Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Fakkeenya Waaqa Isa Jireenya Bara Baraa Nu Abdachiisee Hordofaa

Fakkeenya Waaqa Isa Jireenya Bara Baraa Nu Abdachiisee Hordofaa

“Akka ijoollee jaallatamootti fakkeenya Waaqayyoo fudhadhaa!”—EFE. 5:1.

1. Dandeettiin amalawwan Waaqayyoo hordofuuf nu gargaaru isa kami?

WANTI isaan irra gaʼe nu irra gaʼee kan hin beekne yoo taʼe illee, Yihowaan miira namoota kaanii hubachuu akka dandeenyu godhee nu uumeera. (Efesoon 5:1, 2 dubbisi.) Dandeettii Waaqayyo nuu kenne kanatti ogummaadhaan fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti? Dandeettii kanatti yeroo fayyadamnu of eeggannoo gochuu kan qabnu maaliifi?

2. Yeroo dhiphannu Yihowaan maal godha?

2 Waaqayyo namoota dibamoo amanamoo taʼaniif samii irratti jireenya hin badne, ‘hoolota kan biraatiif’ immoo lafa irratti jireenya bara baraa kennuuf waadaa kan seene taʼuu isaatti akka gammadnu ifa dha. (Yoh. 10:16; 17:3; 1 Qor. 15:53) Namoonni samii irratti jireenya hin badne argatanis taʼe, namoonni bara baraaf lafa irra jiraatan yeroo sanatti rakkinni yeroo harʼaa jiru isaan irra hin gaʼu. Yihowaan garbummaa Gibxii jala yeroo turanitti dhiphina Israaʼeloota irra gaʼaa ture akkuma beeku, rakkina nu irra gaʼaa jirus akka gaaritti beeka. Eeyyee, “yeroo isaan dhiphatan hundumaatti innis in dhiphate.” (Isa. 63:9) Jaarraawwan hedduu booda, Yihudoonni mana qulqullummaa deebisanii yeroo ijaaraa turanitti mormii diinotaa sodaatanii turan; Waaqayyo garuu, “Namni isin tuqu agartuu ija kootii tuqa” isaaniin jedhee ture. (Zak. 2:8) Akkuma haati tokko daaʼima isheetiif garaa laaftu, Yihowaanis saba isaa eeguuf jaalalaan kakaʼee tarkaanfii fudhateera. (Isa. 49:15) Kun, Yihowaan miira warra kaanii akka hubatu argisiisa; nuufis dandeettii kana nuu kenneera.—Far. 103:13, 14.

YESUS JAALALA WAAQAYYOO KAN CALAQQISIISE AKKAMITTI?

3. Yesus gara laafessa akka ture kan argisiisu maali dha?

3 Wanti isaan irra gaʼe matumaa isa irra gaʼee kan hin beekne taʼu illee, Yesus rakkina warra kaanii ni hubata ture. Fakkeenyaaf, namoonni hedduun geggeessitoota amantii isaan gowwoomsanii fi seera ofii baasaniin isaan dhiphisan ni sodaatu turan. (Mat. 23:4; Mar. 7:1-5; Yoh. 7:13) Yesus isaan sodaatee ykn isaaniin gowwoomfamee kan hin beekne taʼus, haala isa mudatee hin beekne kana hubachuu dandaʼee ture. Kanaafuu, “namoota akka hoolota tiksee hin qabneetti bututanii, gatamanii turan sana yommuu arge isaaniif ooʼe.” (Mat. 9:36) Yesus akkuma Abbaa isaa jaalala qabeessaa fi gara laafessa ture.—1 Yoh. 4:8; Yaq. 5:11.

4. Yesus rakkina warra kaanii arguun isaa maal gochuuf isa kakaase?

4 Yesus namoota rakkatan yeroo argu, jaalala isaanitti argisiisuuf kakaʼa ture. Kanaafuu, jaalala Abbaa isaa guutummaatti calaqqisiiseera. Yeroo tokko Yesusii fi ergamoonni isaa karaa dheeraa deemanii erga lallabanii booda, boqonnaa fudhachuuf iddoo namni hin jirre tokko dhaquuf turan. Haa taʼu malee, Yesus namoota isa eegaa turaniif waan gaddeef, “waan baayʼees isaan barsiisuutti kaʼe.”—Mar. 6:30, 31, 34.

