Seenaa Baraa Isa Lammaffaa 20:1-37
20 Boodas Moʼaabonnii+ fi Amoononni,+ Amoonimoota* muraasaa wajjin Yoshaafaax irratti waraana banuuf ni dhufan.
2 Kanaafuu Yoshaafaax, “Naannoo galaanichaatii,* jechuunis Edoom+ irraa, namoonni hedduun sitti dhufaa jiru; isaanis Hazaazoon Taamaar, jechuunis Een Gedii+ keessa jiru” jedhamee itti himame.
3 Yeroo kanatti Yoshaafaax ni sodaate; Yihowaa barbaaddachuufis ni murteesse.*+ Kanaafuu, inni guutummaa Yihudaatti sooma labse.
4 Yeroo kanatti, namoonni Yihudaa Yihowaa gaafachuuf walitti qabaman;+ isaan qajeelfama Yihowaa argachuuf guutummaa magaalota Yihudaatii ni dhufan.
5 Achiis Yoshaafaax mana Yihowaa keessa mooraa isa haaraa fuuldura gumii Yihudaa fi gumii Yerusaalem gidduu dhaabbatee
6 akkana jedhe:
“Waaqa abbootii keenyaa kan taate yaa Yihowaa, ati samii keessatti Waaqa mitii?+ Mootummoota sabootaa hundumaa irrattis ol aantummaa qabda mitii?+ Aangoonii fi jabinni harka kee keessa jira; eenyu iyyuu si dura dhaabbachuu hin dandaʼu.+
7 Yaa Waaqa keenya, ati jiraattota biyya kanaa saba kee Israaʼel duraa ariitee biyyattii sanyii michuu kee Abrahaamiif dhaala bara baraa gootee hin kenninee?+
8 Isaanis achi keessa ni jiraatan; maqaa keetiifis achitti iddoo qulqulluu ni ijaaran;+ akkana jedhan:
9 ‘Goraadeedhaan, murtii adabaatiin, golfaadhaan yookiin beelaan yommuu balaan nutti dhufu, nuti mana kanaa fi si dura ni dhaabbanna (maqaan kee mana kana keessa waan taʼeef);+ dhiphina keenya irraan kan kaʼe akka nu gargaartus si waammanna; atis nu dhagaʼiitii nu oolchi.’+
10 Ammas namoonni Amoon, namoonni Moʼaabii fi namoonni naannoo gaarotaa Seʼiir+ warri ati yommuu Israaʼelonni biyya Gibxiitii baʼanitti akka isaan weeraran hin heyyamneef sun as jiru. Israaʼelonni isaan dhiisaniiru; isaan hin balleessines.+
11 Ammas isaan qabeenya kee isa dhaalaan nuuf kennite keessaa nu ariʼuudhaan gatii nuuf deebisuuf dhufaniiru.+
12 Yaa Waaqa keenya, ati isaanitti hin murteessituu?+ Namoota hedduu nutti dhufaa jiran kana loluuf nuti humna hin qabnu; wanta gochuu qabnus hin beeknu;+ haa taʼu malee, ijji keenya gara kee ni ilaala.”+
13 Yeroo kanatti namoonni Yihudaa hundi daaʼimman isaanii, haadhotii manaa isaanii fi ijoollee* isaanii wajjin Yihowaa dura dhaabbatanii turan.
14 Achiis gumicha walakkaatti hafuurri Yihowaa, gara Yaahaaziʼel Leewwichaa isa ilma Zakkaariyaas, ilma Benaayaa, ilma Yeyiʼel, ilma Maataaniyaa taʼee fi ilmaan Asaaf keessaa tokko taʼetti ni dhufe.
15 Innis akkana jedhe: “Isin namoonni Yihudaa hundi, isin jiraattonni Yerusaalemii fi Yoshaafaax Mootichis dhagaʼaa! Yihowaan akkana isiniin jedha, ‘Lolli kun kan Waaqayyoo ti malee kan keessan waan hin taaneef, sababii namoota hedduu kanaatiin hin sodaatinaa yookiin hin jeeqaminaa.+
16 Boru isaanitti gad buʼaa. Isaanis daandii Ziiz irraan ol ni dhufu; isinis lafa onaa Yeruʼel utuu hin gaʼin qarqara sululichaa* biratti isaan ni argattu.
17 Lola kana irratti hirmaachuun isin hin barbaachisu. Iddoo keessan qabadhaatii dhaabbadhaa;+ fayyina Yihowaan isiniif argamsiisus* ilaalaa.+ Yaa Yihudaa, yaa Yerusaalem, hin sodaatinaa yookiin hin jeeqaminaa.+ Boru isaanitti baʼaa; Yihowaan isinii wajjin ni taʼa.’”+
18 Yoshaafaaxis yeruma sana fuula isaatiin lafatti gombifamee sagade; guutummaan Yihudaa fi jiraattonni Yerusaalem Yihowaa waaqeffachuuf Yihowaa duratti ni gombifaman.
19 Achiis Leewwonni warri sanyii Qehaatotaa+ fi Qorootaa taʼan sagalee guddaadhaan Yihowaa Waaqa Israaʼeliin jajachuuf kaʼanii dhaabbatan.+
20 Isaanis guyyaa itti aanu ganama barii kaʼanii gara lafa onaa Teqoohaa+ dhaqan. Utuu deemaa jiraniis Yoshaafaax dhaabbatee, “Yaa Yihudaa, isin jiraattonni Yerusaalemis, na dhagaʼaa! Jabaattanii dhaabbachuu akka dandeessaniif, Waaqa keessan Yihowaatti amanaa. Raajota isaatti amanaa;+ milkaaʼina ni argattu.”
