Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUUSAA KEENYA KEESSAA

Biyya Baha Biiftuutti Ifni Mulʼachuu Jalqabe

Biyya Baha Biiftuutti Ifni Mulʼachuu Jalqabe

Waraqaan afeerrii haasaa sabaa Tookiyoo keessatti raabsameera, akkasumas xiyyaaraan magaalaa Osaakaa irratti bittinneeffameera

FULBAANA 6, 1926⁠tti dhalataan Jaappaan piilgiriimii (daawwataa olaanaa) taʼee Yunaayitid Isteetisitti tajaajilaa ture tokko, misiyoonii taʼee biyyasaatti deebiʼe. Isa simachuuf kan isa eegaa ture nama kontiraata Masaraa Eegumsaa galeefi magaalaa Koobii keessatti tuuta qayyabannaa Macaafa Qulqulluu hundeesse tokko ture; Jaappaan keessatti kontiraata kan gale nama kana qofa ture. Magaalattii sana keessatti Barattoonni Macaafa Qulqulluu yeroo jalqabaatiif walgaʼii guddaa kan godhatan Amajjii 2, 1927⁠tti ture. Walgaʼii kanarratti namoonni 36 kan argaman siʼa taʼu, namoonni 8 cuuphamaniiru. Kun jalqabbii gaariidha; haataʼu malee, tuutni xinnoon kun uummata Jaappaan miliyoona 60 taʼuufi ifa dhugaa Macaafa Qulqulluu arguu qabu waliin gaʼuu kan dandaʼu akkamitti?

Caamsaa 1927⁠tti Barattoonni Macaafa Qulqulluu haasaawwan Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan beeksisuuf, uummataaf lallabuu jalqaban. Haasaa jalqabaa Osaakaa keessatti dhihaatu beeksisuuf, obboloonni guutummaa magaalattii keessatti mallattoolee karaa miilaarra kaaʼamaniifi gabateewwan beeksisaa gurguddaatti fayyadamaniiru; namoota beekamoo taʼaniifis waraqaa afeerrii 3,000 erganiiru. Akkasumas, waraqaalee afeerrii 150,000 raabsaniiru; gaazexoota beekamoo Osaakaa keessatti maxxanfamaniifi tikeetii baaburaa 400,000 irratti haasicha beeksisaniiru. Guyyaa haasichi itti dhihaatutti xiyyaaronni lama waraqaalee afeerrii 100,000 magaalattiirratti bittinneessaniiru. Namoonni 2,300 taʼan haasaa “Mootummaan Waaqayyoo Dhihaateera” jedhu dhaggeeffachuuf Galma Osaakaa Aasaahii guutanii turan. Bakki waan hin jirreef namoonni gara kuma tokkoo taʼan akka deebiʼan itti himame. Haasichi erga dhihaatee booda namoota hasicharratti argaman keessaa 600 ol kan taʼan sagantaa gaaffiifi deebii itti aanee raawwatamurratti hirmaachuuf achumatti hafaniiru. Jiʼoota itti aananitti, haasaan sabaa Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe Kiyootoofi magaalota lixa Jaappaanitti argaman kan biroo keessatti kennameera.

Onkoloolessa 1927⁠tti, Barattoonni Macaafa Qulqulluu Tookiyoo keessatti haasaawwan akka dhihaataniif qophii godhan. Yeroo kanattis ministeera muummee, miseensota paarlaamaa, geggeessitoota amantiifi humna waraanaa dabalatee namoonni beekamoon afeeramaniiru. Haasaa kana beeksisuuf poostaroota, beeksisoota gaazexaarratti baʼaniifi waraqaalee afeerrii 710,000 taʼanitti kan fayyadaman yommuu taʼu, walumatti namoonni 4,800 haasaawwan sadan magaalaa guddoo Jaappaan keessatti dhihaatan kanarratti argamaniiru.

KOLPORTAROOTA HINAAFFAADHAAN LALLABAN

Kaatisuʼoofi Haajinoo Miiʼuraa

Kolportaroonni (qajeelchitoonni) ergaa Mootummichaa manaa gara manaatti lallabuurratti gumaacha guddaa godhaniiru. Maatisuyee Iishii, isheen kolportaroota warra jalqabaa Jaappaan keessa turan keessaa tokko turteefi abbaan manaashee Jiizoon, biyyatti keessaa harka sadii waliin gaʼaniiru; jechuunis, Saappooroodhaa hanga Seendaay, Tookiyoo, Yookohaamaa, Naagoyaa, Osaakaa, Kiyootoo, Okaayaamaafi Tokushiimaatti lallabaniiru. Obboleettiin keenya Iishiiniifi Dhugaa Baatuun umriidhaan ishee caaltuufi Saakiikoo Taanaakaa jedhamtu, uffata kimonoos (uffata aadaa Jaappaan) uffachuudhaan qondaaltota mootummaa haasofsiisaniiru. Qondaaltota sana keessaa tokko mana kitaabaa mana sirreessaa keessa kaaʼuu waan barbaadeef kitaabota Kiraara Waaqayyoo fi Bilisa Baʼuu (Ingiliffa) jedhaman 300 akka isaaf kennan gaafateera.

