Qabsoon Seeraa Yeroo Dheeraa Fudhate Injifannoodhaan Xumurame!
Qabsoon Seeraa Yeroo Dheeraa Fudhate Injifannoodhaan Xumurame!
QABSOON kun bara 1995 jalqabamee waggoota 15iif ture. Yeroo sana hundatti, Kiristiyaanonni Raashiyaa turan namoota mirga amantii mormaniin miidhaan isaanirra gaʼaa tureera. Mormitoonni kun, Dhugaa Baatonni Yihowaa Mooskoo keessattis taʼe iddoo biraatti seeraan fudhatama akka hin qabaanne gochuuf murteessanii turan. Taʼuyyuu, Yihowaan amanamummaa obboloonni jaallatamoon Raashiyaa jiran argisiisaniif injifannoo seeraa akka argatan gochuudhaan isaan kiiseera. Haataʼu malee, falmiin kun akka kaʼu kan godhe maalidha?
MIRGA DHUMARRATTI ARGAME!
Walakkaa jalqabaa bara 1990mmaniitti, obboloonni keenya Raashiyaa jiran mirga amantii bara 1917tti dhaban deebisanii argatan. Bara 1991tti, mootummaan Tokkummaa Sooviyeet akka amantii beekamaatti isaan galmeessee ture. Tokkummaan Sooviyeet erga diigamee booda, Dhugaa Baatonni Yihowaa Federeeshinii Raashiyaatti galmeeffamanii turan. Kana malees, Dhugaa Baatonni waggoota kudhaniin lakkaaʼaman dura sababii amantiitiin ariʼatamni addaddaa isaanirra gaʼe, namoota siyaasaan hacuucaman akka taʼan Mootummaan ni hubate. Bara 1993 Kutaan Haqaa Mooskoo, Hawaasa Dhugaa Baatota Yihowaa Mooskoo jiran kan galmeesse siʼa taʼu, achitti seerri maqaa kanaan nu beeka ture. Wagguma sana keessa, seerri Raashiyaa mirga amantii kennu haaraan hojiirra oolfame. Obboleessi tokko, “Mirga akkasii ni arganna jennee matumaa yaannee hin beeknu!” jechuunsaa nama hin dinqisiisu. Itti aansuudhaanis, “Waggoota 50f kana eeggachaa turre!” jedheera.
Kana booda obboloonni Raashiyaa jiran lallabarratti hirmaannaasaanii guddisuu kan jalqaban siʼa taʼu, namoonni hedduun dhugaa barataniiru. (2 Xim. 4:2) Dubartiin tokko, “Namoonni amantiidhaaf fedhii guddaa qabu turan” jetteetti. Utuu baayʼee hin turin, lakkoofsi babalʼistootaa, qajeelchitootaafi gumiiwwanii baayʼee dabale. Bara 1990 hanga 1995tti, lakkoofsi Dhugaa Baatota Mooskoo 300 gara 5,000 olitti guddate! Mooskoo keessatti tajaajiltoonni Yihowaa baayʼachuusaanii yeroo itti fufan, namoonni mirga amantii morman sodaachuu jalqaban. Walakkaa bara 1990mmaniitti, jarri kun namoota kakaasuudhaan seeraan himanni akka isaanirratti banamu godhaniiru. Qabsoon kun dhumarratti furmaata argachuusaa dura, sadarkaawwan yeroo dheeraa fudhatan afur keessa darbuun isa barbaachiseera.
