Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Ergaa Kanaan Dura Dhagaʼame Hunda Kan Caaludha’

‘Ergaa Kanaan Dura Dhagaʼame Hunda Kan Caaludha’

Kuusaa Keenya Keessaa

‘Ergaa Kanaan Dura Dhagaʼame Hunda Kan Caaludha’

JOORJI NAASH tuullaa mukaa meetira 18 ol fagaatuufi Kaanaadaa, Saaskaachiwaan, Saaskaatuunitti argamutti quba qabee, “Kana hunda maal itti godhu?” jedhee gaafate. Mukkeen kun yeroo Waraana Addunyaa Tokkoffaatti riqaa ykn qooxii irra taʼanii eegan ijaaruuf gargaaree ture. Obboleessi keenya Naash akkas jedheera: “Yeroo kanatti mukkeen kun utubaa raadiyoo ittiin hojjechuuf akka nu gargaru natti dhagaʼame.” Yeroo boodas, “buufanni raadiyoo tiʼookraasii haala kanaan jalqabe” jedheera. Waggaa tokko booda jechuunis bara 1924⁠tti tajaajilli tamsaasa raadiyoo ‘CHUC’ jedhamu ni jalqabame. Kun Kaanaadaa keessatti buufata raadiyoo sagantaa barumsa amantii dabarsu isa jalqabaati.

Tilmaamaan, Kaanaadaan hanga ardii Awurooppaa kan balʼattu yommuu taʼu, raadiyoodhaan dhugaa baʼuuf mijooftuudha. Filooreensi Joonsan inni buufata raadiyoo Saaskaatuun keessatti hojjechaa ture, “Tamsaasa raadiyoo keenyaaf galanni haa gaʼuutii, namoota qaamaan argachuu hin dandeenye hedduutti waaʼee dhugaa lallabuun dandaʼameera” jechuudhaan dubbateera. “Yeroo sanatti raadiyoon waan haaraa waan taʼeef, namoonni sagantaa darbu hunda xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffatu” jedheera. Bara 1926⁠tti, Barattoonni Macaafa Qulqulluu (yeroo booda Dhugaa Baatota Yihowaa jedhaman) magaalaawwan Kaanaadaa afur keessatti buufata raadiyoo dhuunfaasaanii dhaabbatanii turan. *

Yeroo sanatti utuu jiraatteefi tamsaasawwan kana keessaa tokko utuu bantee maal dhaggeeffachuu dandeessa? Gumiiwwan naannoo sana jiran yeroo baayʼee meeshaadhaan faarfatu; akkasumas sagalee garee orkeestiraatiin qindeeffame dhageessisu. Kana malees, obboloonni haasaa kan dhiheessan siʼa taʼu, maree Macaafa Qulqulluus ni godhu. Eemii Joonsi mareewwan godhaman kanarratti hirmaattee kan turte yommuu taʼu wanta yaadattu akkas jechuudhaan dubbatteetti, “Yeroo tokko tokko namoonni tajaajilarratti maqaakoo ergan itti himee booda, ‘Ahaa, raadiyoodhaan si dhagaʼeera’ naan jedhu.”

Barattoonni Macaafa Qulqulluu, Noovaa Iskooshiyaa, Haliifaaksi keessa jiraatan mala haaraa namoonni buufata raadiyootiif bilbiluudhaan gaaffii Macaafa Qulqulluu gaafachuu itti dandaʼan jalqaban. Obboleessi tokko, “Hirmaannaan namoonni sagantaa kanarratti godhan kan nama ajaaʼibsiisu ture. Bilbilli bilbilamu hedduu waan taʼeef hundasaanii haasofsiisuu hin dandeenye” jechuudhaan barreesseera.

