‘Dubbii Nama Gammachiisuun’ Maatiikee Ijaari
‘Dubbii Nama Gammachiisuun’ Maatiikee Ijaari
DEEVID yeroo daqiiqaan dabalaa adeemu aariinsaa ittuma caalaa adeeme. Konkolaataasaa keessa taa’ee haadha manaasaa eegaa ammaa amma sa’aatiisaa ilaala ture. Dhumarrattis, haati manaasaa Daayaan yommuu mana keessaa baatu aariinsaa baay’ee itti caale.
“Akkamitti amma kana na dhaabda? Yeroo hundaa daftee ba’uurra mana keessa qaqqabatta! Gaaftokkollee sa’aatiitti ga’uu kan hin dandeenye maaliifi?” jedhee isheetti iyye.
Daayaan jechasaatti baay’ee naate. Imimmaanshee to’achuu waan dadhabdeefis fiiga gara manaatti ol deebite. Yeroo kanatti Deevid waan sirrii hin taane akka dubbate hubate. Aariidhaan finiinee dubbachuunsaa dhimma kana itti caalchisuurraa kan hafe faayidaa argamsiise hin qabu. Amma maal gochuu danda’a? Mootara konkolaataasaa dhaamsee aariidhaan erga hafuura baafatee booda, suuta jedhee haadha manaasaa boodaan gara manaatti ol deebi’e.
Fakkeenyi kun, rakkoo biyya lafaarratti babal’atee jiru akka gaariitti kan ibsu mitii? Wanta tokko erga dubbatee booda, utuun akkas hin jenne ta’ee jettee yeroo itti gaabbite ni yaadattaa? Utuu itti hin yaadin kan dubbannu yoo ta’e yeroo baay’ee jecha keenyatti ni gaabbina. Dhugumayyuu, Macaafni Qulqulluun: “Namni qajeelaan deebii kennuu isaa dura irratti in yaada” jechuunsaa sirriidhaa.—Fakkeenya 15:28.
Keessumaa yeroo aarru, yeroo sodaannu ykn yeroo mufannu utuu hin dubbatin dura irratti yaaduun baay’ee ulfaataa ta’uu danda’a. Caalaattimmoo, miseensota maatii keenyaaf yaada keenya ibsuu yommuu yaallu salphaadhumatti gara ceephootti jijjiiramuu danda’a. Kunimmoo warra kaan miidhuu ykn falmii kaasuu danda’a.
Bu’aa gaarii argachuuf maal gochuu dandeenya? Of to’achuu dadhabuudhaan wanta dubbachuu hin qabne dubbachuurraa of qusachuuf maaltu nugargaara? Barreessaa Macaafa Qulqulluu kan ta’e Solomoonirraa gorsa gaarii argachuu dandeenya.
Maal Akka Dubbattuufi Akkamitti Akka Dubbattu Yaadi
Barreessaa Macaafa Lallabaa kan ta’e Solomoon, jireenyi waa’ee kan hin baafne ta’uusaa yommuu dubbatu, dhimmi kun baay’ee isa yaachisee akka ture beekamaadha. ‘Jireenya nan jibbe,’ yeroo kaanimmoo, “waa’ee hin baasu, waa’ee hin baasu” jedhee dubbateera. (Lallaba 2:17; 12:8) Haata’u malee, macaafni Lallabaa macaafa hadhaan jireenyaa irratti ibsame miti. Rakkoowwan jireenya keessatti nama mudatanirratti qofa xiyyeeffachuun sirriidha jedhee hin yaanne. Xumura macaafichaarratti akkuma ibsame, Solomoon “dubbii nama gammachiisu walitti qabee, dubbii qajeelaa, dubbii dhugaas in caafe.” (Lallaba 12:10) Macaafni Qulqulluun afaan Oromoo bara 1899 maxxanfame akkas jedha: “Dubbii babba’eessa barbaade, inni caafames dubbii qajeelaadhaafi dhugaqabeessa.”