JAALALA ARGISIISUUDHAAN YIHOWAA FAKKAACHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

5, 6. Jaalala argisiisuudhaan Waaqayyoon fakkaachuuf namoota akkamitti qabuu qabna? Fakkeenya kenni. (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

5 Akkaataa namoota itti qabnu irratti jaalala argisiisuudhaan fakkeenya Yihowaa hordofuu ni dandeenya. Fakkeenyaaf, dargaggeessi Kiristiyaanni Aalan jedhamu tokko waaʼee obboleessa maanguddoo iji isaanii dadhabee fi dubbisuuf rakkatan tokkoo yaadaa jira haa jennu. Obboleessi kun manaa gara manaa deemanii tajaajiluunis isaan rakkisa. Aalan wanta Yesus, “Namoonni akka isinii godhaniif kan jaallattan, isinis akkasuma isaaniif godhaa!” jechuudhaan dubbate yaadate. (Luq. 6:31) Kanaafuu Aalan, ‘Namoonni maal akka naa godhanan barbaada?’ jedhee of gaafata. Deebiin isaa, ‘Kubbaa akka naa wajjin taphatanan barbaada!’ kan jedhu dha. Obboleessi maanguddoon sun garuu kubbaa taphachuu hin dandaʼan. Wanti Yesus dubbate, ‘Ani haala akka isaa keessa utuun jiraadhee namni tokko maal akka naa godhun barbaada?’ jennee of gaafachuu akka qabnu argisiisa.

6 Aalan maanguddoo taʼuu baatus, haala isa irra gaʼee hin beekne hubachuuf dandeettii qaba. Obboleessa maanguddoo kanaa wajjin yeroo dabarsa; akkasumas yeroo isaan dubbatan sirriitti isaan dhaggeeffata. Dhuma irratti Aalan haalli maanguddoo dubbisuuf rakkatanii fi manaa gara manaa deemuun isaan rakkisu kanaa maal akka fakkaatu ni hubata. Aalan rakkina obboleessa maanguddoo sanaa yeroo hubatu, gargaarsi akkamii akka isaan barbaachisu ni beeka; akkasumas isaan gargaaruu ni barbaada. Nuyis akkasuma gochuu ni dandeenya. Jaalala argisiisuudhaan Waaqayyoon fakkaachuuf, bakka isaanii of kaaʼuudhaan haala obboloota keenyaa hubachuu qabna.—1 Qor. 12:26.

Jaalala argisiisuudhaan fakkeenya Yihowaa hordofaa(Keeyyata 7 ilaali)

7. Rakkina isaanii hamma hubannutti sirriitti namoota beekuuf maal gochuu dandeenya?

7 Rakkina warra kaanii hubachuun yeroo hunda salphaa miti. Rakkinni namoota baayʼee irra gaʼu nu irra gaʼee kan hin beekne dha. Namoonni tokko tokko balaan, dhukkubni ykn dullumni miidhaa qaamaa isaan irra geessisa. Namoonni kaan immoo, miidhaa miiraa dhiphinni sammuu, miirri sodaa fi miidhaa jalʼinni kanaan dura isaan irratti raawwatame geessisuu wajjin walʼaansoo gochaa jiru. Maatii amantiidhaan qoqqoodame keessa kan jiraatan ykn kophaa isaanii ijoollee kan guddisanis jiru. Namoonni hundi rakkina mataa isaanii kan qaban siʼa taʼu, yeroo baayʼee rakkinni isaanii nu irra gaʼee kan hin beekne dha. Haala akkasii keessatti, jaalala argisiisuudhaan fakkeenya Waaqayyoo hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Yoo xinnaate hamma tokko miira nama sanaa hamma hubannutti xiyyeeffannaadhaan isa dhaggeeffachuudhaan kana gochuu dandeenya. Kana gochuun keenya, gargaarsa isa barbaachisu gochuudhaan jaalala Yihowaa hordofuuf nu kakaasa. Tokkoon tokkoon namootaatiif gargaarsi barbaachisu garaa gara taʼus, karaa hafuuraa isaan jajjabeessuu fi gargaarsa kan biraa gochuufii ni dandeenya taʼa.—Roomaa 12:15; 1 Phexros 3:8 dubbisi.