QORANNOO YAKKAA JALʼINAAN XUMURAME
Sadarkaan jalqabaa qabsoo kanaa Waxabajjii 1995 jalqabame. Gareen Mooskoo Amantii Ortodoksii Raashiyaa wajjin ifatti waltaʼiinsa qabu tokko, obboloonni keenya gochawwan yakkaarratti akka hirmaatan ibsuudhaan himata dhiheesse. Gareen kun, miseensota maatii hiriyoonni gaaʼelaa ykn ijoolleensaanii Dhugaa Baatota taʼuusaaniitiin aaraniif falmaa akka jiru dubbateera. Waxabajjii 1996, abbootiin taayitaa yakka raawwatame jedhameef ragaa barbaadanis tokkoyyuu hin arganne. Taʼuyyuu gareen sun, yakka raawwataniiru jechuudhaan obboloota keenyarratti himata kan biraa dhiheesse. Abbootiin taayitaa dhimmicha qoratan, qorannaa dabalataa kan godhan taʼus, himanni dhihaate hundi fudhatama hin arganne. Haataʼu malee, mormitoonni kun dhimmuma kanarratti siʼa sadaffaadhaaf obboloota keenya himataniiru. Ammas Dhugaa Baatonni Yihowaa Mooskoo jiran erga qoratamanii booda, abbaan alangaa akkuma kanaan duraa himatamuusaaniitiif sababiin akka hin jirre murteessite. Achiis, mormitoonni siʼa arfaffaadhaaf himata kan dhiheessan yommuu taʼu, ammas abbaan alangaa ragaa hin arganne. Kan nama dinqisiisu, gareen mormitootaa kun qorannaan kan biraan akka geggeeffamu gaafate. Dhumarratti Ebla 13, 1998 qorataan haaraan dhimma kana qoratu galmeen himata kanaa ni cufe.
Ogeessi seeraa dhimma sana keessatti hirmaate, * Fulbaana 29, 1998, Mana Murtii Aanaa Galaviiniskiitti dhimmisaanii ilaalamuu jalqabe. Sadarkaa lammaffaan ni eegale.
“Haataʼu malee yeroo kanatti wanti bitaa namatti taʼu tokko ni uumame” jedheera. Bakka buutuun biiroo abbaa alangaa qorannoo shanaffaa geggeessite, ragaan yakki raawwatamuusaa argisiisu akka hin argamne amantuyyuu, himata kan biraa akka dhiheessan mormitoota gorsite. Bakka buutuun kun, Hawaasni Dhugaa Baatota Yihowaa Mooskoo seera biyyattiifi seera addunyaa akka cabsan dubbatte. Abbaan alangaa Bulchiinsa Aanaa Mooskoo Kaabaa, yaadicharratti walii galuudhaan iyyannoo dhihaate ni fudhate.MACAAFA QULQULLUU MANA MURTII KEESSATTI
Mana murtii namootaan guutame keessatti, Abbaan Alangaa Taatiyaana Kondiraatiyaava jedhamtu, seera fedaraalaa isa amantiiwwan beekamoon, Ortodoksii, Islaamummaa, Yihudiifi Budiizimii akka taʼan ibsuufi bara 1997 mallatteeffametti fayyadamtee falmite. * Seerri kun hojiirra oolfamuunsaa, amantiiwwan kaan seeraan fudhatama argachuun rakkisaa akka itti taʼu godheera. Akkasumas, seerri kun manneen murtii amantiiwwan jibba babalʼisan akka ittisan heyyama. Abbaan alangaa sun seera kanatti fayyadamtee sobaan Dhugaa Baatonni Yihowaa jibba akka babalʼisaniifi maatii akka diigan dubbachuudhaan ittifamuu akka qaban falmite.
Ogeessi seeraa obboloota keenyaaf falmu tokko, “Namoonni gumii Mooskoo keessa jiraniifi seericha cabsan eenyufaadha?” jedhee gaafate. Abbaan alangaa sun nama tokkoyyuu maqaa dhahuu hin dandeenye. Taʼuyyuu, barreeffamoonni Dhugaa Baatota Yihowaa amantiiwwan gidduutti diinummaa akka babalʼisan dubbatte. Yaadashee kana mirkaneessuufimmoo, Masaraa Eegumsaa, Dammaqaafi! barreeffamoota addaddaa irraa dubbiste (olitti ilaali). Barreeffamoonni kun karaawwan kamiin diinummaa akka kakaasan yeroo gaafatamtu, “Dhugaa Baatonni Yihowaa amantii dhugaa qabna jedhanii barsiisu” jette.
