Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Elsaa’i Konkolaataa Ibiddaa Argeera—Atoo?

Elsaa’i Konkolaataa Ibiddaa Argeera—Atoo?

Mootiin Sooriyaa, raajii Waaqayyoo kan ta’e Elsaa’iin adamsaa kan jiru si’a ta’u, magaalaa Dootaan ishee tulluurra jirtuufi dallaadhaan marfamte keessa jiraachuusaa hubate. Kanaaf mootichi halkaniin fardeen, konkolaattota waraanaafi loltoota gara magaalaa Dootaanitti erge. Achiis ganama obboroo loltoonnisaa magaalattiitti marsan.—2 Mot. 6:13, 14.

Hojjetaan Elsaa’i yommuu gad ba’u, namoota raajicha qabuuf dhufan arge. Achiis “Wayyoo kaa yaa gooftaa ko! Maal goonu?” jedhee gaafate. Elsaa’i, “Warri nuu wajjin jiran, warra isaanii wajjin jiran irra in caaluutii hin sodaatin!” jedheen. Raajichi, “Yaa Waaqayyo, akka inni argutti hadaraa ija isaa baniif!” jedhee kadhate. Seenaansaa itti fufuudhaan, “Waaqayyo yommus ija naa’ichaa in baneef; naa’ichis gaaronni naannoo Elsaa’i jiran guutummaatti fardeenii fi konkolaattota ibiddaatiin guutamanii in arge” jedha. (2 Mot. 6:15-17) Seenaa kanaafi wanta jireenya Elsaa’i keessatti raawwatame kaanirraa maal barachuu dandeenya?

Elsaa’i Yihowaatti waan amanameefi humni Waaqayyoo akka isa eegu waan hubateef yommuu warri Sooriyaa isa marsanitti hin naane. Yeroo har’aa dinqii argina jennee kan hin eegne ta’us, Yihowaan gareedhaan sabasaa akka eegu hubachuu dandeenya. Nuyis fardeeniifi konkolaataa ibiddaatiin marfamneerra jechuun ni danda’ama. Wantoota kana ija amantii keenyaatiin kan ‘arginuufi’ yeroo hunda Waaqayyotti kan amanamnu yoo ta’e, ‘sodaa malee jiraanna’; eebba Yihowaas ni arganna. (Far. 4:8) Mee wantoota jireenya Elsaa’i keessatti raawwataman gara biraarraa faayidaa maalii akka argannu haa ilaallu.

ELSAA’I ELIYAASIIN TAJAAJILUU JALQABE

Yeroo tokko utuu Elsaa’i maasiisaa qotaa jiruu, Eliyaas raajichi wayyaasaa isa raajii ta’uusaa beeksisu ofirra fuudhee darbatee isarra buuse. Elsaa’i, kun maal jechuu akka ta’e hubateera. Kanaaf, cidha qopheessee abbaafi haadhasaatti nagaa dhaamuudhaan, Eliyaasiin tajaajiluu dhaqe. (1 Mot. 19:16, 19-21) Elsaa’i hamma isaa danda’ame guutummaatti Waaqayyoon tajaajilluuf waan of dhiheesseef, Yihowaan isatti fayyadameera; yeroo boodas bakka Eliyaas raajii ta’ee tajaajileera.

Elsaa’i tarii gara waggaa ja’aatiif Eliyaasiin tajaajileera. Yeroo kanatti hojiin Elsaa’i ‘harka Eliyaasirratti bishaan naquu ture.’ (2 Mot. 3:11, hiika bara 1899) Bara sanatti namoonni nyaata nyaachuuf fal’aana, haaduu ykn waan gara biraatti utuu hin ta’in harkasaaniitti fayyadamu turan. Nyaata booda, hojjetaan tokko harka gooftaasaa dhiqachiisa ture. Kanaaf hojiiwwan Elsaa’i hojjetu tokko tokko iddoo guddaa kan hin qabne turan. Ta’us Elsaa’i, Eliyaasiin tajaajiluu akka mirga guddaatti ilaala ture.

Yeroo har’aas, Kiristiyaanonni hedduun bifa tajaajila yeroo guutuu adda addaarratti hirmaatu. Kana kan godhan, amantii Yihowaarratti qabaniifi humnasaanii guutuu isa tajaajiluuf fedhii qabaniin kaka’aniiti. Tajaajila kana keessaa tokko tokko manaafi hojiisaanii dhiisanii, Bet’elitti, hojii ijaarsaafi bakka gara biraatti hojjechuu kan gaafatan si’a ta’u, kunimmoo wanta namoonni hedduun iddoo guddaa kennaniif miti. Yihowaan hojiiwwan kanaaf bakka guddaa waan kennuuf, Kiristiyaanni kamiyyuu hojiiwwan kun iddoo guddaa akka hin qabne ykn kan nama salphisan akka ta’an godhee yaaduu hin qabu.—Ibr. 6:10.

