Dhukkubni Gammachuu Akka Isin Dhabsiisu Hin Heyyaminaa
Dhukkubni Gammachuu Akka Isin Dhabsiisu Hin Heyyaminaa
GANAMA yeroo hirribaa kaatan guyyaan sun utuma hin jalqabin akka dhihu akka hawwitanitti yaadaa. Guyyaan itti dhukkuba qaamaafi miiraa dandaʼuuf qabsoo dabalataa gochuun isin barbaachisu isin eeggachaa jira. Akkuma Iyoob, “Rakkina kana hundumaarra duʼuu naa wayya” jedhee isinitti dhagaʼama taʼa. (Iyo. 7:15, Za Niiwu Ingilish Baayibil) Haalli kun waggoota hedduudhaaf kan itti fufu yoo taʼehoo?
Mefii-Bosheet, inni ilma Yonaataan michuu Daawit Mootichaa taʼe haala akkasii keessatti argama ture. Mefii-Bosheet yeroo umriinsaa waggaa shan turetti, “kufee in naafate.” (2 Sam. 4:4) Dhiphinni hirʼina qaamaa qabuun isatti dhagaʼamu, yeroo mooticha ganeera jedhamee sobaan himatamettiifi qabeenyasaa dhabetti itti caalee taʼuu qaba. Haataʼu malee, hirʼinni qaamaa inni qabu, maqaansaa balleeffamuufi rakkinni isarra gaʼe gammachuu akka isa dhabsiisu heyyamuu dhiisuudhaan fakkeenya gaarii taʼa.—2 Sam. 9:6-10; 16:1-4; 19:24-30.
Namni fakkeenya taʼu kan biraanimmoo Phaawulos ergamaadha. Yeroo tokko ‘wanta dhagnasaa keessa taaʼee isa waraanuu’ wajjin qabsoo akka godhu barreessee ture. (2 Qor. 12:7) Wanti isa waraanu kun dhibee yeroo dheeraadhaaf isarra ture ykn namoota inni ergamaa Yesus taʼuusaa morman taʼuu dandaʼa. Dhibeensaa sanas taʼe kana, rakkinnisaa isumaa wajjin kan ture waan taʼeef, wanta dhiphina qaamaa ykn miiraa isarraan geessisee wajjin jiraachuu qaba ture.—2 Qor. 12:9, 10.
Yeroo harʼas tajaajiltoonni Waaqayyoo tokko tokko dhukkuba hin fayyineen qabamu ykn dhiphinni isaanirra gaʼa. Maagdaaleenaan yeroo umriinshee waggaa 18 guutu, dhukkuba Siistamiik luupas eraayitimaatoosas, jechuunis dhibee dandeettii qaamni uumamaan dhukkuba ittisuuf qabu deebisee kutaa qaamaa hubuun qabamte. Akkas jetti: “Baayʼee sodaadheen ture. Yeroon darbaa ennaa deemu, haallikoos ittuma caalaa kan deeme siʼa taʼu, sooranni naa daakamuu dide; afaankoos na madaaʼe; akkasumas dhibee taayiroyidiitiinan qabame.” Haala kanarraa faallaa taʼeenimmoo Izaabeelaan, dhibee hin mulʼannee wajjin qabsoo gooti turte. Akkas jetti: “Ijoollummaa kootii kaasee dhukkuba dhiphina sammuutiinan rakkadha. Kunimmoo sodaan akka natti dhagaʼamu, dhibee hafuura baafachuufi garaa ciniinnaa natti fideera. Dhugaa dubbachuuf wanti hundumtuu humna kootii ol akka taʼe natti dhagaʼama.”
Dhugaa Jiru Amananii Fudhachuu
Dhukkubniifi hirʼinni qaamaa jireenya namaa jeequu dandaʼa. Kun yeroo taʼutti, yeroo fudhattanii haala keessan amanamummaadhaan qoruun gaariidha. Humni keessan kan daangeffame taʼuusaa amanuun salphaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Maagdaaleenaan akkas jetti: “Yeroon dabalaa siʼa deemu dhukkubnikoos ittuma caalaa deema. Yeroo baayʼee siree koorraa kaʼuunillee garmalee na dadhabsiisa. Dhukkubnikoo yoom akka natti kaʼu waanan hin beekneef, dursee karoora baafachuun baayʼee natti ulfaata. Wanti caalaatti abdii na kutachiisummoo, tajaajila Yihowaa keessatti hangan kanaan duraa gochaa ture raawwachuu dadhabuu kooti.”