Kanarraa ifatti hubachuun akka danda’amutti, Solomoon miirasaa to’achuu akka qabu hubateera. Karaa garabiraa akkas jedhee of gaafateera jechuudha:
‘Wanti ani dubbachuu yaade dhugaafi sirriidhaa? Jechoota kanaan gargaaramee yoon dubbadhe kan nama gammachiisaniifi fudhatama kan qabanidhaa?’ Dubbii dhugaafi “dubbii nama gammachiisu” barbaaduunsaa, wanti isatti dhaga’ame kun ilaalchasaa akka jalaa hin balleessine isa gargaareera.Kanaan kan ka’es, hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee barreeffama dinqisiisaa qofa utuu hin ta’in, kitaaba ogummaa Waaqayyoofi kaayyoon jireenyaa maal akka ta’e ibsu barreesseera. (2 Ximotewos 3:16, 17) Akkaataan Solomoon miirasaa itti ibse, namoota jaallannuu wajjin karaa bu’a qabeessa ta’een dubbachuuf nugargaaruu danda’uu? Mee fakkeenya tokko haa’ilaallu.
Miirakee To’achuu Baradhu
Fakkeenyaaf mucaan tokko kaardii qabxii mana barumsaa ibsu fudhatee yommuu gara manaa dhufu fuulasaarraa gaddatu mul’ata haajennu. Abbaansaa qabxiisaa yommuu ilaalu ilmisaa barumsa tokkotti akka kufe arga. Yeroo kanatti abbaansaa mucichi yeroo hedduu hoji manee utuu hin hojjetin guyyaa garabiraatti dabarsaa akka ture yaadata. Abbaansaas aariidhaan finiinee akkas jedhee dubbachuu yaada: “Ati dhibaa’aadha! Kanumaan itti fufnaan matumaa milkaa’uu hin dandeessu!”
Abbaan kun aariidhaan dubbachuusaa dura, ‘Wanti ani yaade dhugaa ykn sirriidhaa?’ jedhee of gaafachuunsaa barbaachisaadha. Gaaffiin kun miirrisaa dhugaasaa akka jalaa hin dhoksine isa gargaara. (Fakkeenya 17:27) Mucichi barumsa tokkotti waan kufeef qofa, matumaa jireenyisaa hin milkaa’u jechuudhaa? Hoji maneesaa kan hin hojjenne barumsicha hubachuun waan itti ulfaateefimoo, guutummaa jireenyasaatiin dhibaa’aa waan ta’eefidha? Macaafni Qulqulluun sababa qabatamaa ta’erratti hundaa’uudhaan waa ilaaluun, barbaachisaa ta’uusaa irra deddeebi’ee ibsa. (Tiitoos 3:2, NW; Yaaqoob 3:17, NW) Abbaan mucaasaa jajjabeessuuf ‘dubbii qajeelaafi dubbii dhugaa’ dubbachuu qaba.
Jecha Sirrii Filadhu
Abbichi maal akka dubbatu erga murteessee booda, ‘Wantan dubbachuu yaade karaa mucaakoo gammachiisuufi fudhachuu danda’uun dhiheessuu kanan danda’u akkamitti?’ jedhee of gaafachuu danda’a. Jechoota sirrii ta’an filachuun salphaa akka hin taane beekamaadha. Ta’us, warri ijoolleen umrii dargaggummaa keessatti argaman waan hundaan waa’ee hin baafnu jedhanii akka yaadan qalbeeffachuu qabu. Dogoggora raawwatan ykn dadhabbiisaanii yaaduudhaan gochasaanii kanarratti garmalee xiyyeeffachuunsaanii ilaalcha ofiif qabanirratti dhiibbaa gadhee geessisuu danda’a. Abbaan ykn haati garmalee kan dheekkaman yoo ta’e, ilaalcha mucichi ofiif qaburratti dhiibbaa geessisu itti caalsisuu danda’a. Qolosaayis 3:21 akkas jedha: “Yaadni isaanii akka hin badnetti ijoollee keessan tuttuqxanii hin aarsinaa!”
