoon lafa irra gangaladhaa!
35 Tiksitoonni bakka itti baqatan hin qaban,Hoolonni guguddoonis miliquu hin dandaʼan.
36 Iyya tiksitootaa,Gadooda hoolota guguddoos dhagaʼaa!
Yihowaan iddoo dheedichaa isaanii balleessaa jira.
37 Dheekkamsa Yihowaa isa bobaʼuun kan kaʼe,Iddoowwan jireenyaa nagaa qaban bakka jirenyi keessa hin jirre taʼaniiru.
38 Inni akkuma leenca saafelaatti holqa isaa keessaa baʼeera;+Sababiin isaas, goraadee gara jabeessa taʼeen,Dheekkamsa isaa isa bobaʼuunis kan kaʼeBiyyi isaanii wanta sodaachisaa taateetti.”
Miiljaleewwan
^ Kal., “Nebukadrezaar,” akkaataa maqaan Nebukadnezaar ittiin barreeffamu kan biraa.
^ Ykn., “hundumaatti.”
^ Kal., “bariidhaan kaʼee.”
^ Kal., “bariidhaan kaʼee.”
^ Kal., “Nebukadrezaar,” akkaataa maqaan Nebukadnezaar ittiin barreeffamu kan biraa.
^ Kun maqaa iccitii Baabel (Baabilon) fakkaata.
^ Kal., “foon.”