ELSAA’I HOJIISAATTI CICHEERA

Waaqayyo, ‘qilleensa jabaa keessaan Eliyaasiin gara waaqaatti ol fudhachuusaa dura’ Giilgalii gara Bet’elitti isa erge. Eliyaas michuunsaa kun akka isaa wajjin hin adeemne kan itti hime ta’us, Elsaa’i, “Ani si biraa hin hafu!” jedhee deebiseef. Utuu deemaa jiranii Eliyaas si’a lama Elsaa’i akka isa biraa deebi’u kan isa kadhate ta’us, inni garuu tole hin jenne. (2 Mot. 2:1-6) Akkuma Ruut Naa’omiitti maxxante, Elsaa’is Eliyaasitti maxxaneera. (Rut. 1:8, 16, 17) Maaliifi? Elsaa’i mirga Waaqayyo Eliyaasiin akka tajaajilu isaaf kenne waan dinqisiifatuuf akka ta’e haalasaarraa hubachuun ni danda’ama.

Elsaa’i gama kanaan fakkeenya gaarii nuuf ta’a. Jaarmiyaa Waaqayyoo keessatti mirga tajaajilaa tokko yoo arganneefi Waaqayyoon tajaajilaa akka jirru yoo hubanne, hojii sanaaf iddoo guddaa kennina. Maarree mirgi kana caalu jiraa?—Far. 65:4; 84:10.

“WANTA ANI SIIF GOCHUU DANDA’U ANATTI HIMADHU!”

Namoonni lamaan kun utuu deemaa jiranii, Eliyaas, Elsaa’iin “Utuun si duraa hin fudhatamin, wanta ani siif gochuu danda’u anatti himadhu!” jedhe. Akkuma Solomoon waggoota hedduu dura wantoonni dhimma hafuuraa wajjin wal qabatan akka isaa kennaman gaafate, Elsaa’is ‘hafuurri Eliyaas harki lama akka isaa kennamu’ gaafateera. (1 Mot. 3:5, 9; 2 Mot. 2:9) Israa’el keessatti ilmi angafaa tokko dhaala harka lama fudhachu qaba ture. (Kes. 21:15-17) Kanaaf, Elsaa’i yommuu akkas jedhu, Eliyaasiin karaa hafuuraa dhaaluuf mirgi akka isaa kennamu gaafachuusaa ture. Kana malees, Elsaa’i akkuma Eliyaas isa ‘Waaqayyoof baay’ee hinaafuu’ ija jabina qabaachuu barbaadee ta’uu hin oolu.—1 Mot. 19:13, 14.

Eliyaas gaaffii hojjetaansaa kun isa gaafateef deebii akkamii kenne? Raajichi, “Gaaffii cimaa gaafatte” isaan jedhe. Achiis, “Haa ta’u iyyuu malee, yommuun si duraa fudhatamu yoo na argite, siif in ta’a; yoo kanaa achii garuu siif hin ta’u” jedheen. (2 Mot. 2:10) Deebiin Eliyaas kenne hiika lama akka qabu haalasaarraa hubachuun ni danda’ama. Tokkoffaa, Elsaa’i wanta gaafate sana fudhachuufi dhiisuusaa murteessuu kan danda’u Waaqayyo qofadha. Lammaffaa, Elsaa’i wanta kana fudhachuu yoo barbaade, haala akkamii keessattiyyuu murtoo Eliyaasii wajjin ta’uuf godhe eegee itti fufuu qaba.

WANTA ELSAA’I ARGE

Waaqayyo, gaaffii Elsaa’i hafuura Eliyaas harka lama argachuuf gaafate akkamitti ilaale? Seenaansaa akkas jedha: “Utuu isaan walii wajjin haasa’aa adeemuutti jiranii, konkolaataan ibiddaa fardeen ibiddaa wajjin dhufanii, isaan lamaan gargar in baasan; yommus Eliyaas qilleensa jabaadhaan gara waaqaatti ol in sokke. Elsaa’in isa arge.” a Kun deebii Yihowaan gaaffii Elsaa’iif kenne ture. Elsaa’i yommuu Eliyaas ol fudhatamu waan argeef, hafuura Eliyaas harka lama fudhateera; kanaan kan ka’es, karaa hafuuraa raajicha dhaaluu danda’eera.—2 Mot. 2:11-14.