21 Innis uummatichaa wajjin erga mariʼatee booda, namoota warra meeshaa waraanaa hidhatan dura buʼanii, “Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee waan dhaabbatuuf,+ Yihowaadhaaf galata galchaa” jedhanii Yihowaa faarfatanii fi uffata qulqullummaa miidhagfame uffatanii isa jajatan ni muude.+
22 Yommuu isaan gammachuudhaan faarfannaa galataa faarfachuu jalqaban, Yihowaan namoota Amoon, namoota Moʼaab, akkasumas namoota naannoo gaarotaa Seʼiir warra Yihudaa weeraran irratti riphee isaan haleele; isaanis wal ajjeesan.+
23 Amoononnii fi Moʼaabonnis jiraattota naannoo gaarotaa Seʼiir+ irratti kaʼanii haxaaʼanii isaan balleessan; isaan jiraattota Seʼiir erga fixanii boodas, wal balleessan.+
24 Namoonni Yihudaas gara masaraa eegumsaa isa lafa onaa+ keessa jiruutti dhufanii gara namoota sanaa yommuu ilaalan, reeffi isaanii achitti lafa irratti kukkufee argan;+ isaan keessaas namni lubbuudhaan oole tokko illee hin turre.
25 Kanaafuu, Yoshaafaaxii fi namoonni isaa isaan irraa boojuu fudhachuu dhufan; isaanis miʼawwan, uffataa fi wantoota gatii guddaa qaban hedduu ni argatan; hamma baachuu dadhabanittis wantoota hedduu isaan irraa ni saaman.+ Boojuun sun hedduu waan tureef, isa fudhachuuf guyyaa sadii isaanitti fudhate.
26 Guyyaa arfaffaattis Sulula* Beraakaatti walitti ni qabaman; achittis Yihowaa ni jajatan.* Isaan iddoo sana hamma harʼaatti Sulula Beraakaa* jedhanii kan waaman kanaafi.+
27 Yihowaan diinota isaanii akka injifatan gochuudhaan waan isaan gammachiiseef, namoonni Yihudaa fi namoonni Yerusaalem hundi Yoshaafaaxiin of dura buusanii gammachuudhaan gara Yerusaalemitti deebiʼan.+
28 Kanaafuu, isaan sagalee meeshaawwan muuziqaa ribuu qabaniin, sagalee baganaa+ fi sagalee malakataatiin+ gara Yerusaalemitti galan; achiis gara mana Yihowaa deeman.+
29 Mootummoonni biyyoota sanaa hundi Yihowaan diinota Israaʼel akka waraane yommuu dhagaʼan, Waaqayyo akka naʼan isaan godhe.+
30 Akka kanaan mootummaan Yoshaafaax jeequmsa irraa walaba taʼe; Waaqni isaas kallattii hundumaatiin boqonnaa isaaf ni kenne.+
31 Yoshaafaax Yihudaa irratti bulchuu isaa itti fufe. Inni yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 35 ture; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa 25f ni bulche. Maqaan haadha isaa Azuubaa yommuu taʼu, ishiin intala Shilhii turte.+
32 Innis daandii abbaa isaa Aasaa irra deemuu isaa itti fufe.+ Isa irraas hin jalʼanne; wanta Yihowaa duratti sirrii taʼes ni raawwate.+
33 Haa taʼu malee, iddoowwan ol kaʼoon hin balleeffamne turan;+ uummatichis amma iyyuu Waaqa abbootii isaanii barbaaddachuuf garaa isaanii hin qopheeffanne turan.+
34 Seenaan Yoshaafaax inni hafe, jalqabaa kaasee hamma dhumaatti, seenaa Yehuun+ ilmi Hanaanii+ barreessee fi Kitaaba Mootota Israaʼel keessatti dabalame keessatti barreeffameera.
35 Kana booda Yoshaafaax mootiin Yihudaa Akaaziyaa mootii Israaʼel isa wanta hamaa raawwatee wajjin michummaa uume.+
36 Kanaafuu, dooniiwwan gara Tarshiish+ deeman hojjechuuf walii galan; Eexiyoon Geber+ keessattis dooniiwwan ni hojjetan.
37 Haa taʼu malee, Eliiʼezar ilmi Dodaawaahuu inni nama biyya Maareshaa taʼe, “Ati Akaaziyaa wajjin michummaa waan uumteef, Yihowaan hojiiwwan kee ni balleessa” jedhee Yoshaafaax irratti raajii dubbate.+ Kanaafuu, dooniiwwan sun ni caccaban;+ gara Tarshiishitti deemuus hin dandeenye.
Miiljaleewwan
^ Ykn tarii, “Maʼuunota.”
^ Kun Galaana Duʼaa akka taʼe haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama.
^ Kal., “fuula isaa ni qajeelche.”
^ Kal., “ilmaan.”
^ Ykn., “laga gogaa sana.”
^ Ykn., “Yihowaan akkamitti akka isin oolchus.”
^ Ykn., “Dirree Gad Buʼaa.”
^ Kal., “ni eebbisan.”
^ “Eebba” jechuu dha.