Ogeessi seeraa obboloota keenyaa tokko, abbaa seeraatiifi abbaa alangaatiif Macaafa Qulqulluu tokko tokko erga kennee booda, Efesoon 4:5rraa, “Gooftaan tokko amantiin tokko, cuuphaan tokko” kan jedhu dubbiseef. Achiis abbaan seeraa, abbaan alangaafi ogeessi seeraa hundisaanii Macaafa Qulqulluu harkatti qabatanii, caqasoota akka Yohannis 17:18 fi Yaaqoob 1:27 jiranirratti mariʼatan. Manni murtichaa, “Caqasoonni kun jibba amantii babalʼisuu?” jedhee ishee gaafate. Abbaan alangaa kunis Macaafa Qulqulluurratti yaada kennuuf gaʼumsa akka hin qabne dubbatte. Ogeessi seeraa sunimmoo barreeffamoota Amantii Ortodoksii Raashiyaa cimsanii Dhugaa Baatota Yihowaa morman erga itti argisiisee booda, “Yaadawwan kun seera ni cabsuu?” jedhee gaafate. Abbaan alangaas, “Dhimma luboonni dubbatanirratti yaada kennuuf gaʼumsa hin qabu” jettee deebiste.
HIMATA RAGAA HIN QABNE
Abbaan alangaa sun, Dhugaa Baatonni maatii diiguusaaniitiif akka ragaatti kan caqaste, ayyaanota waggaa kan akka Qillee kan hin kabajne taʼuusaaniiti. Haataʼu malee, seerri Raashiyaa lammiileen biyyattii ayyaana qillee akka kabajan akka irraa hin eegne booddee amanteetti. Dhugaa Baatota Raashiyaa jiran dabalatee, lammiileen Raashiyaa filannaa gochuuf mirga qabu. Kana
malees abbaan alangaa jaarmiyaan keenya ‘ijoolleen boqonnaa akka hin arganneefi akka hin gammanne akka godhu’ falmiteetti. Yeroo gaafatamtu garuu, ijoollee Dhugaa Baatota Yihowaa tokkoyyuu haasofsiistee akka hin beekne amanteetti. Ogeessi seeraa, abbaan alangaa kun walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaarratti argamtee kan beektu taʼuufi dhiisuushee yeroo ishee gaafatu, “Argamuun na hin barbaachisne” jechuudhaan deebisteetti.Abbaan alangaa kun, piroofeesara walʼaansa sammuu yaadasaa akka kennu dhiheessite. Innis, barreeffamoota keenya dubbisuun rakkina sammuu akka fidu dubbate. Ogeessi seeraa obboloota keenyaa, yaanni piroofeesarichi barreeffamaan mana murtiitti dhiheesseefi dookmantiin Paatriyaarkiin Mooskoo qopheesse guutummaatti akka wal fakkaatu yeroo ibsu, piroofeesarichi hammi tokko jechaa jechatti akka wal fakkaatu amane. “Dhimma seeraa kana ilaalchisee wanta barreesse hedduusaa dookmantii Paatriyaarkiin ykn geggeessitoonni Amantii Ortodoksii Mooskoo qopheesserraa akka jirutti garagalchuusaa amaneera.” Gaaffiiwwan dabalataa gaafataman, Dhugaa Baatuu Yihowaa tokkoyyuu yaalee akka hin beekne ifa godhaniiru. Piroofeesarri walʼaansa sammuu kan biraan garuu, Dhugaa Baatota 100 ol taʼaniifi Mooskoo jiranirratti qorannoo akka godhe mana murtichaatti dhugaa baʼeera. Namoonni kun sammuunsaanii fayyaa akka taʼe kan hubate taʼuusaarrayyuu, miseensonnisaanii Dhugaa Baatota erga taʼanii booda isa duraa caalaa amantiiwwan kaaniif kabaja akka kennan ibseera.