Akkuma namoota bara Phaawulos ergamaa turanii, namoonni tokko tokko ergaa Barattoota Macaafa Qulqulluu kan fudhatan yommuu taʼu, kaanimmoo didaniiru. (HoE. 17:1-5) Namoonni dhaggeeffatan tokko tokko saganticha jaallataniiru. Fakkeenyaaf, Heektar Maarshaal Barattoonni Macaafa Qulqulluu barreeffama Istadiis iin za Iskiriipcharsi jedhamu akka qaban raadiyoodhaan yommuu dhagaʼetti jildii jaʼa fudhachuuf ajaje. Yeroo boodas, “Kitaabichi barumsan Dilbata mana sagadaatti barsiisuuf na gargaara jedhee yaadeen ture” jechuudhaan barreesseera. Haataʼu malee, Heektar Jildii 1⁠ffaa kitaaba kanaa dubbisee erga fixee booda waldaa amantiisaa dhiisuuf murteesse. Bara 1998, jechuunis hanga gaafa duʼetti hinaaffaadhaan wangeela lallabuudhaan amanamaa taʼee Yihowaa tajaajileera. Dhiha Noovaa Iskooshiyaatti haasaan “Mootummicha Isa Abdii Addunyaa Taʼe” jedhu raadiyoodhaan erga darbee booda, Koloneel Maakdonaaldi obboleessa naannicha jiraatu tokkoon, “Jiraattonni Odoola Keepp Bireetan kaleessa ergaa hanga harʼaatti dhagaʼan hunda caalu dhagaʼaniiru” jedheera.

Karaa garabiraammoo qeesonni baayʼee aaranii turan. Kaatolikonni Haliifaaksi keessa jiraatan tokko tokko, buufata raadiyoo sagantaa Barattoota Macaafa Qulqulluu dabarsu akka guban sossodaachisan. Dhiibbaa geggeessitoota amantiitiin kan kaʼe, bara 1928⁠tti akka tasaa mootummaan heyyama buufata raadiyoo Barattoota Macaafa Qulqulluu akka isaanii hin haaressine beeksise. Obboloonni murtoo haqarratti hin hundoofne kana balaaleffachuuf, barreeffama mataduree Qilleensi Kan Eenyuuti? jedhu qabate raabsaniiru. Haataʼu malee abbootiin taayitaa, heyyama tamsaasa raadiyoo Barattoota Macaafa Qulqulluu haaressuu ni didan.

Haalli kun tajaajiltoota Yihowaa muraasa taʼaniifi Kaanaadaa keessa jiraatan abdii kutachiiseeraa? Iizaabel Waanraayit akkas jechuudhaan dubbatteetti; ‘Jalqabarratti diinonni injifannoo guddaa kan argatan fakkaata ture. Haataʼu malee Yihowaan raadiyoodhaan dhugaa baʼuu akka itti fufnu barbaadeera utuu taʼee, abbootiin taayitaa hojii kana akka dhorkan hin heyyamu ture. Kanaaf haalli kun akkaataa lallabaa caalaatti buʼa qabeessa taʼeefi misiraachoo Mootummichaa itti babalʼisuu dandeenyutti jijjiiruuf nu kakaaseera.’ Barattoonni Macaafa Qulqulluu Kaanaadaa, raadiyoodhaan lallabuurratti xiyyeeffachuu mannaa, namoota dhuunfaadhaan manasaaniitti argachuuf manaa gara manaatti tajaajiluu jalqaban. Haataʼu malee yeroosaatti, raadiyoon ‘ergaa hanga yeroo sanaatti dhagaʼame hunda caalu’ dabarsuuf gaʼee olaanaa taphateera.​—Kuusaa keenya Kaanaadaatti argamu keessaa kan fudhatame.

[Miiljalee]

^ key. 4 Obboloonni Kaanaadaa karaa raadiyoo dhugaa baʼuuf, buufata raadiyoo daldalaarraas saʼaatii sagantaa itti dabarsan bitataniiru.

[Fakkii fuula 31⁠rra jiru]

[Fakkii fuula 32⁠rra jiru]

(1) Buufata Albartaa, Edmantan jiru (2) Obboleessa, Ontaariyoo, Toorontootti meeshaa tamsaasa dabarsurratti hojjetu

[Fakkii fuula 32⁠rra jiru]

(3) Buufata ‘CHUC’ Saaskaachiwaan, Saaskaatuunitti argamu

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 32⁠rra jiru]

“Bilbilli bilbilamu hedduu waan taʼeef hundasaanii haasofsiisuu hin dandeenye”