MASARAA EEGUMSAA—MAXXANSA QOʼANNAA Onkoloolessa 2014
Maxxansi kun, matadureewwan qayyabannaa Mudde 1 hanga 28, 2014tti qayyabataman kan qabatedha.
Fedhiidhaan Of Dhiheessaniiru—Taayiwaan
Dhugaa Baatonni Yihowaa 100 ol taʼan, bakka babalʼistoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisanitti tajaajiluuf as dhufaniiru. Muuxannoosaaniifi wanta milkaaʼina akka argatan godhe ilaali.
Mootummicharratti Amantii Cimaa Qabaadhaa
Yihowaan Mootummaansaa kaayyoosaa akka galmaan gaʼu mirkaneessuuf kakuuwwan jaʼatti fayyadameera. Kakuuwwan kun amantii keenya cimsuuf kan nu gargaaran akkamitti?
“Mootummaa Lubootaa” Ni Taatu
Kakuuwwan jaʼa keessaa warri dhumarratti ilaalle sadan Mootummaa Waaqayyootti akka amanamnuufi misiraachicha akka lallabnu nu kakaasu.
SEENAA JIREENYAA
Yeroo Seena Qabeessa Ani Tajaajilarratti Dabarse
Miildirad Olsan, gara waggaa 29 misiyoonii taatee Eel Saalvaadoritti tajaajilte dabalatee, waggaa 75 oliif tajaajilteetti. Keessasheetti ijoollummaan akka itti dhagaʼamu kan godhe maalidha?
Mirga Yihowaa Wajjin Hojjechuudhaaf Argattaniif Bakka Guddaa Kennaa!
Warri Yihowaa waaqeffatan fedhii dhuunfaasaanii boodatti akka dhiisan kan isaan kakaasu maalidha?
“Yaada Garaa Keessanii Wanta Waaqa Irra Jirutti Hidhaa”
Namoonni barabaraaf lafarra jiraachuuf abdii qaban yaadasaanii wanta waaqarra jirutti hidhuu kan qaban maaliifi? Akkas gochuu kan dandaʼan akkamitti?