Elsaa’i uffata Eliyaas isa raajii ta’uusaa beeksisuufi Eliyaasirraa bu’e fuudhee uffate. Uffanni kun Elsaa’i amma raajii Waaqayyoo ta’uusaa kan beeksisu ture. Booda yommuu inni Laga Yordaanos gargar kutuudhaan dinqii raawwatu, raajii ta’ee muudamuunsaa caalaatti mirkanaa’eera.

Elsaa’i wanti inni yommuu Eliyaas qilleensa jabaadhaan samiitti ol ba’u arge, dhiibbaa guddaa isarraan geessisee ta’uu qaba. Kana malees, namni tokko yeroo hunda konkolaataafi fardeen ibiddaa akka hin argine beekamaadha. Wantoonni kun Yihowaan wanta Elsaa’i gaafate akka isaa kennu kan mirkaneessan turan. Waaqayyo kadhannaa keenyaaf yommuu deebii nuu kennu, konkolaataafi fardeen ibiddaa mul’ataan nutti hin argisiisu. Haata’u malee, Waaqayyo fedhasaa raawwachuuf humna guddaatti akka fayyadamu hubachuu dandeenya. Kana malees, Yihowaan kutaa jaarmiyaasaa isa lafarraa eebbisaa akka jiru yommuu hubannu, konkolaataansaa inni samii sochii gochaa akka jiru ‘argaa’ jirra jechuun ni danda’ama.—His. 10:9-13.

Elsaa’i muuxannoowwan Yihowaan humna guddaa akka qabu argisiisan hedduun isa mudatanii turan. Hafuurri qulqulluun raajiin kun Eliyaas caalaa dinqii harka lama, jechuunis dinqii 16 akka raawwatu isa gargaareera. b Akkuma jalqabarratti ibsame Elsaa’i yeroo lammataatiif fardeeniifi konkolaataa ibiddaa kan arge yeroo haalli rakkisaan Dootaanitti isa mudatetti ture.

ELSAA’I YIHOWAATTI AMANAMEERA

Dootaanitti diinonni kan isa marsan ta’us, Elsaa’i hin naane. Maaliifi? Amantii Yihowaarratti qabu cimsatee waan tureefidha. Nutis amantii akkasii qabaachuun nu barbaachisa. Kanaaf, amantiifi ija hojii hafuuraa kaan argisiisuu akka dandeenyuuf hafuura qulqulluu argachuuf haa kadhannu.—Luq. 11:13; Gal. 5:22, 23.

Haalli Dootaanitti isa mudate, Elsaa’i Yihowaafi ergamootasaa ijaan hin mul’annetti amanamuu akka danda’us ragaa isaaf ta’eera. Raajiin kun Waaqayyo magaalattiifi diinota ishee qabatan akka marsaniif ergamoota baay’ee akka erge hubatee ture. Waaqayyo diinota sana jaamsuudhaan, Elsaa’iifi hojjetaasaa karaa dinqii ta’een oolcheera. (2 Mot. 6:17-23) Elsaa’i akkuma yeroo kaanii haala rakkisaa kana keessattis guutummaatti Yihowaatti amanameera.

Nutis akkuma Elsaa’i Yihowaatti haa amanamnu. (Fak. 3:5, 6) Yoo akkas goone, ‘Waaqayyo araara nutti argisiisa, nu eebbisas!’ (Far. 67:1) Yeroo har’aa konkolaataa ibiddaafi fardeeniin marfamnee akka hin jirre beekamaadha. Haata’u malee, Yihowaan yeroo ‘rakkina isa guddaatti’ obbolummaa addunyaa maraa keessatti eegumsa nuu godha. (Mat. 24:21; Mul. 7:9, 14) Hammasitti garuu, ‘Waaqayyo bakka itti kooluu gallu’ ta’uusaa yeroo hunda haa yaadannu.—Far. 62:8.

a Eliyaas samii iddoo Yihowaafi ergamoonni jiraatanitti ol hin baane. Masaraa Eegumsaa Fulbaana 15, 1997, fuula 15 ilaali. (Amaariffa)

b Masaraa Eegumsaa Hagayya 1, 2005, fuula 10 ilaali. (Amaariffa)