Zibginiyev akkas jedha: “Waggoonni darbaa ennaa deeman, dhukkubni rumaatoyid artiraayitas
jedhamu kun humnakoo hundumaa na jalaa fixaa kan deemu siʼa taʼu, irraa jalaan buusaa dhagnakoo hubaa jira. Al tokko tokko dhukkubichi garmalee yeroo natti cimu, hojiiwwan salphaa taʼanillee hojjechuun natti ulfaata. Kunis gaddi guddaan akka natti dhagaʼamu godha.”Waggoota muraasa dura, Baarbaaraan xannachi guddachaa deemu sammuushee keessatti biqiluusaa beekte. Akkas jetti: “Jijjiirama tokko tokko qaama koorratti arguun jalqabe. Fajajuu, yeroo hunda mataan na bowwaafachuufi yaadakoo sassaabbachuu dadhabuun na rakkisa. Rakkoo haaraa na mudate kanaan kan kaʼe haalakoo irra deebiʼee gamaaggamuun qaban ture.”
Namoonni olitti caqasaman hundi tajaajiltoota Yihowaadhaaf of murteessanidha. Hundisaanii fedha Yihowaa raawwachuun wanta dursi kennamuufii qabu akka taʼe hubataniiru. Guutummaatti Yihowaatti kan amanaman taʼuusaaniirrayyuu, deggersa inni isaaniif godhurraa fayyadamaa jiru.—Fak. 3:5, 6.
Yihowaan Kan Nu Gargaaru Akkamitti?
Rakkinni kan nurra gaʼu Waaqayyoon waan gaddisiisneef akka taʼe goonee yaaduurraa of qusachuu qabna. (Faru. 3:33) Iyoob isa ‘hirʼina kan hin qabneefi nama qajeelaa’ taʼee utuu jiruuyyuu rakkinni isarra gaʼe yaadadhaa. (Iyo. 1:8) Waaqayyo nama tokkollee wanta hamaadhaan hin qoru. (Yaq. 1:13) Dhiphina sammuufi dhukkuba hin fayyine dabalatee, dhibeen hundi kan nutti dhufe sanyii Addaamiifi Hewwaan waan taaneefidha.—Rom. 5:12.
Haataʼu malee Yihowaafi Yesus, namoota qajeeloo taʼan gargaarsa malee hin dhiisne. (Far. 34:15) Keessumaa jireenya keenya keessatti yeroo haalli rakkisaa taʼe nu mudatutti, Waaqayyo bakka ‘kooluu itti galluufi masaraa keenya’ taʼuusaa hubachuu qabna. (Far. 91:2) Maarree haalawwan salphaatti furmaata hin arganne yeroo isin mudatan, gammachuu keessan eeguuf maaltu isin gargaaruu dandaʼa?
Kadhannaa: Fakkeenya tajaajiltoota Waaqayyoo bara durii hordofuudhaan, wanta yaada isinitti taʼu kadhannaadhaan Abbaa keenya isa samiitti gattanii dhiisuu dandeessu. (Far. 55:22) Akkas kan gootan taanaan, ‘nagaa Waaqayyoo isa hubannaa namaa hundumaarra caalu’ argattu. Nagaan keessa keessanitti argattan kunimmoo “garaa keessanii fi yaada keessan in eega.” (Filp. 4:6, 7) Magdeleenaan kadhannaadhaan Waaqayyootti waan amanamteef dhukkuba isheetti caalaa deemu dandeessee jiraachaa jirti. Akkas jetti: “Wanta garaakoo keessa jiru Yihowaatti dhangalaasuunkoo boqonnaafi gammachuu naaf argamsiisa. Amma guyyaa guyyaadhaan Yihowaatti amanamuu jechuun maal jechuu akka taʼe sirriitti hubadheera.”—2 Qor. 1:3, 4.
Yihowaan kadhannaakee dhagaʼuudhaan hafuura qulqulluu, Macaafa Qulqulluufi obbolootatti fayyadamee humna sii kennuu dandaʼa. Waaqayyo dhibee qaamaa qabdan dinqiidhaan akka isin fayyisu eeguu hin qabdan. Haataʼu malee, ogummaafi humna rakkina isinirra gaʼu hunda moʼuuf isin gargaaru akka isinii kennu eeguu dandeessu. (Fak. 2:7) Yihowaan ‘humna humna gararraa’ isinii kennuudhaan isin jabeessuu dandaʼa.—2 Qor. 4:7.
