Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Warri—Mucummaasaaniitii Jalqabaa Ijoollee Keessan Leenjisaa

Warri—Mucummaasaaniitii Jalqabaa Ijoollee Keessan Leenjisaa

MACAAFNI QULQULLUUN, “Ilaa ijoolleen kennaa Waaqayyoo ti, dhala godhachuunis bu’aa inni namaaf kennuu dha” jedha. (Far. 127:3) Kanaaf, warri Kiristiyaanota ta’an mucaa yommuu godhatan baay’ee gammaduunsaanii nama hin ajaa’ibsiisu.

Mucaa godhachuun baay’ee kan nama gammachiisu ta’us, itti gaafatamummaa gurguddaas qaba. Mucaan tokko fayya buleessa ta’ee akka guddatuuf, yeroo hunda nyaata madaalamaa argachuun isa barbaachisa. Waaqeffannaa dhugaatiif ejjennoo cimaa akka qabaatu gochuu yoo barbaadan, warrisaa karaa hafuuraa soorataafi qajeelfama isaaf kennuudhaan seerawwan bu’uuraa Waaqayyoo mucaasaanii barsiisuuf carraaqqii gochuu qabu. (Fak. 1:8) Maarree, leenjiin akkasii yoom jalqabuu qaba? Leenjiin kunoo maalfaa dabalata?

WARRAAF QAJEELFAMNI NI BARBAACHISA

Haala Maano’aa isa Israa’el duriitti magaalaa Zoraa keessa jiraachaa tureefi sanyii Daan ta’ee ilaalaa. Ergamaan Yihowaa haati manaa Maano’aa isheen dhabduu taate ilma akka deessu isatti hime. (Abo. 13: 2, 3) Maano’aafi haati manaasaa warri amanamoo ta’an kun, abdii kanatti baay’ee akka gammadan beekamaadha. Haata’u male, wanti baay’ee isaan yaaddesse tokko jira ture. Kanaaf Maano’aan, “Yaa goftaa, namni Waaqayyoo inni ati ergitee turte sun deebi’ee gara keenya dhufee, mucaa dhalatu sana attamitti akka guddifnu nutti haa himuuf sin kadhadha” jedhee gaafate. (Abo. 13:8) Maano’aafi haati manaasaa akkaataan mucaasaanii itti guddisan isaan yaaddessee ture. Ilmasaanii Siimsoniin Seera Waaqayyoo akka barsiisaniifi carraaqqiinsaaniis milkaa’ina akka argate haalasaarraa hubachuun ni danda’ama. Macaafni Qulqulluun, “Hafuurri Waaqayyoo [Siimsoniin] tuttuqee yaada isaa kaasuu in jalqabe” jedha. Kanaan kan ka’es Siimson akkuma abbootii firdii Israa’el kaanii, dinqii hedduu raawwachuu danda’eera.—Abo. 13:25; 14:5, 6; 15:14, 15.

Maano’aan mucaasaa isa dhalachuuf jedhu akkamitti guddisuu akka qabu qajeelfama argachuuf kadhateera

Mucaa leenjisuun yoom jalqabuu qaba? Haatisaa Ewuniiqeefi akkoonsaa Lo’is Ximotewosiin, ‘mucummaa isaatii jalqabanii’ ‘caaffata qulqullaa’ootti’ fayyadamuudhaan isa leenjisaniiru. (2 Xim. 1:5; 3:15) Eeyyee, Ximotewos mucummaasaatii jalqabee Caaffata Qulqullaa’oorraa leenjii argateera.

Warri Kiristiyaana ta’an, mucaasaanii ‘mucummaa isaatii jalqabanii’ leenjisuu akka danda’anitti qajeelfama argachuuf kadhachuufi dursanii karoora baafachuunsaanii gaariidha. Fakkeenyi 21:5 “Yaadni [“karoorri,” NW] warra dhimmee hojjetuu bu’aa qaba” jedha. Warri mucaa godhachuusaanii dura qophii gaarii akka godhan beekamaadha. Wantoota mucichaaf barbaachisan galmeessanii qabatu ta’a. Wantoota karaa hafuuraa isa barbaachisuufis karoora baasuu qabu. Mucummaa isaatii jalqabanii leenjii akkasii isaa kennuuf galma baafachuu qabu.

Kitaabni Erlii Chaayildihuud Kaawuntis—Ee Piroogiraamiingi Gaayid oon Erlii Keer foor Develooppimeenti jedhamu akkas jedheera: “Ji’oottan muraasni erga mucaan dhalatee booda jiran, sammuun mucichaa akka guddatu gochuuf yeroo murteessaa ta’anidha. Yeroo kanatti lakkoofsi siinaapsotaa, jechuunis ribuuwwan mucichi akka waa baratu isa gargaaran dachaa digdamaan dabalu” jedheera. Maarree, warri yeroo gabaabaa sammuun mucaasaanii itti guddatu kanatti, waa’ee wantoota hafuuraa isa barsiisuu jalqabuunsaanii baay’ee barbaachisaa mitii?

Haati qajeelchituu taate tokko intalashee ilaalchisee akkas jetteetti: “Yeroo intallikoo umriinshee ji’a tokko guutee kaaseen ishee fudhadhee tajaajila ba’uu jalqabe. Intallikoo wanta raawwatamaa jiru hubachuu baattus, wanti ijoollummaasheetii kaastee ilaalaa turte waan gaarii akka ishee barsiise nan amana. Yommuu umriinshee waggaa lama ta’ummoo, namoota tajaajilarratti argannuuf ija jabinaan tiraaktii kenniti turte.”

