SEENAA JIREENYAA
Waaqayyoo fi Haadha Koo Wajjin Nagaa Uumeera
HAATI KOO akkana jettee na gaafatte: “Maaliif abbootii kee warra durii hin waaqeffattu? Ati amma jireenya kan argatte sababii isaaniitiin taʼuu isaa hin beektuu? Akka isaan galateeffattu hin argisiistu jechuu dhaa? Aadaa bara dheeraadhaaf dhalootaa dhalootatti daddarbaa as gaʼe akkamitti dhiista? Abbootii duriitiif ulfina kennuu diduun kee isaan waaqeffachuun keenya gowwummaa akka taʼe dubbachaa jirta jechuu dha.” Achiis haati koo miira ishii toʼachuu dadhabdee booʼuu jalqabde.
Haati koo haala kanaan dubbattee hin beektu. Kana malees, akka ani Kitaaba Qulqulluu qoʼadhu qophii kan godhe ishii dha; haa taʼu malee kana kan goote ofii ishiitiif qoʼachuu akka hin barbaanne malaan diduuf jettee ti. Yeroo hunda ishiidhaaf ajajamaa waanan tureef, amma qajeelfama ishii hordofuu diduun natti ulfaate. Haa taʼu malee, yeroo kanatti Yihowaa gammachiisuuf jecha qajeelfama ishii hordofuu diduun qaba ture. Utuu Yihowaan jabina naaf hin kennine taʼee kana gochuu hin dandaʼun ture.
KIRISTIYAANA TAʼUU
Akkuma namoota Jaappaan jiraatan hedduu nutis amantii Budihiistii hordofna turre. Haa taʼu malee, jiʼa lamaaf qofa Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin qoʼachuun koo Kitaabni Qulqulluun dhugaa taʼuu isaa akkan amanu na godheera. Abbaa samii irra jiraatu akkan qabu yommuun hubadhu, waaʼee isaa beekuuf nan hawwe. Haati koo fi ani wantan barachaa jiru irratti gammachuudhaan mariʼanna turre. Walgaʼii Dilbata Dilbata Galma Mootummaatti godhamu irratti argamuun jalqabe. Beekumsi dhugaa ani qabu guddachaa yommuu adeemu, kana booda sirna amantii Budihiistii irratti akkan hin hirmaanne haadha kootti nan hime. Sana booda yeruma sana ilaalchi ishii ni jijjiirame. “Maatii keenya gidduudhaa namni abbootii keenya duriitiif jaalala hin qabne jiraachuun isaa salphina guddaa dha” jette. Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu fi walgaʼiiwwan irratti argamuu koo akkan dhaabu na ajajje. Haati koo akkana jetti jedhee matumaa yaadee hin beeku! Nama kan biraa natti fakkaatte.
Efesoon boqonnaa 6 irraa Yihowaan warra kootiif akkan ajajamu akka ana irraa eegu baradheera. Abbaan koos ishii irra gore. Jalqaba irratti, wanta isaan naan jedhan yoon raawwadhe, yeroo booda isaanis yaada koo akka fudhatanii fi maatii keenya gidduutti nagaan akka buʼu yaadeen ture. Kana malees, qorumsi gara mana barumsaa sadarkaa lammaffaatti na galchu dhihaachaa waan tureef qophaaʼuun na barbaachisa ture. Kanaaf, jiʼa sadiif wanta isaan naan jedhan gochuufan walii gale; haa taʼu malee, sana booda deebiʼee walgaʼii irratti argamuuf Yihowaadhaaf waadaa nan gale.
Taʼus murtoon koo karaa lamaan dogoggora ture. Tokkoffaa, miirri koo jiʼa sadii gidduutti hin jijjiiramu jedhee yaadeen ture. Haa taʼu malee, utuma baayʼee hin turin karaa hafuuraa beelaʼuu kanan jalqabe siʼa taʼu, Yihowaa irraas caalaatti fagaachuun jalqabe.
Lammaffaa, haati koo fi abbaan koo yaada koo fudhachuu mannaa, waaqeffannaa dhugaa wajjin haala wal qabateen wanta hunda akkan dhiisu caalaatti dhibbaa ana irratti godhan.GARGAARSAA FI MORMII
Galma Mootummaa keessatti obboloota maatii isaanii irraa mormiin irra gaʼaa ture hedduu wajjin wal argeera. Isaanis Yihowaan akka na jabeessu naaf mirkaneessan. (Mat. 10:34-37) Akkasumas ani karaa maatiin koo fayyina itti argatu akkan taʼe na hubachiisan. Kanaaf, Yihowaatti amanamuu barachuu waanan barbaadeef garaadhaa Yihowaa kadhachuun jalqabe.