GAARUMMAA ARGISIISUUDHAAN YIHOWAA FAKKAADHAA

8. Yesus gaarummaa akka argisiisu kan isa gargaare maali dha?

8 Ilmi Waaqayyoo akkana jedheera: “[Inni Hundaa Olii] warra hin galateeffannee fi hamootaaf illee gaarii dha.” (Luq. 6:35, NW) Yesus gaarummaa argisiisuudhaan fakkeenya Waaqayyoo hordofeera. Kana gochuuf kan isa gargaare maali dha? Dubbii fi gochi isaa miira warra kaanii irratti dhiibbaa akka geessisu yaaduudhaan, gaarummaadhaan namoota qabeera. Fakkeenyaaf, dubartiin cubbamtuu akka taatetti beekamtu tokko gara isaa dhuftee booʼaa imimmaan isheetiin miilla isaa jiistee turte. Yesus qalbii jijjiirrachuu ishee hubatee ture; akkasumas, yoo gaarummaa isheetti argisiisuu baate miirri ishee hammam miidhamuu akka dandaʼu beekee ture. Kanaafuu, ishee galateeffate; dhiifamas ni godheef. Fariisichi tokko wanti inni godhe sirrii akka hin taane yeroo yaadetti, Yesus isattis gaarummaadhaan dubbateera.—Luq. 7:36-48.

9. Gaarummaa argisiisuudhaan fakkeenya Waaqayyoo hordofuuf maaltu nu gargaara? Fakkeenya kenni.

9 Gaarummaa argisiisuudhaan fakkeenya Waaqayyoo hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Namootatti gaarummaa argisiisuu akka dandeenyuu fi miira isaanii akka hin hubneef, wanta tokko dubbachuu ykn gochuu keenya dura yaaduu qabna. Phaawulos akka jedhetti, Kiristiyaanni tokko “nama hundumaatti gaarummaa argisiisuu” qaba malee, “nama qoccoluu” hin qabu. (2 Xim. 2:24) Haalawwan armaan gadii keessatti gaarummaa argisiisuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe yaadaa: Bakka hojiitti toʼataan keenya hojii isaa sirriitti hin raawwatu. Yeroo kanatti maal goona? Obboleessi tokko jiʼoota hedduu booda gara gumii dhufe. Maal isaan jenna? Namni tajaajila irratti arganne tokko, “Amma hojiin qaba, isin haasofsiisuu hin dandaʼu” nuun jedhe. Akka isaaf yaadnu ni argisiisnaa? Manatti, hiriyaan gaaʼelaa keenya, “Wanta Sanbadduraa gochuuf yaadde maaliif natti hin himne?” jedhee nu gaafate. Gaarummaadhaan deebii ni kenninaa? Bakka warra kaanii of kaaʼuu fi dubbiin keenya dhiibbaa akka isaan irra geessisu yaaduun, akkaataa dubbii fi gocha keenya irratti gaarummaa argisiisuudhaan fakkeenya Yihowaa hordofuuf nu gargaara.—Fakkeenya 15:28 dubbisi.

OGUMMAA ARGISIISUUDHAAN WAAQAYYOON FAKKAADHAA

10, 11. Ogummaa argisiisuudhaan fakkeenya Yihowaa hordofuuf kan nu gargaaru maali dha? Fakkeenya kenni.

10 Wanta nu irra gaʼee hin beekne tokko hubachuuf dandeettiin qabnu, ogummaa Yihowaa hordofuu fi buʼaa gochi keenya fiduu dandaʼu dursinee hubachuuf nu gargaara. Ogummaan amalawwan gurguddaa Yihowaan qabu keessaa tokko siʼa taʼu, inni yoo barbaade buʼaa gocha tokkoo dursee guutummaatti beekuu ni dandaʼa. Nuyi waaʼee gara fuulduraa hammana beekuu hin dandeenyu; taʼus, wanti gochuuf jennu buʼaan isaa maal taʼuu akka dandaʼu yaaduun keenya barbaachisaa dha. Israaʼeloonni Waaqayyoof ajajamuu diduun isaanii maal fiduu akka dandaʼu hin yaadne. Museen, Yihowaan waan baayʼee kan isaaniif godhe taʼu iyyuu wanta isa duratti hamaa taʼe akka raawwatan beekee ture. Guutummaan waldaa Israaʼel utuu dhagaʼuu, akkas jechuudhaan faarfateera: “Sabni akkasii garuu saba gorsa hin qabnee dha, hubachuunis isa keessa hin jiru; maaloo, utuu ogeessota taʼanii kana hubatanii, dhumni isaaniis attam akka taʼu utuu beekanii!”—Kes. 31:29, 30; 32:28, 29.

