Barumsa Dogoggoraa 1: Lubbuun Hin Duutu
Barumsa Dogoggoraa 1: Lubbuun Hin Duutu
Barumsi dogoggoraa kun eessaa madde? “Hayyoonni falaasamaa Kiristiyaanummaa durii, yaada warri Giriikii isa lubbuun hin duutu jedhu, akkasumas Waaqayyo lubbuu uumee dubartiin tokko yommuu ulfooftu lubbuu sana qaama mucaa gadameessashee keessa jirutti galcheera jedhu fudhatanii turan.”—Za Niwuu Insaayikilooppiidiyaa Biritaanikaa (1988), Jildii 11, fuula 25.
Macaafni Qulqulluun maal jedha? “Lubbuun isa cubbuu hojjetuu haa du’u.”—Hisqi’el 18:4.
Macaafni Qulqulluun nama isa jalqaba uumame ilaalchisee akkas jedha: “Waaqayyo gooftaanis nama uume biyyoo lafaattii. Funyaansaattis hafuura jiraataa afuufe, namnis jireenyi kan keessa jiru lubbuu [afaan Ibrootaatiin, nafash] ta’e.”—Uumama 2:7, hiika bara 1899.
Jechi afaan Ibrootaa nafash jedhuufi “lubbuu” jedhamee hiikame, ‘uumama hafuura baafatu’ jechuudha. Waaqayyo nama isa jalqabaa, jechuunis Addaamiin yommuu uume, kan itti afuufe humna jireenyaa hafuura baafachuudhaan jiraachuusaa akka itti fufu godhu malee, lubbuu hin duune miti. Kanaaf, akka Macaafni Qulqulluun jedhutti jechi “lubbuu” jedhu, guutummaa qaama jiraataa tokkoo kan argisiisudha. Humni jireenyaa Waaqayyo jalqaba kenne yeroo irraa addaan ba’u lubbuun ni duuti.—Uumama 3:19; Hisqi’el 18:20.
Barumsi bu’uuraa lubbuun hin duutu jedhu gaaffiiwwan armaan gadii kaaseera: Lubbuun du’a booda eessa dhaqxi? Lubbuun namoota hamoo maal taati? Amantoonni maqaaf Kiristiyaanota jedhaman, barumsa dogoggoraa lubbuun hin duutu jedhu fudhachuunsaanii, barumsa dogoggoraa garabiraa, jechuunis yaada ibiddi ittiin gubatan jira jedhu fudhachuutti isaan geesseera.
Caqasoota Macaafa Qulqulluu kana waliin ilaali: Lallaba 3:19; Maatewos 10:28; Hojii Ergamootaa 3:23, hiika bara 1899
DHUGAANSAA:
Namni tokko yeroo du’u jireenyaa ala ta’a