Jechoonni, “yeroo hundaa,” “matumaa” jedhan yeroo baay’ee dhugaa jiru kan dhoksan ykn kan arbeessanidha. Abbaan ykn haati “Ati matumaa nama hin taatu” jedhanii dubbachuunsaanii mucichi ulfina ofiisaatiif qabu akka dhabu isa godha. Mucaan tokko yeroo hundaa akka waa’ee hin baafne kan itti himamu yoo ta’e, guutummaan jireenyasaa akka wal isaaf hin qixxaanne yaaduu jalqabuu danda’a. Kun abdii kan nama kutachiisu ta’uusaarrayyuu, dhugaa jirurraa kan fagaatedha.
Yeroo hedduu haalli akkamiiyyuu yoo uumame wanta gaariirratti xiyyeeffachuun baay’ee gaariidha. Abbaan asirratti akka fakkeenyaatti dhihaate, ilmasaatiin akkas jechuu danda’a: “Ilmakoo barumsa kanatti kufuunkee akka sigaddisiise naagala. Yeroo hedduu hoji manee siikennamu jabaattee akka hojjettus beeka. Kanaaf, waa’ee barumsa itti kufteefi karaa rakkoo gama kanaan simudate itti mo’uu dandeessurratti haamari’annu.” Abbichi karaa kamiin ilmasaa yoo gargaare akka gaarii ta’u hubachuuf gaaffiiwwan tokko tokko gaafachuudhaan rakkoonsaa inni guddaan maal akka ta’e hubachuu danda’a.
Jecha gaarummaa argisiisuufi irratti yaadameen yaada ofii ibsuun aariidhaan finiinanii dubbachuu caalaa bu’aa gaarii argamsiisa. Macaafni Qulqulluun, “dubbii ba’eessi . . . namatti in miyaa’a, lafee namaas in cimsa” jedha. (Fakkeenya 16:24) Dhugumayyuu, ijoollee dabalatee miseensi maatii hundi, maatiinsaanii nagaafi jaalala kan qabu yoo ta’e gammadoo ta’u.
“Waan Garaa Namaa Keessa Guute”
Mee waa’ee abbaa manaa seensa mataduree kanaarratti eerre irra deebinee haa’ilaallu. Dheekkamsaan finiinee haadha manaasaatti ori’uu mannaa, yeroo fudhatee irratti yaaduudhaan “dubbii Fakkeenya 29:11.
nama gammachiisu” utuu filatee gaarii hin ta’u turee? Abbaan manaa haalli akkasii isa mudate akkas jedhee of gaafachuunsaa gaariidha: ‘Haati manaakoo sa’aatii kabajuurratti jijjiirama gochuun kan ishee barbaachisu ta’us, yeroo hundaa akka barfattu dubbachuunkoo dhugaadhaa? Dadhabbii isheen gama kanaan qabdu yeroo kanatti kaasuunkoo sirriidhaa? Aariidhaan finiinee jecha hin taane dubbachuunkoo jijjiirama gochuuf ishee kakaasaa?’ Gaaffiiwwan akkasii of gaafachuun keenya, utuu hin yaadin namoota jaallannu miidhuurraa akka of qusannu nugargaara.—Haata’u malee, mareen maatii wajjin goonu yeroo hedduu gara falmiitti kan jijjiiramu yoo ta’e maal gochuu dandeenya? Jechi ittiin gargaaramuuf filanne, waa’ee maatii keenyaa maaltu akka nutti dhaga’amu kan argisiisu waan ta’eef jecha filannu qoruu nubarbaachisa. Keessumaa yommuu dhiphannu, wanti dubbannu keessi namummaa keenyaa maal akka ta’e kan argisiisu ta’uu danda’a. Yesus: “Waan garaa namaa keessa guute afaan dubbata” jedheera. (Maatewos 12:34) Karaa garabiraa, yeroo baay’ee wanti dubbannu wanta garaa keenyatti yaannu, fedhiifi ilaalcha keenya ibsa.