Kaatisuʼoofi Haajinoo Miiʼuraan obboleetii keenya Iishii irraa kitaabota kana kan fudhatan siʼa taʼu, wanti dubbisan dhugaa taʼuusaa hubachuuf yeroo isaanitti hin fudhanne. Achiis, bara 1931⁠tti cuuphamuudhaan kolportaroota taʼan. Haruyichiifi Taanee Yaamaadaan, akkasumas firoonnisaanii hedduun bara 1930 dura ergaa Mootummichaa fudhataniiru. Haruyichiifi Taanee Yaamaadaan kolportaroota kan taʼan yommuu taʼu, intallisaanii Yuukiikoonimmoo Tookiyootti, Betʼel keessa tajaajiluu jalqabde.

“YEHUU” GUDDAAFI XINNOO

Yehuu guddaa qajeelchitoota jaʼa qabatu

Yeroo sanatti gatiin konkolaataa miʼaa kan ture yommuu taʼu, daandiinis gaarii hin turre. Kanaafuu Kaazuumii Miinooraafi kolportaroonni dargaggoo taʼan kaan, manneen oofamaniifi mootora malee hojjetanitti fayyadamu turan. Yehuu isa konkolaataa fardaan harkifamu saffisa guddaadhaan oofaa tureefi yeroo booda mootii Israaʼel taʼerraa kaʼuudhaan, manneen kana Yehuu jedhanii waamu turan. (2 Mot. 10:15, 16) Yehuu warri gurguddaan sadan dheerinnisaanii meetira 2.2, balʼinnisaanii meetira 1.9, akkasumas ol dheerinnisaanii meetira 1.9 kan ture siʼa taʼu, tokkoon tokkoonsaanii keessa qajeelchitoonni jaʼa buluu dandaʼu turan. Kana malees, Yehuuwwan xixinnoon nama lama qabachuu dandaʼaniifi biskileetiidhaan harkifaman 11 waajjira damee Jaappaanitti tolfamaniiru. Kiichii Iwaasaakiin inni Yehuu hojjechuurratti hirmaatee ture, “Tokkoon tokkoon Yehuu dunkaanaafi baatirii konkolaataa ibsaadhaaf taʼu qabu turan” jedheera. Kolportaroonni Hookaayidoo isa gara kaabaatiin argamuu hanga Kiyuushuu isa gara kibbaaatiin argamutti, tulluuwwanirraafi dachaawwan keessa Yehuu oliifi gadi harkisuufi dhiibuudhaan ifni dhugaa guutummaa Jaappaan keessatti akka mulʼatu godhaniiru.

Yehuu xinnoo nama lama qabatu

Kolportariin Ikumaatisu Ootaa jedhamu akkas jedheera: “Yeroo magaalaa tokko geenyu Yehuu keenya qarqara lagaa ykn dirreerra dhaabna turre. Jalqaba namoota beekamoo taʼan, kan akka bulchaa magaalaa haasofsiisna; achiis manaa gara manaa deemuudhaan barreeffamoota keenya beeksisna. Naannicha erga waliin geenyee boodammoo magaalaa itti aanu deemna turre.”

Koobii keessatti walgaʼii jalqabaa kan godhatan Barattoota Macaafa Qulqulluu 36 qofa turan. (Zak. 4:10) Waggaa shan booda, jechuunis bara 1932⁠tti garuu, kolportaroonniifi babalʼistoonni Jaappaan 103 taʼan kitaabota 14,000 akka raabsan gabaafameera. Yeroo harʼaa Jaappaan keessatti haala sirriitti qindaaʼeen bakka namoonni baayʼinaan argamanitti lallabamaa jira; akkasumas babalʼistoonni gara 220,000 taʼan ifnisaanii “Biyya Baha Biiftuutti,” jechuunis Jaappaan keessatti akka mulʼatu gochaa jiru.—Kuusaa keenya Jaappaan keessatti argamurraa.

Sketches by Kiichi Iwasaki, who built the Jehus at Japan Bethel