11 Ogummaa argisiisuudhaan fakkeenya Waaqayyoo hordofuuf, buʼaa gochi keenya fiduu dandaʼu irratti xiinxaluun, darbees buʼaa isaa yaadaan ilaaluun keenya barbaachisaa dha. Fakkeenyaaf, gaaʼelaaf wal qorachaa jirra yoo taʼe, nama tokkoof miira jaalalaa yeroo qabaannutti miira keenyaa fi fedhii saalaa keenya toʼachuun ulfaataa taʼuu isaa hubachuu qabna. Wanta walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu isa gati jabeessa miidhuu dandaʼu kam iyyuu karoorfachuu ykn gochuu hin qabnu! Kanaa mannaa, yaada geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffamee fi “Namni hubataan wanta hamaa in arga, jalaas in dhokata, namni wallaalaan garuu itti in adeema, in adabamas” jedhuu wajjin wanta wal simu haa raawwannu.—Fak. 22:3.

WANTA ISIN MIIDHU IRRATTI XIINXALUU IRRAA FAGAADHAA

12. Xiinxaluun nu miidhuu kan dandaʼu akkamitti?

12 Namni hubataan xiinxaluun akka ibiddaa taʼuu isaa ni hubata. Ibiddi karaa sirrii taʼeen yoo itti gargaaramne faayidaa qaba; fakkeenyaaf nyaata bilcheessuuf gargaara. Haa taʼu malee, ibiddi toʼatamuu baannaan balaa guddaa geessisuu, tarii mana gubuu fi namoota keessa jiraatan ajjeesuu ni dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun, xiinxaluun keenya fakkeenya Yihowaa hordofuuf kan nu gargaaru yoo taʼe, faayida qabeessa taʼa. Wantoota qunnamtii saalaa wajjin wal qabatan irratti xiinxaluun garuu miidhaa nu irra geessisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf wantoota cubbuu taʼan irratti xiinxaluu amaleeffachuun, wantoota kana raawwachuutti nu geessuu dandaʼa. Eeyyee, fedhii foonii irratti xiinxaluun karaa hafuuraa balaa guddaa geessisuu dandaʼa!—Yaaqoob 1:14, 15 dubbisi.

13. Hewwaan waaʼee jireenya akkamii yaaddee taʼuu dandaʼa?

13 Dubartii jalqabaa kan taate Hewwaan, ‘ija mukicha nyaatanii hamaa fi gaarii ittiin beekanii’ fi dhowwamanii turan nyaachuuf kan hawwite akkamitti akka taʼe ilaalaa. (Uma. 2:16, 17) Bofichi akkana isheedhaan jedhe: “Hin duutan; isin ija mukichaa irraa yeroo nyaattan iji keessan akka banamu, hamaa fi gaarii beekuudhaanis akka Waaqayyo akka isin taatan, Waaqayyo in beeka.” Hewwaan “iji mukichaa nyaataaf gaarii taʼuu isaa, ija namaatti kan tolu . . . taʼuu isaa argite.” Buʼaan isaa maal ture? “Ija isaa irraa kutattee in nyaatte; abbaa manaa ishee isa ishee wajjin tureefis immoo in laatte, innis in nyaate.” (Uma. 3:1-6) Yaada Seexanni isheedhaaf dhiheesse keessaa wanti qalbii ishee hawwate kan jiru fakkaata. Wanti gaarii fi hamaa taʼe isheetti himamuu mannaa, ofuma isheetii murteessuu hawwite. Hewwaan wanta akkasii yaaduun ishee miidhaa guddaa geessiseera! Karaa abbaa manaa ishee Addaam isa cubbamaa taʼee, ‘cubbuun biyya lafaatti ni dhufe, duunis karaa cubbuu ni gale.’—Rom. 5:12.

14. Macaafni Qulqulluun gocha gadhee irraa akka fagaannu kan nu gargaaru akkamitti?

14 Cubbuun Hewwaan dhaaba Eeden keessatti raawwatte, qunnamtii saalaa wajjin wal hin qabatu. Haa taʼu malee, Yesus wantoota qunnamtii saalaa wajjin wal qabatan irratti xiinxaluun sirrii akka hin taane dubbateera. “Namni ija hawwaatiin dubartii ilaale garaa isaatti isheetti ejjeera” jedheera. (Mat. 5:28) Phaawulosis, “Fedhii foonii keessan raawwachuuf dursitanii karoora hin baafatinaa” jedheera.—Rom. 13:14, NW.