Ilaalchi jireenyaaf qabnu, dhugaarratti kan hundaa’e, yaada ni ta’a jedhuufi abdii akka qabnu kan argisiisudhaa? Taanaan, akkaataan itti dubbannus ta’e dubbiin keenya kana kan calaqqisu ta’a. Warra kaan kan ceephaanu, yaada keenya kan hin jijjiirre ykn waa’ee gara fuulduraa yaada ni ta’a jedhu kan hin qabnedhaa? Akkas taanaan, wanta dubbannuunis ta’e akkaataa dubbii keenyaan warra kaan abdii kutachiisuu dandeenya. Ilaalchiifi jechi keenya namoota kaan hammam akka abdii kutachiisu hin hubannu ta’a. Kanaa mannaa, wantoota karaa sirriin ilaala jennee yaaduu dandeenya. Haata’u malee, of gowwoomsuurraa fagaachuu qabna.—Fakkeenya 14:12.
Dubbii Waaqayyoo qabaachuun keenya baay’ee gaariidha. Macaafni Qulqulluun akkaataa itti yaannu, wantoota sirrii ta’aniifi sirreeffamuu qaban akka qorru nugargaara. (Ibroota 4:12; Yaaqoob 1:25) Akkaataan uumama keenyaas ta’e guddina keenyaa maaliyyuu yoo ta’e, yoo barbaanne ilaalchaafi gocha keenyarratti jijjiirama gochuu ni dandeenya.—Efesoon 4:23, 24.
Haala itti warra kaanii wajjin dubbannu gamaaggamuuf, Macaafa Qulqulluu malees wanti nugargaaru jira. Warri kaan maal akka itti dhaga’amu gaafadhu. Fakkeenyaaf, haati manaakee ykn ijoolleenkee gama kanaan maaltu akka itti dhaga’amu gaafadhu. Nama akka gaariitti sibeeku, hiriyaakeefi ga’eessa ta’e gaafadhu. Yaada isaan sii kennan fudhachuuniifi jijjiirama barbaachisaa ta’e gochuun gad of qabuu gaafata.
Dubbachuukee Dura Yaadi!
Akkaataa dubbii keenyaan namoota kaan miidhuurraa fagaachuu yoo barbaanne, gorsa Fakkeenya 16:23rratti argamuufi akkas jedhu hojiirra oolchuu qabna: “Namoonni ogeeyyiin itti yaadanii in dubbatu, dubbiin afaan isaaniis nama in amansiisa.” Yeroo hundaa of to’achuun salphaa ta’uu dhiisuu danda’a. Warra kaan hadheessuu ykn ceepha’uu mannaa, haalasaanii hubachuuf carraaqqii yoo goone, jechoota gaarii yaada keenya ibsuuf nugargaaran argachuun ulfaataa miti.
Hundi keenyayyuu cubbamoota akka taane beekamaadha. (Yaaqoob 3:2) Yeroo tokko tokko hundi keenyayyuu, dubbii garmalee dubbatamu dubbachuu dandeenya. (Fakkeenya 12:18) Gargaarsa Dubbii Waaqayyootiin, dubbachuu keenya dura irratti yaaduu, miiraafi fedhii warra kaaniitiif dursa kennuu barachuu dandeenya. (Filiphisiiyus 2:4) Egaan caalaadhumatti miseensota maatii keenyaa wajjin yommuu dubbannu, ‘dubbii nama gammachiisuufi’ dubbii dhugaa filachuuf murtoo haagoonu. Akkas kan goonu taanaan, dubbiin keenya namoota jaallannu kan miidhuufi hamileesaanii kan cabsu utuu hin ta’in, kan isaan fayyisuufi kan isaan ijaaru ta’a.—Roomaa 14:19.
[Fakkii fuuula 12rra jiru]
Jecha booda itti gaabbitu dubbachuurraa of qusachuu kan dandeessu akkamitti?