Maatii koo keessatti mormiin karaa adda addaa natti dhufeera. Haati koo na kadhatti, akkasumas na amansiisuuf ni yaalti turte. Ani garuu yeroo baayʼee deebii hin kennun ture. Yommuu ani dubbadhu, lamaan keenya iyyuu yaada keenya irratti waan xiyyeeffannuuf yeroo baayʼee ni aarra turre. Aarii ishii qabbaneessuu waan dandaʼuuf, miira haadha kootti dhagaʼamuu fi wantoota ishiin itti amantu amanee fudhachuun qaba ture. Warri koo akka ani manaa hin baane gochuuf hojii manaa natti baayʼisan. Al tokko tokko akka ani manatti hin galleef balbala natti qollofu ykn nyaata naaf hin kaaʼan turan.
Haati koo gargaarsa argachuuf namoota kaan bira dhaquu jalqabde. Barsiisaa koo bira dhaqxe kan na himatte taʼus, inni dhimma kana gidduu seenuu hin barbaanne. Amantiin hundi faayidaa akka hin qabne akka na amansiisuuf jettee, hogganaa ishiitti na geessite. Mana keessatti, haati koo firoota heduutti bilbilti, akkasumas boossee akka isaan ishii gargaaran kadhatti turte. Kun immoo anaan baayʼee na aarse; haa taʼu malee, gumii irratti jaarsoliin waaʼee namoota haati koo utuu hin beekin dhugaa baʼaafii jirtu hunda akkan yaadu na gorsan.
Sana booda waaʼeen gara yunivarsiitii galuu ni kaʼe. Warri koo jireenya isaan gaarii dha jedhanii yaadan jiraachuu akkan dandaʼuuf wanta ani gochuu qabu ilaalchisee karoora anaaf baasan. Hojii gaarii
argachuu akkan dandaʼu abdatanii turan. Hundi keenya aarree waan dubbannuuf tasgabbiidhaan mariʼachuu hin dandeenyu turre; kanaaf, galmawwan koo isaaniif ibsuuf haadha koo fi abbaa kootiif xalayaa hedduu barreesseera. Abbaan koo aariidhaan, “Hojii argachuu nan dandaʼa jettee yoo yaadde, bor hojii barbaaddadhu, taʼuu baannaan mana kana gadhiisi” jedhee na doorsise. Anis dhimma kana kadhannaadhaan Yihowaatti nan dhiheesse. Guyyaa itti aanutti tajaajila irra utuun jiruu obboleettonni adda addaa lama ijoollee isaanii akkan isaaniif barsiisu na gaafatan. Haa taʼu malee, abbaan koo wanta kanatti waan hin gammadneef naan oode; yeroo ani isatti dubbadhus deebii naaf hin kennu ture. Haati koo Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu koo mannaa kashalabbee taʼuu koo akka filattu dubbatte.Yihowaan sirriitti yaaduu fi karaan irra deemu ilaaluu akkan dandaʼu na gargaareera
Al tokko tokko, ‘Yihowaan hamma kana fedhii warri koo qaban akkan mormu ni barbaadaa laata?’ jedheen of gaafadha. Haa taʼu malee, kadhannaa dabalataa gochuu fi caqasoota Kitaaba Qulqulluu waaʼee jaalala Yihowaa dubbatan irratti yaaduun koo, mormiin kaayyoo akka qabu akkan yaadu na gargaareera; mormiin kun hamma tokko warri koo naaf yaaddaʼuu isaaniitiin kan na irra gaʼu taʼuu isaa na hubachiiseera. Yihowaan sirriitti yaaduu fi karaan irra deemu ilaaluu akkan dandaʼu na gargaareera. Akkasumas, tajaajila irratti hirmaachaa yommuun deemu tajaajila koo caalaatti jaallachaan deeme. Eeyyee, qajeelchaa taʼuun galma koo taʼeera.
QAJEELCHAA TAʼANII TAJAAJILUU
Obboleettonni tokko tokko qajeelchaa taʼuu akkan barbaadu waan beekaniif, hamma warri koo tasgabbaaʼanitti akkan eegu na gorsan. Ogummaa argachuuf kadhannaa dhiheesseera, qorannaa godheera, kakaʼumsa koo qoreera, akkasumas obbolootaa fi obboleettota muuxannoo qaban mariisiseera. Yihowaa gammachiisuun barbaada jedheen murteesse. Kana malees, qajeelchaa utuu hin taʼin yoon ture, ilaalchi warra koo jijjiiramuu isaatiif wabii hin taʼu.
Barumsa sadarkaa lammaffaa xumuruuf waggaa isa dhumaa irratti qajeelchaa taʼee tajaajiluun jalqabe. Yeroo muraasaaf qajeelchaa taʼee ergan tajaajilee booda, bakka babalʼistoonni mootummichaa caalaatti barbaachisan deemee tajaajiluuf galman baafadhe. Haati koo fi abbaan koo garuu manaa akkan baʼu hin barbaadan turan. Kanaaf, hamma umuriin koo waggaa 20 taʼutti nan eege. Achiis, sammuu haadha koo tasgabbeessuuf, kibba Jaappaan bakka firoottan keenya jiraatanitti akka na ramaduuf waajjira damee nan gaafadhe.