Xinnummaasaaniitii jalqabanii ijoollee leenjisuun bu’aa gaarii qaba. Haata’u malee, karaa hafuuraa qajeelfama barbaachisu ijoolleedhaaf kennuun warraaf rakkisaa ta’uu danda’a.

‘YEROO ISINIIF KENNAME UTUU HIN DABARSIN ITTI HOJJEDHAA’

Ijoolleen gabii kan hin qabneefi yeroo dheeraadhaaf wanta tokkorratti xiyyeeffachuu kan hin dandeenye ta’uunsaanii warraaf rakkina guddaa ta’uu danda’a. Ijoollee xixinnoon xiyyeeffannaansaanii wanta tokkorraa gara isa kaaniitti saffisaan jijijjiirama. Kana malees, wanta tokko beekuuf hawwii guddaa qabu; akkasumas wanta naannoosaanii jiru tuttuquuf yaalii godhu. Warri mucaansaanii wanta isaan isa barsiisaa jiranirratti akka xiyyeeffatu gargaaruuf maal gochuu danda’u?

Wanta Museen jedhe hubadhaa. Keessa Deebiin 6:6, 7 akkas jedha: “Dubbiin ani har’a si abboomu kunis garaa kee keessa haa taa’u! Isas keessa deddeebi’ii ijoollee kee barsiisi! Yeroo mana kee keessa teessu, karaa irra yeroo adeemtu, yeroo ciiftu, yeroo kaatus waa’ee isaa dubbadhu!” Mucaa xinnoon, biqiltuu yeroo yerootti bishaan argachuu qabuu wajjin wal fakkaata. Irra deddeebi’uun, namoonni gurguddaan wanta tokko yaadachuuf kan isaan gargaaru erga ta’ee, ijoollee xixinnoos akka gargaaru beekamaadha!

Warri, ijoolleesaanii dhugaa waa’ee Waaqayyoo ibsu barsiisuuf isaanii wajjin yeroo dabarsuu qabu. Biyya lafaa fiigichi itti baay’ate kanatti dhimma akkasiitiif yeroo ramaduun rakkisaa ta’uu akka danda’u beekamaadha. Haata’u malee Phaawulos ergamaan sochiiwwan Kiristiyaanaa barbaachisaa ta’aniif, ‘yeroo nuuf kenname utuu hin dabarsin itti hojjechuu’ akka qabnu nu gorseera. (Efe. 5:15, 16) Kana gochuun kan danda’amu akkamitti? Jaarsi gumii haati manaasaa qajeelchituu taate tokko, intalasaa leenjisuuf, itti gaafatamummaa gumii keessatti qabu raawwachuufi hojii qacaramee hojjetu wal qixa deemsisuuf rakkatee ture. Maarree inniifi haati manaasaa yeroo intalasaanii leenjisuuf isaan gargaaru akkamitti argachuu danda’an? Abbaan manaa akkas jedheera: “Yeroo hunda ganama ganama hojii deemuukoo dura, aniifi haati manaakoo Kitaaba koo Isan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu ykn buukleetii Caaffata Qulqullaa’oo Guyyaa Guyyaan Qoruu jedhamurraa isheedhaaf dubbisna. Galgala galgalammoo rafuushee dura isheedhaaf dubbisna; akkasumas yeroo hunda ishee fudhannee tajaajila baana. Yeroo mucummaashee kanatti carraa ishee gargaaruuf qabnu hundatti fayyadamuu barbaanna turre.”

‘ILMAAN OFII AKKA XIYYAATI’

Ijoollee keenya ga’eessota itti gaafatamummaan itti dhaga’amu akka ta’an goonee guddisuu akka barbaannu beekamaadha. Sababii guddaan isaan itti leenjisnu garuu, jaalala Waaqayyoof qaban akka guddifatan gargaaruufidha.—Mar. 12:28-30.

Faarfannaan 127:4, “Ilmaan dargaggummaadhaan godhatan, akka xiyya harka jagnaa keessa jiruu ti” jedha. Kanaaf, ijoolleen xiyya of eeggannoodhaan gara akeekasaatti darbatamuu qabuu wajjin wal fakkaatu. Namni xiyya darbatu, xiyya takkaa hiddaasaa keessaa ba’e deebisuu hin danda’u. ‘Xiyyawwan,’ jechuunis ijoolleen warrasaanii bira kan turan yeroo muraasaaf qofadha. Kanaaf, warri yeroo kanatti fayyadamanii seerawwan bu’uuraa Waaqayyo kenne sammuufi garaa ijoolleesaanii keessa kaa’uu qabu.

Yohannis ergamaan, namoota karaa hafuuraa ijoolleesaa ta’an ilaalchisee, “Ijoolleen koo dhugaatti qabamanii jiraachuu isaanii dhaga’uun gammachuu koo ti; gammachuu kana irra caalus hin qabu” jechuudhaan barreesseera. (3 Yoh. 4) Warri Kiristiyaanota ta’anis, ijoolleensaanii ‘dhugaatti qabamanii jiraachuusaanii’ yommuu argan akkasuma itti dhaga’ama.