INJIFANNOO ARGANNUS, DHIMMICHI HIN XUMURAMNE
Bitootessa 12, 1999, abbaan seeraa gareen namoota baratan shan qabate tokko barreeffamoota Dhugaa Baatota Yihowaa akka qoratu ramaduudhaan, dhimmicha yeroo gara biraatti dabarsite. Kun taʼuusaa dura ministeerri Haqaa Mootummaa fedaraalaa Raashiyaa gareen namoota barate qabate tokko barreeffamoota keenya akka qoratu ajajee ture. Gareen kun, barreeffamoota keenya keessaa waan nama miidhu tokkollee akka hin arganne Ebla 15, 1999 gabaaseera. Kanaafuu, Ebla 29, 1999 Ministeerri Haqaa, Dhugaa Baatota Yihowaa akka haaraatti galmeesse. Qorannoon gaarii taʼe kun godhamee utuu jiruu, manni murtii
Mooskoo gareen kan biraan barreeffamoota keenya akka qoratu godhe. Kun haalli bitaa namatti taʼu akka uumamu godhe; amantiin Dhugaa Baatota Yihowaa, amantii seeraan heyyamameefi fudhatama qabu taʼuudhaan Ministeera Haqaa Raashiyaa biratti beekamummaa argatuyyuu, seera akka cabsanitti ilaalamaniimmoo Kutaa Haqaa Mooskootiin ni qoratamu turan!Waggaa lama booda Mooskootti dhimmichi ilaalamuu kan jalqabe ennaa taʼu, Guraandhala 23, 2001, abbaan seeraa Yeleenaa Pirohooricheevaa jedhamtu murtoo kennite. Qorannoo gareen namoota baratan isheen ramadde sun godhe erga gamaaggamtee booda, “Hawaasni Dhugaa Baatota Yihowaa Mooskoo jiran fudhatama akka hin arganne gochuufis taʼe sochiisaanii ittisuuf wanti buʼuura taʼu hin jiru” jechuudhaan murtoo kennite. Dhumarratti, obboloonni keenya himata isaanirratti dhihaate hundarraa walaba taʼuunsaanii seeraan ni beekame! Haataʼu malee, abbaan alangaa murtoo kana fudhachuu diduudhaan, Mana Murtii Magaalaa Mooskootti ol iyyatte. Jiʼa sadii booda Caamsaa 30, 2001, manni murtii kun murtoo Abbaan Seeraa Yeleenaa Pirohooricheevaan kennite ni diige. Manni murtichaa, dhimmichi abbaa alangaa kanaan duraafi abbaa seeraa kan biraatiin irra deebiʼamee akka ilaalamu ajaje. Sadarkaa sadaffaan jalqabamuuf jedha.
MOʼAMNUS DHIMMICHI HIN XUMURAMNE
Onkoloolessa 30, 2001, Abbaan Seeraa Veeraa Dubinskayaa jedhamtu, dhimma kana irra deebitee ilaaluu jalqabde. * Abbaan alangaa Kondiraatiyaava jedhamtu, himata Dhugaa Baatonni Yihowaa jibba babalʼisu jedhu akka haaraatti kan kaaste yommuu taʼu, hawaasa Dhugaa Baatota Yihowaa seeraan beekaman ittisuun, mirga Dhugaa Baatota Mooskoo jiran eegsisuu akka taʼe ibsite! Dhugaa Baatonni Mooskoo 10,000 taʼan hundi yaada bitaa namatti taʼu kana yeroo dhagaʼan, manni murtichaa yaada abbaan alangaa “mirgasaanii eegsisuuf” dhiheessite kana akka hin fudhanne yeruma sana mallatteessanii iyyata dhiheessan.
Abbaan alangaa, Dhugaa Baatonni yakka raawwachuusaanii ibsuuf ragaa dhiheessuun akka ishee hin barbaachisne dubbatte. Wanti manni murtichaa ilaaluu qabu sochiisaanii utuu hin taʼin, waaʼee barreeffamootaafi amantiisaanii akka taʼe dubbatte. Nama Amantii Ortodoksii Raashiyaatiif bakka buʼaa taʼe akka ragaatti akka dhiheessitu beeksiste. Jechishee kun, miseensonni geggeessitoota amantichaa sochii Dhugaa Baatota ittisuuf godhamurratti dhugumaan gaʼee guddaa akka qaban mirkaneesseera. Caamsaa 22, 2003, abbaan seeraa gareen namoota baratan qabate tokko ammas barreeffamoota Dhugaa Baatota Yihowaa akka qoratu ajajje.