Maatii: Namoonni mana keessa jiran jaalalaafi gara laafina kan argisiisan taʼuunsaanii dhukkuba keessan dandaʼuuf isin gargaara. Haataʼu malee namoota isin jaallattanirras dhiphinni akka gaʼu yaadadhaa. Akkuma keessan namni isaan gargaaru akka hin jirre itti dhagaʼama taʼa. Taʼus, yeroo rakkisaa taʼuttillee namoonni kun isin cinaa jiru. Isaanii wajjin kadhannaa dhiheessuun yaada nagaa qabaachuuf isin gargaara.—Fak. 14:30.
Baarbaaraan ijoolleeshee durbaafi obboleettota dargaggoo taʼan gumicha keessa jiran ilaalchisee akkas jetteetti: “Tajaajilarratti na gargaaru. Hinaaffaa isaan qaban kan na jajjabeessu taʼuusaarrayyuu baayʼee na gammachiisa.” Zibginiyevis haati manaasaa gargaarsa guddaa akka isaaf gootu hubateera. “Hojii mana keessaa gara caalaasaa kan hojjetu isheedha. Kana malees, uffata kan natti uffisu, yeroo baayʼee boorsaa walgaʼiifi tajaajilaakoo kan naa baatu isheedha.”
Namoota hidhata amantii keenya taʼan: Yeroo namoota hidhata amantii keenya taʼanii wajjin taanu jajjabina arganna. Haataʼu malee sababii dhukkubaatiin walgaʼiirratti argamuun yoo isinitti ulfaate maal gochuu dandeessu? Maagdaaleenaan akkas jetti: “Gumiin sagantaa walgaʼii waraabuudhaan akkan dhaggeeffadhu na gargaara. Namoonni hidhata amantiikoo taʼanis yeroo baayʼee gargaarsa barbaachisu naa gochuuf bilbilanii na gaafatu. Xalayaawwan nama jajjabeessanis naaf ergu. Akka isaan naa yaadaniifi nageenyi koo akka isaan yaaddessu beekuunkoo rakkina ani qabu dandaʼee jiraachuuf na gargaareera.”
Izaabeelaan isheen dhibee dhiphina sammuu qabdu akkas jetteetti: “Gumii keessatti ‘haadhaa’ fi ‘abbaa’ na dhaggeeffatan, akkasumas yaadakoo hubachuuf carraaqan hedduun qaba. Gumiin, maatiikoo bakkan nagaafi gammachuu itti argadhudha.”
Namoonni qorumsa addaddaatiin dhiphachaa Fak. 18:1, hiika bara 1899) Akkas kan godhan taanaan namoota kaaniif jajjabina guddaa taʼu. Jalqabarratti wanta isin barbaachisu obbolootatti himachuu ni seestu taʼa. Haataʼu malee namoonni hidhata amantii keessan taʼan wanta isin barbaachisu fuulleetti dubbachuu keessan ni dinqisiifatu. Kunis “jaalala hoʼaa isa garaa keessaa dhufu” isinitti argisiisuuf carraa isaaniif kenna. (1 Phe. 1:22) Nama gara gumii isin geessu akka barbaaddan, isaanii wajjin tajaajiluu akka barbaaddan ykn waan garaa keessanii isaanii wajjin haasaʼuu akka barbaaddan isaanitti himuu dandeessu. Dirqamni akka isaanirra jiru goonee yaaduu akka hin qabne beekamaadha; taʼus yeroo gargaarsa nuuf godhan isaan dinqisiifanna.
jiran warra kaanirraa ‘gargar baʼuu’ hin qaban. Kanaa mannaa, walitti dhufeenya warra gumii keessa jiranii wajjin qaban akka wanta gati jabeessaatti ilaaluu qabu. (Ilaalcha sirrii qabaadhaa: Dhukkuba fayyuu hin dandeenye utuma qabanii gammachuu qabaachuuf yeroo baayʼee furmaannisaa isinuma harka jira. Abdii kan kutattaniifi kan gadditan taanaan, ilaalcha dogoggoraa akka qabaattan isin gochuu dandaʼa. Macaafni Qulqulluun, “Yaadni namaa yeroo dhukkubaatti nama in hirkisa, yaadni yoo cabe garuu, eenyutu isa fayyisuu dandaʼa ree?” jedha.—Fak. 18:14.
