Gaaffii Dubbistootaa
Gaaffii Dubbistootaa
Yesus Kiristos guyyaa keessaa saʼaatii meeqatti akka fannifame sirriitti beekuun ni dandaʼamaa?
Gaaffiin kun kan kaʼu, duʼa Yesus ilaalchisee seenaan Maarqosiifi Yohannis ergamaan hafuuraan geggeeffamanii barreessan kan wal faallessu waan fakkaatuufidha. Maarqos, “Yeroon isa fannisanis bariʼee saʼaatii sadiitti ture” jedheera. (Mar. 15:25) Akka Yohannis jedhettimmoo, Yesus akka fannifamuuf Philaaxos Yihudootatti dabarsee kan isa kenne, “gara saʼaatii jaʼaffaatti ture.” (Yoh. 19:14-16) Namoonni Macaafa Qulqulluurratti ibsa kennan, yaada kan wal faallessu fakkaatu kanaaf furmaata argamsiisuuf ibsa garaagaraa kennaniiru. Haataʼu malee, garaagarummaa seenaawwan lamaan kanaa furuuf Macaafa Qulqulluurra ibsi gaʼaa taʼe hin argamu. Taʼuyyuu, namoonni bara sana turan saʼaatii kan lakkaaʼan akkamitti akka ture hubachuun furmaata taʼuu dandaʼa.
Akkuma nuyi yeroo harʼaatti fayyadamnu, Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti, Yihudoonni yeroo aduun baatuu jalqabuudhaan ifa guyyaa, saʼaatii 12tti qoqqoodanii lakkaaʼu turan. (Yoh. 11:9) “Saʼaa sadaffaa” kan jedhame, yeroo ganama saʼaatii lamaa kaasee hanga sadii jiru kan argisiisu siʼa taʼu, “saʼaa jaʼaffaa” kan jedhamemmoo gara guyyaa walakkaatti kan xumuramudha. Dhugaadha, waggaa keessatti aduun kan baatuufi kan lixxu yeroo addaddaatti waan taʼeef, akkuma tibbasaatti dheerinni guyyaa wal caala. Kana malees, guyyaa keessaa saʼaati meeqa akka taʼe kan murteeffamu kallattii aduun jirtu ilaaluudhaan ture. Kanaafuu, saʼaatiin kan caqasamu tilmaamaan ture. Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Giriikii keessatti wantoonni akkuma walii galaatti saʼaatii sadaffaatti, saʼaatii jaʼaffaatti ykn salgaffaatti akka raawwataman ibsaman, yeroo baayʼee naannoo saʼaatii sanaatti raawwataman jechuudha. (Mat. 20:3, 5, hiika bara 1899; HoE. 10:3, 9, 30) “Akka saʼaatii kudhanii” ykn “saʼaatii torbaffaatti” jedhamee addaan baafamee kan caqasamu, seenaa dubbatamu sanaaf saʼaatii caqasuun barbaachisaa yoo taʼe qofa ture.—Yoh. 1:39; 4:52.
Wantoota guyyaa isa dhumaa Yesus lafarra turetti raawwatamanii wajjin haala wal qabateen, seenaawwan Wangeelaa yaada wal fakkaatu qabu. Arfansaaniiyyuu luboonniifi maanguddoonni akkuma lafti bariʼeen wal gaʼanii, Bulchaa Roomaa kan taʼe Phonxos Philaaxositti Yesusiin dabarsanii akka kennan dubbatu. (Mat. 27:1; Mar. 15:1; Luq. 22:66; Yoh. 18:28) Maatewos, Maarqosiifi Luqaas guyyaa saʼaatii jaʼaffaadhaa, jechuunis yeroo Yesus fannoorra turee kaasee, “hamma saʼaatii salgaffaatti” lafti dukkanaaʼee akka ture gabaasaniiru.—Mat. 27:45, 46; Mar. 15:33, 34; Luq. 23:44.
Saʼaatii Yesus itti fannifamerratti yaanni garaagaraa akka jiraatu wanta gochuu dandaʼu keessaa tokko, reebichis kutaa fannifamuu akka taʼetti ilaalamaa kan ture taʼuusaati. Al tokko tokko haalli itti reeban cimaa waan taʼeef, namni tokko reebichaan yeroon inni itti duʼu jira ture. Reebichi Yesusirra gaʼe baayʼee cimaa waan tureef, muka irratti fannifamu kophaasaa baachuu erga jalqabee booda namni kan biraan akka baatu gochuun barbaachisee ture. (Luq. 23:26; Yoh. 19:17) Reebichi sun kutaa fannifamuu akka taʼetti yoo ilaalame, Yesus mismaaraan rukutamee fannifamuusaa dura yeroon murtaaʼe darbeera. Tarii, barreessaan inni tokko saʼaatiin meeqa akka taʼe kan hubate yeroo Yesus reebamuu jalqabetti, inni kaanimmoo yeroo fannifametti taʼuu dandaʼa; kun, barreessitoonni seenichaa yeroo Yesus itti fannifame ilaalchisee saʼaatii addaddaa kan caqasan maaliif akka taʼe ifa gochuu dandaʼa.
Yohannis ergamaan seenaasaa kan barreesse, Wangeelonni kaan erga barreeffamanii waggoota baayʼee boodadha. Kanaafuu, inni seenaa warri kaan barreessan argachuu dandaʼee ture. Dhugaadha, saʼaatiin Yohannis caqase, saʼaatii Maarqos caqaserraa addadha. Taʼuyyuu, kun taʼuunsaa Yohannis seenaa Maarqos barreesse calluma jedhee akka hin garagalchine kan mirkaneessudha. Yohannisis taʼe Maarqos hafuura Waaqayyootiin geggeeffamanii barreessan. Garaagarummaa yaadawwan kanaa furuuf Macaafa Qulqulluurraa odeeffannoo gaʼaan argamuu baatus, seenaawwan Wangeelarra jiran amanuu dandeenya.