Guraandhala 17, 2004, manni murtichaa qorannoo gareen sun godhe ilaaluuf taaʼe. Gareen kun, barreeffamoonni keenya namoonni dubbisan “maatiisaaniifi gaaʼelasaanii akka jabeeffatan” akka jajjabeessu, akkasumas himanni barreeffamoonni keenya jibba akka jajjabeessan ibsu ‘deggersa’ akka hin qabne ibseera. Hayyoonni kaanis yaada kanarratti walii galaniiru. Nama seenaa amantiitti piroofeesara taʼe tokkoof gaaffiin, “Dhugaa Baatonni Yihowaa kan lallaban maaliifi?” jedhu dhihaatee ture. Innis, “Hojiin lallabaa Kiristiyaana tokkoof dirqamadha. Wangeelli akkas jedha; Kiristosis ‘dhaqaa biyya hundumaatti lallabaa’ jedhee bartootasaa ajajeera” jechuudhaan mana murtichaatiif deebii kenne. Haataʼu malee, Bitootessa 26, 2004, abbaan seeraa sochiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa ni ittiste. Waxabajjii 16, 2004, Manni Murtii Magaalaa Mooskoo murtoo kana ni deggere. * Dhugaa Baatuun yeroo dheeraa tokko murtoo kenname ilaalchisee, “Yeroo Sooviyeet duriitti, lammiin Raashiyaa tokko Waaqayyotti kan hin amanne taʼuu qaba ture. Harʼa garuu, lammiin Raashiyaa tokko Ortodoksii taʼuu qaba” jechuudhaan dubbateera.
Yeroo kanatti obboloonni keenya maal godhan? Akkuma Nahimiiyaa isa bara durii godhan. Diinonni saba Waaqayyoo carraaqqii inni Yerusaalemiin deebisee ijaaruuf godhe yeroo morman, Nahimiiyaafi namoonnisaa mormii kamiiniyyuu yaannisaanii akka hihhiramu hin goone. Nah. 4:1-6) Haaluma wal fakkaatuun, obboloonni keenya Mooskoo jiran mormitoonni hojii misraachoo lallabuu yeroo harʼaa raawwatamuu qabu kanarraa yaannisaanii akka hihhiramu hin heyyamne. (1 Phe. 4:12, 16) Yihowaan akka isaan eegu mirkanaaʼoo kan turan taʼuusaarrayyuu, qabsoo yeroo dheeraa fudhate kanarratti sadarkaa arfaffaasaa jalqabuuf qophaaʼoo turan.
Kanaa mannaa ‘dafanii ijaaran,’ akkasumas ‘garaasaanii guutuu hojjetaniiru.’ (JIBBI DABALAA DHUFE
Hagayya 25, 2004, obboloonni keenya Kireemiliinitti, jechuunis pireezidaantii Raashiyaa yeroo sanaa Viladimiir Puutiinitti iyyata dhiheessan. Iyyanni dhimmichi baayʼee akka isaan yaaddesse ibsu kun, jildii 76fi mallattoowwan 315,000 caalan kan qabatedha. Yeroo kanatti, geggeessitoonni Ortodoksii Raashiyaa eenyummaasaanii isa dhugaa mulʼisan. Bakka buʼaan Paatiriyaarkii Mooskoo, “Sochii Dhugaa Baatota Yihowaa cimsinee mormina” jedheera. Geggeessaan amantii Islaamaa tokko ittifamuun keenya “barbaachisaafi gaarii” akka taʼe dubbateera.
