Lafti Kun Yeroo Dhihootti Ni Baddii?
Lafti Kun Yeroo Dhihootti Ni Baddii?
Gaaffii armaan gadiitiif deebii isa kam filatta?
Yeroo dhihootti haalli biyya lafaa
(a) ni fooyya’aa?
(b) akkuma jirutti itti fufaa?
(c) caalaatti manca’aa deemaa?
WAA’EE gara fuulduraa ilaalcha gaarii qabaachuuf yaalii gootaa? Kana gochuun bu’aawwan hedduu qaba. Qorannaawwan akka argisiisanitti, namoonni ilaalcha gaarii qaban, sammuufi fayyaa gaarii qabu. Qorannaan yeroo dheeraadhaaf godhame tokko, namoonni ilaalcha gaarii hin qabne, warra ilaalcha gaarii qaban caalaa dhukkuba onneetiin kan qabaman fakkaata jedheera. Bu’aan qorannaa kanarraa argame, yaada Macaafa Qulqulluu jaarraawwan hedduu dura, “Garaan gammadu fayyina namaaf kenna, yaadni cabaan garuu lafee gogsa” jechuudhaan dubbatamee wajjin wal sima.—Fakkeenya 17:22.
Haata’u malee, wanta gara fuulduraatti Lafa kanarra ga’u ilaalchisuudhaan yaanni hayyoonni saayinsii kennan, namoonni baay’een gammachuufi ilaalcha gaarii akka hin qabaanne godheera. Mee lafa kana
ilaalchisee oduuwwan abdii nama kutachiisan tokko tokko ilaali.Pilaaneetii Balaadhaaf Saaxilamte
Bara 2002, Dhaabbanni Eegumsa Naannoo beekamaa ta’eefi Istookoolmitti argamu, gabaasa baaserratti akka ibsetti, guddina dinagdee fiduuf jecha balaa uumamarra ga’u akka laayyootti ilaaluun, “haalawwan qilleensi naannoo lafaafi wanti isheerratti argamu hundi akka manca’u godhan” akka uumaman gochuu danda’a. Gabaasichi itti dabaluudhaanis, hiyyummaan, jal’inniifi qabeenyi uumamaa manca’aa adeemuunsaa, “nageenya hawaasichaa balaarra kan buusu ta’uusaarrayyuu, haala naannoofi hawaasaarra rakkoon akka ga’u godheera” jechuudhaan ibseera.
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii, bara 2005tti haala qilleensa naannoo ilaalchisee qorannaa Miliiniyam Iikoosiistam Asseesimant jedhuun gabaasa dhiheessee ture. Qorannaan hayyoota 1,360 ta’aniifi biyyoottan 95rraa walitti qabamaniin addunyaa maratti waggaa afuriif godhame kun, “Ilmaan namootaa lafarratti badiisa guddaa geessisaa waan jiraniif, haalli qilleensaashee dhaloota dhufu jiraachisuu hin danda’u” jechuudhaan akeekkachiisa cimaa kenneera. Gabaasichi itti dabaluudhaan, balaa kana hambisuuf “Qajeelfama, aadaafi duudhaa hawaasichaarratti jijjiirama guddaa fiduun barbaachisaadha. Haata’u malee, yeroo ammaatti kun godhamaa hin jiru” jechuudhaan ibseera.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keessatti itti gaafatamaa dhaabbata Sagantaa Qubattootaa kan ta’an Aanaa Tibaayuukaan, “Haaluma kanaan kan itti fufnu yoo ta’e, balaa guddaan fuuldura keenyaa nu eeggata” jedhaniiru. Qorattoonni yaada kanatti walii galan yeroodhaa gara yerootti baay’achaa jiru.
Sababii Abdii Qabaachuuf Nu Gargaaru
Dhugaa Baatonni Yihowaa barruu kana maxxansanis, yeroo dhihootti jijjiiramni guddaan biyya lafaa kanarratti akka dhufu ni amanu. Haata’u malee, jijjiiramni kun guutummaatti badii kan geessisu utuu hin ta’in, wanta gaarii kanaan dura biyya lafaarratti mul’atee hin beekne akka fidu ni amanu. Ilaalcha gaarii akkasii qabaachuu kan danda’an maaliifi? Abdii Macaafni Qulqulluun kennurratti amantaa waan qabaniifi. Abdiiwwan kana keessaa tokko akkas jedha: “Inni jal’aan yeroo xinnoo booddee achitti hin argamu, iddoo inni ture hubattee yoo ilaalte, inni hin jiru. Warri garraamonni garuu lafa in qabaatu, [‘lafa ni dhaalu,’ hiika bara 1899] isaanis nagaa guututti jiraachuu isaaniitiin sonaan in gammadu.”—Faarfannaa 37:10, 11.
Abdiin kun hawwii qofadhaa? Gaaffii kanaaf deebii kennuukee dura jecha armaan gadiirratti akka gaariitti yaadi: Waggoota kumaan lakkaa’aman dura, Macaafni Qulqulluun rakkoowwan gurguddaa yeroo ammaatti lafaafi ilmaan namootaarra ga’an ilaalchisuudhaan raajii dubbateera. Caqasawwan mataduree itti aanurratti argaman erga dubbistee booda, wanta biyya lafaarratti raawwatamaa jiruu wajjin wal bira qabii ilaali. Kana gochuunkee, wanti Macaafni Qulqulluun waa’ee gara fuulduraa ilaalchisee dubbate dhugaa ta’uusaa amantaa qabdu sii guddisa.