Qorontos Lammaffaa 6:1-18

  • Gaarummaa Waaqayyoo karaa dogoggoraatiin fayyadamuu hin qabnu (1, 2)

  • Ibsa tajaajila Phaawulos ilaalchisee kenname (3-13)

  • Gita malee walitti hin camadaminaa (14-18)

6  Kana malees, isaa wajjin waan hojjennuuf+ gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa erga fudhattanii booda kaayyoo isaa irraa akka hin jalʼanne isin gorsina.+  Sababiin isaas inni, “Ani yeroo fudhatama qabutti si dhagaʼeera, guyyaa fayyinaattis si gargaareera”+ jedha. Kunoo, yeroon fudhatama qabu amma. Kunoo, guyyaan fayyinaa amma.  Tajaajila keenya irratti mudaan tokko illee akka hin argamneef, nuti karaa kamiin iyyuu wanti nama gufachiisu akka jiraatu hin goonu;+  kanaa mannaa, karaa hundumaan akka tajaajiltoota Waaqayyootti of dhiheessina;+ kanas kan goonu, jabaannee dhaabbachuudhaan, rakkinaan, dhabaan, haalawwan rakkisoo taʼaniin,+  reebamuudhaan, hidhaadhaan,+ jeequmsaan, hojii cimaadhaan, hirriba malee buluudhaan, hagabuu taʼuudhaan,+  qulqullummaadhaan, beekumsaan, obsaan,+ gaarummaadhaan,+ hafuura qulqulluudhaan, jaalala fakkeessaa hin qabneen,+  dubbii dhugaatiin, humna Waaqayyootiin,+ meeshaa waraanaa qajeelinaa+ harka mirgaa* fi harka bitaatti* qabachuudhaan,  yeroo ulfinaa fi yeroo salphinaatti, yeroo oduu gadhee fi yeroo oduu gaariin odeeffamutti. Gowwoomsitoota akka taanetti ilaalamna, taʼus nuti dhuga qabeeyyii dha;  akka hin beekamnetti ilaalamna, garuu ni beekamna; akka duunetti* ilaalamna, garuu kunoo jirra;+ akka adabamnetti ilaalamna, garuu duʼaaf dabarfamnee hin kennamne;+ 10  akka gaddinetti ilaalamna, garuu yeroo hunda ni gammanna; akka hiyyeeyyiitti ilaalamna, garuu namoota hedduu sooreyyii goona; akka homaa hin qabnetti ilaalamna, garuu waan hundumaa qabna.+ 11  Yaa warra Qorontos, nuti isinitti dubbachuuf afaan keenya saaqqanneerra;* garaa keenyas balʼisnee banneerra. 12  Nuti jaalala keenya isin jalaa hin daangessine,+ isin garuu jaalala keessan nu jalaa daangessitaniittu. 13  Kanaafuu, ani akkuma ijoollee kootti isinitti nan dubbadha, isinis garaa keessan balʼisaa banaa.+ 14  Warra hin amannee wajjin gita malee walitti hin camadaminaa.*+ Qajeelinnii fi jalʼinni tokkummaa maalii qaba?+ Yookiin ifnii fi dukkanni maal wal irraa qaba?+ 15  Kana malees, Kiristoosii fi Beelhoor* gidduu walii galtee maaliitu jira?+ Yookiin namni amane* isa hin amannee wajjin qooda maalii qaba?+ 16  Akkasumas, manni qulqullummaa Waaqayyoo waaqolii tolfamoo wajjin walii galtee maalii qaba?+ Sababiin isaas, akkuma Waaqayyo, “Ani isaan gidduu nan jiraadha,+ akkasumas isaan gidduu nan deddeebiʼa, ani Waaqa isaanii nan taʼa, isaanis saba koo ni taʼu”+ jedhee dubbate, nuti mana qulqullummaa Waaqayyoo ti.+ 17  “‘Kanaafuu, isaan gidduudhaa baʼaa, adda of baasaa’ jedha Yihowaan,* ‘wanta xuraaʼaa hin tuqinaa’”;+ “‘anis isin nan simadha.’”+ 18  “‘Ani abbaa isiniif nan taʼa,+ isin immoo ilmaanii fi ijoollee durbaa naaf taatu’+ jedha Yihowaan* Inni Hundumaa Dandaʼu.”

Miiljaleewwan

Tarii haleeluuf.
Tarii of irraa faccisuuf.
Ykn., “duuti kan nuuf malu akka taanetti.”
Ykn., “ifatti dubbanneerra.”
Ykn., “hidhaminaa.”
Jecha Afaan Ibrootaa hiika “Gatii kan hin Qabne” jedhu qabu irraa kan dhufe dha. Seexana argisiisuuf itti hojjetameera.
Ykn., “namni amanamaan.”