Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ni Yaadattaa?

Ni Yaadattaa?

Barruulee Masaraa Eegumsaa dhiheenyatti baʼan akka gaariitti dubbisteettaa? Mee gaaffiiwwan armaan gadii deebisuuf yaali:

Goog inni biyya Maagoog inni Kitaaba Hisqiʼel keessatti ibsame eenyu?

Goog inni biyya Maagoog Seexana kan argisiisu utuu hin taʼin, erga rakkinni inni guddaan jalqabee booda saboota gamtooman, warra saba Waaqayyoo balleessuuf yaalii godhan kan argisiisu fakkaata.—5/15, ful. 29-30.

Dinqiiwwan Yesus hojjete, inni arjaa taʼuu isaa kan argisiisan akkamitti?

Cidha gaaʼelaa Qaanaatti godhame irratti Yesus bishaan liitira 380 taʼu gara daadhii wayiniitti jijjiireera. Yeroo kan biraatti immoo namoota 5,000 ol taʼan dinqiidhaan nyaachiseera. (Mat. 14:14-21; Yoh. 2:6-11) Yeroo lamaanuu, fakkeenya Abbaa isaa isa arjaa taʼee hordofeera.—6/15, ful. 4-5.

Baabilon Guddittiin yommuu balleeffamtu namoonni miseensota amantii sobaa taʼan hundi ni balleeffamuu?

Kan balleeffaman hin fakkaatu. Zakaariyaas 13:4-6 luboonni amantii tokko tokko illee, amantii isaanii akka dhiisanii fi kutaa amantii sobaa kan hin turre taʼuu isaanii akka dubbatan ibsa.—7/15, ful. 15-16.

Baaraaq waraana irratti kan hirmaatu yoo Deboraan isaa wajjin dhaqxe qofa akka taʼe kan dubbate maaliifi?

Baaraaq nama amantii ture. Yihowaan miʼa waraanaa dabalataa akka isaaf kennu gaafachuu mannaa Deboraan ishiin Yihowaa bakka buutu isaa fi namoota isaa jajjabeessuuf achitti akka argamtu barbaade. (Abo. 4:6-8; 5:7)—10/1, ful. 11.

Wanti Kiristiyaanni tokko irratti xiinxaluu qabu tokko tokko kam faʼi?

Isaan keessaa tokko tokko wantoota Yihowaan uume, faayidaa Dubbiin isaa inni geggeessaa hafuuraatiin barreeffame qabu, mirga kadhannaa gochuuf arganne, akkasumas furii inni jaalalaan kakaʼee nuuf qopheesse dha.—8/15, ful. 10-13.

Michoota gadhee irraa fagaachuun gaaʼelaaf wal qorachuu irratti kan hojjetu akkamitti?

Namoota hin amanetti garaa jabaachuu akka hin qabne beekamaa dha. Taʼus, nama Yihowaadhaaf of hin murteessinee fi ulaagaalee isaatiif amanamaa hin taanee wajjin gaaʼelaaf wal qorachuun qajeelfama Waaqayyoo wajjin kan wal faallessu dha. (1 Qor. 15:33)—8/15, ful. 25.

Phexros amantiin isaa kan laafee fi booda immoo kan jabaate akkamitti?

Phexros ergamaan bishaan irra gara Yesusitti kan deeme amantii waan qabuuf ture. (Mat. 14:24-32) Haa taʼu malee, qilleensa jabaa sana yommuu argu ni sodaate. Achiis deebiʼee Yesus irratti xiyyeeffachuudhaan gargaarsa inni isaaf godhe fudhateera.—9/15, ful. 16-17.

Maartaan hojii hedduudhaan yaadni ishii hihhiramuu isaa irraa barumsa akkamii arganna?

Yeroo tokko Maartaan nyaata hedduu qopheessuudhaan yaadni ishii hihhiramee ture. Yesus obboleettiin ishii barumsa isaa dhaggeeffachuudhaan qooda gaarii akka filatte dubbateera. Nutis wantoonni barbaachisaa hin taane sochii hafuuraa keenya irratti gufuu akka hin taane of eeggachuu qabna.—10/15, ful. 18-20.