Pheexiros Lammaffaa 2:1-22
2 Haa taʼu malee, akkuma raajonni sobaa saba sana gidduu turan, isin gidduuttis barsiisonni sobaa ni kaʼu.+ Namoonni kun gareewwan amantii badii geessisan dhoksaadhaan ni hundeessu, akkasumas gooftaa isa isaan bite+ illee gananii badiisa hatattamaa ofitti fidu.
2 Kana malees, namoonni hedduun daandii addaggummaa*+ isaanii hordofu; sababii isaaniitiinis daandiin dhugaa ni arrabsama.+
3 Akkasumas dubbii fakkeessaatti fayyadamanii sassataan isin saamu. Taʼus, murtiin yeroo dheeraa dura isaan irratti murteeffame+ hin turu, badiisni isaaniis kan hin oolle dha.+
4 Waaqayyo maleekota warra cubbuu hojjetan+ adabuu irraa duubatti hin jenne; kanaa mannaa, Inxoroxoos*+ keessatti isaan darbatee, dukkana cimaa keessatti funcaadhaan isaan hidhee* murtiidhaaf isaan kaaʼeera.+
5 Akkasumas addunyaa bara duriitti ture sana adabuu irraa duubatti hin jenne;+ yeroo addunyaa namoota Waaqayyoon hin sodaanne sana irratti bishaan badiisaa fidetti+ garuu, Noh isa qajeelummaa lallabu+ namoota kan biroo torbaa wajjin oolcheera.+
6 Wantoota gara fuulduraatti namoota Waaqayyoon hin sodaanne irra gaʼaniif fakkeenya akka taʼuufis,+ magaalota Sodoomii fi Gomoraa daaraa gochuudhaan isaanitti murteesse.+
7 Loox nama qajeelaa isa addaggummaa* namoonni hamoon raawwatanitti baayʼee dhiphachaa ture sana garuu oolcheera;+
8 sababiin isaas, namni qajeelaan sun yommuu isaan gidduu jiraachaa turetti, gocha hamaa isa arguu fi isa dhagaʼu sanaan kan kaʼe lubbuu* isaa isa qajeelaa baayʼee dhiphisee ture.
9 Kanaafuu, Yihowaan* namoota Waaqayyoof bulan qorumsa keessaa akkamitti akka baasu,+ jalʼoota immoo guyyaa murtiitti+ akka balleeffamaniif akkamitti akka tursu beeka;
10 keessumaa immoo namoota qaama warra kaanii xureessuu barbaadanii+ fi aangoo* tuffatan+ guyyaa murtiitiif ni tursa.
Isaan ija jabeeyyii fi yaada mataa isaaniitiin kan geggeeffaman waan taʼaniif, warra ulfina qaban arrabsuu hin sodaatan;
11 haa taʼu malee, maleekonni isaan caalaa jabinaa fi humna yoo qabaatan iyyuu, kabaja Yihowaadhaaf* qabaniin kan kaʼe, dubbii arrabsootiin isaan irratti himata hin dhiheessine.+
12 Namoonni kun garuu akka bineensota yaaduu hin dandeenyee fi uumamaan waa godhaniitti, akkasumas qabamuu fi baduuf dhalataniitti waaʼee wantoota hin beeknee dubbii arrabsoo dubbatu.+ Isaan daandii isaanii isa hamaadhaan badiisa ofitti fidu;
13 daandii jalʼinaa hordofaniin deebisanii miidhaa ofitti fidu.
Isaan guyyaadhaan illee fedhii foonii guuttachuutti+ ni gammadu. Namoonni kun xurii fi mudaa siʼa taʼan, yommuu affeerraa keessan irratti isinii wajjin argaman barumsa isaanii isa gowwoomsaa taʼeen warra kaan gowwoomsuutti baayʼee gammadu.+
14 Ijji isaanii ejjaan kan guutame dha,+ cubbuu hojjechuu irraa aara galfachuu hin dandaʼan, akkasumas namoota* cimoo hin taane ni sossobu. Garaa sassataan leenjiʼe qabu. Isaan ijoollee abaaramoo dha.
15 Daandii isa sirrii dhiisanii, karaa irraa jalʼataniiru. Daandii Balaʼaam+ ilma Beʼor isa faayidaa argachuuf jedhee hammina hojjete+ sanaa hordofaniiru;
16 haa taʼu malee, inni seera cabsuu isaatiin kan kaʼe ifatameera.+ Harreen dubbachuu hin dandeenye afaan namaatiin dubbattee deemsa maraatummaa raajichaa ittisteetti.+
17 Namoonni kun burqaa bishaan hin qabnee fi hurrii bubbee jabaadhaan oofamani dha, dukkana cimaatu isaan eeggata.+
18 Isaan of tuulu, taʼus wanti isaan dubbatan faayidaa hin qabu. Fedhii foonii+ kakaasuu fi gocha addaggummaa* raawwachuudhaan, namoota dhiheenyatti warra dogoggora keessa jiraatan jalaa baʼan gowwoomsu.+
19 Ofii isaaniitii garboota badiisaa taʼanii utuu jiranii, bilisa baatu jedhanii waadaa isaaniif galu;+ namni tokko nama kan biraatiin yoo moʼame inni nama sanaaf garbicha dha.*+
20 Beekumsa sirrii waaʼee Gooftaa fi Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoos argachuudhaan xurii addunyaa jalaa erga baʼanii+ booda, lammata wantootuma kanatti yoo deebiʼanii fi isaaniin yoo moʼaman, haalli isaanii inni dhumaa isa jalqabaa irra akka hammaatu beekamaa dha.+
21 Daandii qajeelummaa sirriitti erga beekanii booda ajaja qulqulluu isa fudhatan sana irraa garagaluu mannaa, utuu hin beekne taʼee isaaniif wayya ture.+
22 Mammaaksi dhugaan, “Sareen hooqqisa ishiitti deebiti; booyyeen dhiqamtes dhoqqee keessa gangalachuutti deebiti”+ jedhu sun isaan irratti raawwatameera.
Miiljaleewwan
^ Afaan Giriikiitiin asseelgiyaa. Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Ykn tarii, “boolla keessatti isaan darbatee.”
^ Afaan Giriikiitiin asseelgiyaa. Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Ykn., “gooftummaa.”
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Ykn., “lubbuuwwan.”
^ Afaan Giriikiitiin asseelgiyaa. Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Ykn., “wanta tokkoon yoo moʼame, inni wanta sanaaf garbicha dha.”