Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yesus Abboomamuu Barateera

Yesus Abboomamuu Barateera

Ijoollee Keessan Barsiisaa

Yesus Abboomamuu Barateera

YEROO tokko tokko abboomamuun si rakkisaa?— * Taanaan hin dinqifatin. Namoonni hundi abboomamuun yeroo itti isaan rakkisu jira. Yesusillee abboomamuu barachuun isa barbaachisee akka ture beektaa?—

Ijoolleen hundi eenyuuf abboomamuu akka qaban beektaa?— Eeyyee, abbaafi haadhasaaniitiif abboomamuu qabu. Macaafni Qulqulluun, “Ijoollee! Abboota keessanii fi haadhota keessaniif abboomamaa! Kun gooftaa duratti qajeelaa dha” jedha. (Efesoon 6:1) Abbaan Yesus eenyudha?— Yihowaadha; Inni nuufis abbaa keenyadha. (Maatewos 6:9, 10) Yoseef abbaa Yesus, Maariyaamimmoo haadhasaati yoo jettes sirriidha. Haata’u malee isaan abbaafi haadhasaa ta’uu kan danda’an akkamitti akka ta’e beektaa?—

Ergamaan Gabri’el jedhamu, Maariyaam dhiiraa wajjin saalqunnamtii utuu hin raawwatin mucaa akka godhattu isheetti hime. Yihowaan dinqii guddaa raawwachuudhaan Maariyaam akka ulfooftu godheera. Gabri’el, “Humni aabbaas si golbooba, kanaafis mucichi si irraa dhalatu kun qulqulluudhaa fi ilma Waaqayyoo jedhamee in waamama” jechuudhaan Maariyaamiif ibseera.—Luqaas 1:30-35.

Waaqayyo lubbuu Ilmasaa isa samiirra ture gadameessa Maariyaam keessa kaa’eera. Akkuma mucaan tokko gadameessa haadhasaa keessatti guddatu, innis gadameessa Maariyaam keessatti guddate. Ji’a sagal boodas Yesus ni dhalate. Sana booda Yoseef Maariyaamiin waan fuudheef, namoonni baay’een Yoseef abbaa Yesusiin dhalche akka ta’etti yaadu turan. Yoseef abbaa Yesusiin guddise malee, kan isa dhalche hin turre. Kanaaf Yesus abbaa lama qaba ture jechuun ni danda’ama!

Yesus umriinsaa waggaa 12 yommuu turetti, wanta Yihowaa Abbaasaa isa samii baay’ee akka jaallatu argisiisu tokko raawwatee ture. Yeroo sana, akkuma barsiifatasaaniitti maatiin Yesus ayyaana Faasikaa kabajuuf karaa dheeraa adeemanii gara Yerusaalem dhaqan. Ayyaanicha booda Yoseefiifi Maariyaam gara Naazireetitti utuu deebi’aa jiranii karaarratti Yesusiin of biraa dhaban. Yesus isaan biraa hafuusaa maaliif akka dagatan beektaa?—

Yeroo sanatti Yoseefiifi Maariyaam ijoollee garabiraas qabu turan. (Maatewos 13:55, 56) Firootasaanii, jechuunis Zabdewosiifi Salomee ishee obboleettii Maariyaam akka taatetti yaadamtuufi ijoolleesaanii Yaaqoobiifi Yohannisii wajjin adeemaa turan ta’a. Kanaaf, Maariyaam firootasaanii kana duukaa jira jettee yaaddee ta’uu danda’a.—Maatewos 27:56; Maarqos 15:40; Yohannis 19:25.

Yoseefiifi Maariyaam, Yesusiin yommuu of biraa dhaban, isa barbaacha dafanii gara Yerusaalemitti deebi’an. Ilmasaanii isa dhimmanii barbaachaa turan kana, guyyaa sadaffaatti mana qulqullummaa keessatti argatan. Maariyaam, “Maaliif akkana nu goote? Kunoo, abbaan kee anis baay’ee yaaddofnee si barbaadaa turre” jettee isa gaafatte. Yesusimmoo, “Maali, attamitti na barbaaddan? Mana abbaa koo keessatti argamuun akka ana irra jiru hin beektan turtanii?” jedhee deebiseef.—Luqaas 2:45-50.

Yesus akkas jedhee haadhasaatiif deebisuunsaa dogoggora ture jettee yaaddaa?— Warrisaa, Yesus mana Waaqayyoo dhaquu akka jaallatu beeku turan. (Faarfannaa 122:1) Kanaaf Yesus, Yoseefiifi Maariyaam iddoo kamiyyuu caalaatti mana qulqullummaa keessatti na barbaaduu qabu turan jedhee yaaduunsaa sirrii mitii?— Yeroo booda Maariyaam wanta Yesus jedherratti yaaduu jalqabde.

Yesus, Yoseefiifi Maariyaamiif ilaalcha akkamii qaba ture?— Macaafni Qulqulluun, “[Yesus] abbaa isaa fi haadha isaa wajjin Naazireetitti deebi’ee, isaaniif abboomamaas jiraate” jedha. (Luqaas 2:51, 52) Yesusirraa maal baranna?— Nuyis warra keenyaaf abboomamuu qabna.

Haata’u malee, Abbaasaa isa samiitiifillee yeroo hundumaa abboomamuun Yesusiif salphaa hin turre.

Galgala du’asaa dura turetti, Yesus dhiphina isarra ga’uuf jiru akka isaaf hambisu Yihowaa kadhatee ture. (Luqaas 22:42) Dhiphinni isarra ga’uuf jiru baay’ee ulfaataa ta’ullee Yesus Waaqayyoof abboomameera. Macaafni Qulqulluun, “Dhiphina isatti dhufe hundumaa keessaa abboomamuu bare” jedha. (Ibroota 5:8) Nutoo kanarraa barumsa argachuu dandeenya jettee yaaddaa?—

[Miiljaleewwan]

^ key. 3 Mataduree kana mucaa xinnoo wajjin kan dubbistu yoo ta’e, bakki duwwaan kun takka turuu akka qabduufi mucichi yaadasaa akka ibsu akka jajjabeessitu si yaadachiisa.

GAAFFII:

[Fakkii fuula 31rra jiru]

Maariyaam, haadha Yesus ta’uu kan dandeesse akkamitti? Yesus abbaa lama qabaachuu kan danda’e akkamitti?

Yoseefiifi Maariyaam, Yesus isaan biraa hafuusaa maaliif dagatan?

Yesus warrisaa eessatti isa barbaaduu akka qaban yaadee ture?

Fakkeenya Yesusirraa maal baratta?

[Fakkii fuula 31rra jiru]

Yoseefiifi Maariyaam, jalqaba Yesusiin mana qulqullummaa keessatti barbaaduu qabu turan jettee kan yaaddu maaliifi?