Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Haqni dhugaan lafa irra jiraachuu ni dandaʼaa?

Ati maal jetta?

  • Eeyyee

  • Lakki

  • Taʼuu dandaʼa

Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

“Waaqayyo dubbii warra dhibamanii duukaa akka bu’u ani beeka; warra dhabaniifis dhugaa in baasa!” (Faarfannaa 140:12) Mootummaan Waaqayyoo lafa irratti haqa dhugaa ni argamsiisa.

Wanta dabalataa Kitaaba Qulqulluu irraa barannu

  • Waaqayyo jalʼina haqaa yeroo ammaatti addunyaa keessatti raawwatamu argaa jira; ni sirreessas.—Lallaba 5:8.

  • Haqni Waaqayyoo biraa argamu guutummaa lafaa irratti nagaa fi tasgabbii argamsiisa.—Isaayaas 2:16-18.

Waaqayyo garee namootaa tokko warra kaan irra ni caalchisaa?

Namoonni tokko tokko Waaqayyo garee namootaa tokko tokko akka eebbisu ykn akka abaaru amanu; kaan immoo Waaqayyo namoota hunda akka wal hin caalchisne amanu. Ati hoo maal jetta?

Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

‘Waaqayyo namoota wal hin caalchisu. Kanaa mannaa, saba hundumaa keessaa namni isa sodaatuu fi wanta sirrii taʼe hojjetu isa biratti fudhatama qaba.’ (Hojii Ergamootaa 10:34, 35) Waaqayyo duratti, namoonni hundi wal qixxee dha.

Wanta dabalataa Kitaaba Qulqulluu irraa barannu

  • Kitaabni Qulqulluun “misiraachoo” “saboota, gosoota, qooqawwanii fi namoota hundumaaf” taʼu qabateera.—Mulʼata 14:6.