Daaniʼel 7:1-28

  • Mulʼata bineensota arfanii (1-8)

    • Gaanfi xinnoon of tuulu tokko ni kaʼe (8)

  • Inni Bara Dheeraa Jiraate teessoo murtii irra taaʼe (9-14)

    • Ilmi namaa mootii godhame (13, 14)

  • Hiikni mulʼatichaa Daaniʼelitti beeksifame (15-28)

    • Bineensonni arfan mootota afur argisiisu (17)

    • Qulqulloonni mootummicha ni fudhatu (18)

    • Gaanfonni ykn mootonni kudhan ni kaʼu (24)

7  Belshaazaar+ mootiin Baabilon mootii taʼee waggaa tokkoffaatti, Daaniʼel utuu siree isaa irra ciisee jiruu abjuu fi mulʼatawwan gara sammuu isaatti dhufan ni arge.+ Achiis abjuu sana ni barreesse;+ dhimmichas guutummaatti ni galmeesse.  Daaniʼel akkana jedhee ibse: “Ani halkaniin mulʼata ilaalaan ture; kunoo, bubbeewwan samii arfan galaana guddaa jeeqaa turan.+  Galaanicha keessaas bineensonni guguddaan afur+ ni baʼan; tokkoon tokkoon isaaniis isa kan biraa irraa adda turan.  “Inni jalqabaa leenca kan fakkaatu yeroo taʼu,+ qoochoowwan risaa qaba ture.+ Utuman ilaalaa jiruus qoochoowwan isaa irraa ni bubuqqaʼan; innis lafa irraa ol kaafamee akka namaatti miila lamaan dhaabbachiifame; garaan namaas isaaf ni kenname.  “Kunoo, bineensi inni lammaffaan amaaketa fakkaata ture.+ Miilli isaa kan ol kaafame yeroo taʼu, lafeewwan cinaachaa sadii afaan isaa keessa ilkaan isaa gidduu jiru turan; inni, ‘Kaʼiitii foon baayʼee nyaadhu’ jedhamee itti himame.+  “Kana boodas ilaaluu koo ittan fufe; kunoo, bineensa kan biraa qeerransa fakkaatu tokko nan arge;+ taʼus dugda isaa irraa qoochoowwan kan allaattii fakkaatan afur qaba ture. Bineensichi mataa afur qaba ture;+ akka bulchuufis aangoon isaaf ni kenname.  “Sana boodas mulʼata halkaniin natti dhufe sana irratti bineensa arfaffaa nan arge; inni baayʼee kan nama sodaachisu, kan nama naasisuu fi cimina addaa kan qabu ture; ilkaan sibiilaa guguddaas qaba ture. Inni wanta hundumaa ni nyaata, ni caccabsa, isa irraa hafe immoo miila isaatiin ni dhidhiita ture.+ Bineensota isa dura turan hundumaa irraa adda ture; akkasumas gaanfota kudhan qaba ture.  Utuman gaanfota sana ilaalaa jiruu, kunoo, gaanfi kan biraan xinnoon+ tokko isaan gidduutti ni biqile; gaanfota warra jalqabaa keessaa sadii immoo fuuldura isaatii ni bubuqqaʼan. Kunoo, gaanfa kana irra ijawwan ija namaa fakkaatan jiru turan; afaan of tuulummaadhaan dubbatu tokkos qaba ture.+  “Anis hamma teessoowwan kaaʼamanitti ilaaluu koo ittan fufe; Inni Bara Dheeraa Jiraate+ ni taaʼe.+ Uffanni isaa akkuma cabbii adii ture;+ rifeensi mataa isaas suufii adii fakkaata ture. Teessoon isaa labooba ibiddaa ture; geengoowwan teessoo isaas ibidda bobaʼaa jiru turan.+ 10  Ibiddi lolaʼus isa duraa baʼee ni yaaʼa ture.+ Kumni kumaatamni isa tajaajilaa turan; kumni kudhan siʼa kuma kudhanis isa dura ni dhaabbatu turan.+ Dhaddachi+ ni jalqabe; kitaabonnis ni banaman. 11  “Anis dubbii of tuulummaa gaanfi sun dhageessisuun kan kaʼe ilaaluu koo ittan fufe;+ hamma bineensi sun ajjeefamee qaamni isaa balleeffamuttii fi ibiddaan akka gubamuuf dabarfamee hamma kennamutti ilaaluu koo ittan fufe. 12  Bineensonni warri hafan+ garuu bulchiinsi isaanii isaan irraa ni fudhatame; umuriin isaanii garuu yeroo fi waqtii muraasaaf ni dheereffame. 