Maagdaaleenaan akkas jetteetti: “Rakkina koorratti akkan hin xiyyeeffanneef carraaqqii guddaan godha. Guyyaa fooyyee akkan qabu natti dhagaʼamu hunda itti fayyadamuufan yaala. Muuxannoo namoota dhukkuba fayyuu hin dandeenye utuma qabanii gammadoo taʼanii dubbisuun kan nama jajjabeessu taʼuusaa hubadheera.” Izaabeelaanis Yihowaan akka ishee jaallatuufii bakka guddaa akka isheedhaaf kennu beekuunshee ishee jajjabeesseera. Akkas jetteetti: “Akkan barbaadamu natti dhagaʼama, naman jiraadhuufan qaba. Abdii gara fuulduraatti jiraachuus qaba.”
Zibginiyev akkas jedheera: “Dhukkubnikoo gad of deebisuufi abboomamuu na barsiiseera. Hubannaafi ilaalcha sirrii akkan qabaadhu, akkasumas garaadhaa dhiifama gochuu akkan qabu na barsiiseera. Rakkinakoo akka sababiitti utuu hin dhiheessin gammachuudhaan Yihowaa tajaajiluu baradheera. Kana malees, karaa hafuuraa guddina gochuukoo itti fufuuf na kakaaseera.”
Yihowaan jabaattanii dhaabachuu keessan akka gaariitti akka hubatu yaadadhaa. Kan isiniif gaddu taʼuusaarrayyuu isiniif yaada. ‘Waaqayyo hojii keessaniifi isa jaallachuu keessan isa isin argisiiftan hin irraanfatu.’ (Ibr. 6:10) Abdii inni warra isa sodaataniif, “Ani matumaa si hin dadhabu, si hin buusus!” jechuudhaan kenne yaadadhaa.—Ibr. 13:5.
Yeroo abdii akka kutattan isinitti dhagaʼamu, jireenya dinqisiisaa addunyaa haaraa keessatti argattanirratti xiyyeeffadhaa. Yeroon eebbawwan Mootummaan Waaqayyoo fidu lafarratti raawwatamu ija keessaniin itti argitan baayʼee dhihaachaa jira!
[Saanduqa/Fakkii fuula 28, 29rra jiru]
Dhukkuba Cimaa Qabaatanis Lallabuusaanii Itti Fufaniiru
“Kophaakoo deemuu waanan hin dandeenyeef, haati manaakoo ykn obboloonniifi obboleettonni na fuudhanii tajaajila baʼu. Anis akkaataa dhiheenyaafi caqasawwan Macaafa Qulqulluu yaadattan qabadha.”—Yezihaa, qaroonsaa kan hin argine.
“Bilbilaan dhugaa baʼuu malees, xalayaa kanan barreessu siʼa taʼu, namoota fedhii qaban muraasaafimmoo yeroo hunda walii barreessina. Yeroon mana yaalaa galutti, Macaafa Qulqulluufi barreeffamoota sireekoo biran kaaʼa. Kunis maree nama gammachiisu hedduu gochuuf na gargaareera.”—Maagdaaleenaa, dhukkuba siistamiik luupas eraayitimaatoosas jedhamu qabdu.
“Manaa gara manaatti tajaajiluu kanan jaalladhu taʼus, guyyaa manaa baʼuun natti hin tolletti bilbilaanan lallaba.”—Izaabeelaa, dhibee dhiphina sammuu cimaa qabdu.
“Deddeebii gaaffii gochuufi qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuun na gammachiisa. Guyyaa fayyaa akkan qabu natti dhagaʼamu, manaa gara manaatti lallabuun natti tola.”—Baarbaaraa, ishee sammuushee keessatti xannachi biqile.
“Boorsaa barruulee baayʼee salphaa taʼen qabadha. Hamma buusaan dhagnakoo na dhukkubu natti kaʼutti tajaajilarran tura.”—Zibginiyev, dhukkuba rumaatoyid artiraayitas jedhamu qabu.
[Fakkii fuula 30rra jiru]
Ijoolleenis taʼan gaʼeessonni madda jajjabinaa taʼuu ni dandaʼu