Bakka kanatti namoonni ani qoʼachiise hedduun yommuu cuuphaman arguu kootti baayʼee gammadeera. Utuman kanaan jiruu, tajaajila koo balʼifachuuf jecha afaan Ingiliffaa nan baradhe. Gumii tokko keessa obboloonni qajeelchaa addaa taʼan lama jiru turan. Hinaaffaa isaanii fi akkamitti warra kaan akka gargaaran arguu dandaʼeera. Achiis qajeelchaa addaa taʼuufan galma baafadhe. Yeroo kanatti haati koo siʼa lama dhibeen fayyaa cimaa taʼe ishii mudate. Siʼa lamaanuu ishii kunuunsuuf gara manaatti deebiʼeera. Kun baayʼee ishii ajaaʼibsiiseera, ilaalchi ishiis suutuma suuta jijjiirameera.
EEBBA IRRATTI EEBBA ARGADHEERA
Waggaa torba booda, obboloota qajeelchaa addaa taʼanii fi armaan olitti ani caqase keessaa inni Atsuushii jedhamu xalayaa naaf barreesse. Gaaʼela godhachuu yaadaa akka jiru, akkasumas haala koo fi miira koo beekuu akka barbaadu natti hime. Ani matumaa Atsuushiidhaaf miira jaalalaa qabaadhee hin beeku, innis miira akkanaa naaf qaba jedhee yaadee hin beekun ture. Jiʼa tokko booda caalaatti utuu wal barree akkan barbaadu nan ibseef. Lamaan keenya iyyuu wantoota itti wal fakkaannu hedduu akka qabnu, jechuunis tajaajila yeroo guutuu itti fufuu fi gosa tajaajilaa kam iyyuu keessatti hirmaachuuf fedhii akka qabnu hubanne. Yeroo boodas gaaʼela godhanne. Haati koo, Abbaan koo fi firoottan keenya hedduun sirna gaaʼelaa keenya irratti argamuun isaanii baayʼee na gammachiiseera!
Qajeelchaa taanee utuu tajaajilluu utuma baayʼee hin turin, Atsuushiin bakka buʼaa daawwataa ol aanaa aanaa taʼee muudame. Ammas utuma baayʼee hin turin eebba kan biraa arganne. Jalqaba qajeelchitoota
addaa akka taanu, achiis hojii aanaa akka hojjennu muudamne. Aanaa hunda marsaa tokkoffaa daawwannee erga xumurree booda, waajjira dameetii bilbilli nuuf bilbilame. Gaaffiin isaanii maal ture? ‘Afeerraa hojii aanaa Neeppaalitti isiniif kenname ni fudhattuu?’ kan jedhu ture.‘Hamma kana fagaadhee deemuu kootti warri koo maaltu isaanitti dhagaʼama laata’ jedheen yaade. Kanaaf, isaaniif nan bilbile. Abbaan koo bilbila kan kaase siʼa taʼu, “Biyya bareedduu deemuuf jetta” jedhee naaf deebise. Torban tokko dura michoota isaa keessaa tokko kitaaba waaʼee Neeppaal dubbatu isaaf kennee kan ture siʼa taʼu, innis biyyi sun bakka daawwatamuu qabdu taʼuu ishii yaadaa akka jiru natti hime.
Obboloota Neeppaal gaarii taʼanii wajjin utuma gammachuudhaan tajaajilaa jirruu eebba kan biraa arganne. Aanaan keenya Baangilaadesh ishii nutti dhihoo jirtu taʼus karaa hedduudhaan adda taate kan dabalatu taʼe. Tajaajilli dirree bifa adda addaa hedduu kan qabu ture. Waggaa shan booda Jaappaan ishii amma hojii aanaa keessatti hojjechaa jirrutti ramadamne.
Jaappaan, Neeppaalii fi Baangilaadeshitti tajaajiluun koo waaʼee Yihowaa wantoota hedduu na barsiiseera! Namoonni biyyoota kana keessa jiraatan akkaataa guddinaa fi aadaa adda taʼe qabu. Akkasumas namni inni tokko isa kaan irraa adda dha. Yihowaan saba isaatiif dhuunfaatti akkamitti akka yaadu, akkamitti akka isaan simatu, akkamitti akka isaan gargaaruu fi akkamitti akka isaan eebbisu argeera.
Yihowaan anis waaʼee isaa akkan beeku gochuudhaan, hojiin hojjedhuu fi abbaa manaa Kiristiyaana gaarii taʼe naaf kennuudhaan dhuunfaatti na eebbiseera. Waaqayyo murtoo sirrii akkan godhu kan na geggeesse siʼa taʼu, yeroo ammaatti isaa wajjinis taʼe maatii koo wajjin walitti dhufeenya gaariin qaba. Yihowaadhaaf galanni haa taʼuutii, anii fi haati koo ammas deebinee michoota gaarii waliif taaneerra. Waaqayyoo fi haadha koo wajjin nagaa uumuu waanan dandaʼeef guddaan galateeffadha.