13  “Anis mulʼata halkan natti dhufe sana ilaaluu koo ittan fufe; kunoo, ilma namaa+ kan fakkaatu tokko duumessa samii wajjin ni dhufe; innis gara Isa Bara Dheeraa Jiraate+ sanaatti akka seenu isaaf ni heyyamame; isaanis isa duratti isa dhiheessan. 14  Achiis uummanni, saboonnii fi namoonni qooqa garaa garaa dubbatan hundi akka isa tajaajilaniif, bulchiinsi,+ ulfinnii+ fi mootummaan isaaf ni kenname.+ Bulchiinsi isaa bulchiinsa bara baraa ti, hin darbus; mootummaan isaas hin balleeffamu.+ 15  “Ani Daaniʼel garuu mulʼatawwan gara sammuu kootti dhufan baayʼee waan na sodaachisaniif hafuurri koo na keessatti ni dhiphate.+ 16  Kanaafuu, hiika dhugaa wanta kanaa isa gaafachuuf warra achi dhaabbatan keessaa isa tokkotti nan dhihaadhe. Innis deebii naaf kenne; hiika wantoota kanaas natti hime. 17  “‘Bineensonni guguddaan arfan+ kun, mootota lafa irratti kaʼan afur argisiisu.+ 18  Haa taʼu malee, qulqulloonni kan Isa Hundumaa Gararraa+ taʼan mootummicha ni fudhatu;+ mootummichas bara baraaf, eeyyee, baraa hamma bara baraatti ni dhaalu.’+ 19  “Achiis waaʼee bineensa arfaffaa isa warra kaan hundumaa irraa adda taʼe sanaa caalaatti beekuun barbaade; inni akka malee kan nama sodaachisu, ilkaan sibiilaa fi qeensa sibiila diimaa kan qabu yeroo taʼu, wanta hundumaa nyaachaa fi caccabsaa, isa irraa hafe immoo miila isaatiin dhidhiitaa ture;+ 20  akkasumas waaʼee gaanfota kurnan+ mataa isaa irra jiranii fi waaʼee gaanfa isa biqile isa gaanfonni sadii isa duratti bubuqqaʼan,+ ijawwanii fi afaan of tuulummaadhaan dubbatu qabu isa warra kaan caalaa guddaa taʼe sanaa beekuu nan barbaade. 21  “Gaanfi sun yommuu qulqulloota irratti waraana banu ilaaluu koo ittan fufe; inni humnaan isaan irra ni caale;+ 22  kunis kan taʼe hamma Inni Bara Dheeraa+ Jiraate dhufuttii fi qulqulloota kan Isa Hundumaa Gararraa taʼaniif+ murteeffamutti, akkasumas hamma yeroon qulqulloonni mootummicha akka dhaalan isaaniif murtaaʼe gaʼutti dha.+ 23  “Inni akkana jedhe: ‘Bineensi arfaffaan mootummaa arfaffaa lafa irratti kaʼu dha. Inni mootummoota kaan hundumaa irraa adda ni taʼa; guutummaa lafaa ni nyaata, ni dhidhiita, ni caccabsas.+ 24  Gaanfonni kurnan mootummaa sana keessaa mootonni kudhan akka kaʼan argisiisu; isaan booda immoo mootiin kan biraan ni kaʼa; inni warra jalqabaa irraa adda yeroo taʼu, mootota sadii ni salphisa.+ 25  Inni Isa Hundaa Olii ni arrabsa;+ qulqulloota kan Isa Hundumaa Gararraa taʼan rakkisuu isaas itti fufa. Inni barootaa fi seera jijjiiruu ni yaada; isaanis bara tokko, barootaa fi walakkaa baraatiif* harka isaatti dabarfamanii ni kennamu.+ 26  Haa taʼu malee, Dhaddachi ni jalqabe; isaanis isa dhabamsiisuu fi guutummaatti isa balleessuuf bulchiinsa isaa isa irraa ni fuudhan.+ 27  “‘Mootummaan, bulchiinsii fi guddinni mootummoota guutummaa samii jala jiranii namoota Isa Hundumaa Gararraa sanaaf qulqulloota taʼaniif ni kenname.+ Mootummaan isaanii mootummaa bara baraa ti;+ mootummoonni hundis isaan ni tajaajilu, akkasumas isaaniif ni ajajamu.’ 28  “Wantoonni kun as irratti xumuramu. Ani Daaniʼel, yaanni koo baayʼee na jeeqe; kanaan kan kaʼes fuulli koo ni daalachaaʼe;* taʼus wanta kana garaa kootti nan qabadhe.”

Miiljaleewwan

Jechuunis, bara sadii fi walakkaadhaaf.
Ykn., “bifti koo ni jijjiirame.”