15. Qabeenya akkamii walitti qabachuu qabna? Maaliif?

15 Hawwiin balaa qabu inni kan biraan immoo, Waaqayyoof xiyyeeffannaa kennuu dhiisuu fi waaʼee sooromuu yaaduu dha. Namoonni sooreyyiin qabeenya isaanii ‘akka dallaa dhedheerootti in lakkaaʼu.’ (Fak. 18:11) Yesus haala gaddisiisaa namni “badhaadhummaa ofii isaatiif tuullatee, Waaqayyo biratti immoo badhaadhaa hin taʼin” keessa jiru seenaa ibsu dubbatee ture. (Luq. 12:16-21) Yihowaan wanta isatti tolu yeroo goonu ni gammada. (Fak. 27:11) ‘Waaqa irratti badhaadhummaa’ walitti qabachuu keenyaan isa duratti fudhatama yeroo argannu baayʼee gammadna! (Mat. 6:20) Walitti dhufeenyi gaariin Yihowaa wajjin qabnu, qabeenya keenya isa gati jabeessa akka taʼe beekamaa dha.

YAADA NAMA DHIPHISU TOʼACHUU

16. Karaan dhiphina toʼachuu itti dandeenyu inni tokko maali dha?

16 ‘Lafa irratti badhaadhummaa’ walitti qabachuuf carraaqna yoo taʼe, hammam dhiphachuu akka dandeenyu yaadaa. (Mat. 6:19) Yesus “yaaddoon biyya lafaa, gowwoomsaan soorumaa” dubbii Mootummichaa hudhuu akka dandaʼu ibsuuf fakkeenyatti fayyadameera. (Mat. 13:18, 19, 22) Kan yaaddaʼan waaʼee qarshiis taʼe waaʼee wanta kan biraa, namoonni tokko tokko yeroo baayʼee wantoota gadhee uumamuu dandaʼan irratti yaadu. Haa taʼu malee, yaada nama dhiphisu akkasii toʼachuu baannaan, karaa qaamaas taʼe karaa hafuuraa miidhamuu dandeenya. Kanaafuu, Yihowaatti haa amanamnu; akkasumas, “Yaaddoon garaa namaa keessa yoo jiraate, gad nama qaba; dubbii gaariin garuu nama gammachiisa” caqasa jedhu haa yaadannu. (Fak. 12:25) Namni haala keenya hubatu tokko yaada gaarii nama jajjabeessu dubbachuun isaa nu gammachiisuu dandaʼa. Wanta nu yaaddessu warra keenyatti, hiriyaa gaaʼelaa keenyatti ykn michuu amanamaa ilaalcha akka Waaqayyoo qabu tokkotti himachuun keenya dhiphina irraa nu furuu dandaʼa.

17. Yihowaan dhiphina akka moonu kan nu gargaaru akkamitti?

17 Yihowaa caalaa eenyu iyyuu yaaddoo keenya nuuf hin hubatu. Phaawulos akkana jechuudhaan barreesseera: “Waan hundumaatti, kadhataa fi himataan galataa wajjin wanti isin barbaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu godhaa malee, waanuma tokkotti yaaddoo hin qabaatinaa! Nagaan Waaqayyoo inni hubannaa namaa hundumaa irra caalus, karaa Kristos Yesus garaa keessanii fi yaada keessan in eega.” (Filp. 4:6, 7) Qaamota karaa hafuuraa akka hin miidhamne nu gargaaraa jiran, jechuunis obboloota, jaarsolii, hojjetaa amanamaa, ergamoota, Yesus, akkasumas Yihowaa yaadaa.

18. Xiinxaluun nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

18 Akkuma hanga ammaatti ilaalle, xiinxaluun jaalala dabalatee amalawwan Yihowaa kaan argisiisuudhaan fakkeenya isaa hordofuuf nu gargaara. (1 Xim. 1:11; 1 Yoh. 4:8) Jaalala dhugaa yoo argisiisne, buʼaa gocha keenyaa irratti yoo yaadnee fi dhiphina irraa yoo fagaanne gammachuu ni qabaanna. Kanaafuu, dandeettii abdii keenya irratti yaaduuf, akkasumas amalawwan akka jaalalaa, gaarummaa fi ogummaa argisiisuu fi gammachuu qabaachuudhaan fakkeenya Yihowaa hordofuuf qabnutti akka gaariitti haa fayyadamnu.—Rom. 12:12.