Mulʼata Yohaannis 12:1-17
12 Kana booda mallattoo guddaan tokko samii keessatti mulʼate: Dubartiin+ aduu uffatte, addeessi miila ishii jala jiruu fi gonfoo urjiilee 12 irraa tolfame mataa ishii irra kaaʼatte takka jirti turte;
2 ishiin ulfa turte. Daʼuuf jettee ciniinsuudhaan qabamtee dhiphinaan iyyiti turte.
3 Mallattoo kan biraanis samii keessatti ni mulʼate. Kunoo, jawwee+ guddaa diimaan mataa torbaa fi gaanfa kudhan qabu, akkasumas mataawwan isaa irraa gonfoo torba qabu tokko jira ture;
4 eegeen isaa urjiilee+ samii harka sadii keessaa harka tokko harkisee gara lafaatti gad darbate.+ Jawween sun yommuu dubartittiin deessu mucaa ishii liqimsuuf, dubartii daʼuuf jettu sana dura dhaabbatee eega ture.+
5 Ishiin mucaa dhiiraa, eeyyee, ilma+ saboota hunda ulee sibiilaatiin tiksuuf jedhu tokko deesse.+ Mucaan ishiis gara Waaqayyoo fi gara teessoo isaatti ol butame.
6 Dubartittiinis gara lafa onaatti, jechuunis bakka Waaqayyo iddoo ishiidhaaf itti qopheessee fi guyyaa 1,260+ itti ishii sooranitti baqatte.
7 Samii keessatti waraanni ni kaʼe: Mikaaʼelii*+ fi maleekonni isaa jawwee sana irratti waraana banan; jawween sunii fi maleekonni isaas isaan irratti waraana banan;
8 haa taʼu malee, isaan ni moʼaman,* sana booda samii keessatti iddoon isaaniif hin argamne.
9 Kanaafuu, jawwee+ guddaan sun, jechuunis bofti+ inni jalqabaa, inni Diyaabilosii+ fi Seexana+ jedhamu, inni guutummaa lafaa dogoggorsu+ sun gad darbatame; inni gara lafaatti gad darbatame;+ maleekonni isaas isaa wajjin gad darbataman.
10 Anis samii keessaa sagalee guddaa akkana jedhu tokko nan dhagaʼe:
“Amma fayyinni,+ humnii fi Mootummichi kan Waaqa keenyaa,+ aangoonis kan Kiristoos taʼeera; sababiin isaas, inni obboloota keenya himatu, inni halkanii fi guyyaa Waaqa keenya duratti isaan himatu+ sun gad darbatameera!
11 Isaanis dhiiga Hoolichaa+ fi dubbii dhugaa baʼiinsa isaaniitiin+ kan kaʼe isa injifataniiru;+ hamma duʼaatti illee lubbuu* isaanii hin mararsiifanne.+
12 Kanaan kan kaʼes, isin samiiwwanii fi warri isaan keessa jiraattan gammadaa! Lafaa fi galaanaaf garuu wayyoo!+ Sababiin isaas, Diyaabilos yeroo gabaabduu akka qabu waan beekeef, aarii guddaadhaan gara keessanitti gad buʼeera.”+
13 Jawween sun gara lafaatti akka gad darbatame+ yommuu hubatu, dubartii+ ishii ilma deesse sana irra ariʼatama geessise.
14 Haa taʼu malee, dubartittiin fuula bofichaa+ duraa fagaattee iddoo lafa onaa keessatti ishiidhaaf qophaaʼee fi bakka baraaf, barootaa fi walakkaa baraatiif*+ itti sooramtu sanatti akka barristuuf qoochoon risaa+ guddaa lama ishiidhaaf kenname.
15 Bofichis bishaan akka laga guddaa duuba ishiitiin itti gadhiise; kanas kan godhe dubartittiin lagichaan akka nyaatamtuuf ture.
16 Haa taʼu malee, lafti dubartittii gargaarte; afaan ishii bantee laga jawween sun afaan isaa keessaa yaase liqimsite.
17 Kanaafuu, jawween sun dubartittiitti aaree, warra sanyii ishii+ keessaa hafan, warra ajaja Waaqayyoo eeganii fi waaʼee Yesuus dhugaa akka baʼan hojiin isaaniif kenname irratti waraana banuuf deeme.+
Miiljaleewwan
^ “Kan Akka Waaqayyoo Eenyu?” jechuu dha.
^ Ykn tarii, “inni [jechuunis, jawwichi] ni moʼame.”
^ Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Jechuunis, bara sadii fi walakkaa.