Namoonni Raashiyaa jiran tokko tokko, himata sobaa Dhugaa Baatota Yihowaarratti dhihaate amanuudhaan miidhaa geessisuu jalqaban. Dhugaa Baatonni lallabarratti hirmaatan tokko tokko mormitootaan abootamaniiru, akkasumas dhiitamaniiru. Namni aare tokko, obboleettii keenya gamoo isheen itti lallabaa turte keessaa ariʼee erga baasee booda, dugdasheerra dhiitee kan kuffise yommuu taʼu, achiis mataashee rukute. Walʼaansa argachuun ishee barbaachisee kan ture taʼus, poolisiin nama ishee miidherratti tarkaanfii tokkoyyuu hin fudhanne. Kaanimmoo poolisiidhaan qabamanii ashaaraan qubasaanii kan fudhatameefi suuraa kan kaafaman yommuu taʼu, mana hidhaa akka bulan godhameera. Namoonni, galmawwan walgaʼii Mooskoo jiranirratti hoggantoota taʼan Dhugaa Baatotaaf kireessuusaanii yoo itti fufan akka ariʼaman doorsifaman. Gumiiwwan hedduun iddoo walgaʼiidhaaf itti fayyadaman dhaban. Gumiiwwan afurtamni gamoo Galma Mootummaa afur qabu keessatti walgaʼu turan. Gumiin bakka sanatti fayyadamu tokko, ganama keessaa saʼaatii tokkoofi walakkaatti Haasaa Sabaa gochuuf dirqamee ture. Daawwataan olaanaa tokko, “Babalʼistoonni walgaʼiirratti argamuuf
saʼaatii kudha tokkotti kaʼuu qabu turan, taʼuyyuu waggaa tokkoo oliif fedhiidhaan kana godhaniiru” jedheera.“DHUGAA BAʼUUDHAAF”
Dhugaa Baatonni, murtoon hojii lallabaa Mooskootti raawwatamu ittisuuf godhame seeraan ala akka taʼe ibsuu barbaadan. Kanaafuu, ogeeyyiin seeraa obboloota keenyaa Muddee 2004 Mana Murtii Mirgoota Namummaa Biyyoota Awurooppaa gargaarsa gaafatan. (Saanduqa “Murtiin Raashiyaan Kennite Faransaayitti Irra Deebiʼamee Kan Ilaalame Maaliifi?” jedhu fuula 6rraa ilaali.) Waggaa jaʼa booda Waxabajjii 10, 2010, Manni Murtichaa, guutummaatti Dhugaa Baatota Yihowaa deggeruudhaan sagalee tokkoon murteesse! * Manni Murtichaa himata nurratti dhihaate hunda kan ilaale siʼa taʼu, guutummaatti soba taʼuusaanii hubate. Kana malees, Raashiyaan ittisa godhame kaasuufi wanta Dhugaa Baatotarratti raawwatte sirreessuuf waan dandaʼame hunda gochuuf dirqamni akka isheerra jiru ibse.—Saanduqa “Murtoo Manni Murtichaa Kenne” jedhu fuula 8rraa ilaali.
Waltaʼiinsi Biyyoonni Awurooppaa Mirgoota Namummaarratti godhan sochii Dhugaa Baatota Yihowaa akkamitti akka deggeru ilaalchisee Murtoo gaariin Manni Murtichaa kenne, Raashiyaatti qofa utuu hin taʼin biyyoota 46n miseensota Mana Maree Awurooppaa taʼanittis hojiirra kan oolfamudha. Kana malees, murtoon kun abbootiin seeraa, namoota seera tumaniifi namoota addunyaa maratti waaʼee mirgoota namummaa qoratan hedduu gammachiiseera. Maaliif? Manni Murtichaa murtoo kanarra kan gaʼe, murtoo saddeet kanaan dura Dhugaa Baatota Yihowaa deggeruudhaan godhe qofarratti hundaaʼee utuu hin taʼin, injifannoo salgan sanaan dura Dhugaa Baatonni Yihowaa manneen murtii olaanaa Arjantiinaa, Kaanaadaa, Jaappaan, Raashiyaa, Afriikaa Kibbaa, Ispeen, Yunaayitid Kiingidamiifi Yunaayitid Isteetisitti argatanirratti hundaaʼee waan taʼeefidha. Injifannoon kuniifi murtoon Manni Murtichaa himata abbaan alangaa Mooskoo dhiheessite soba taʼuusaa mirkaneessuudhaan kenne, hawaasni Dhugaa Baatota Yihowaa addunyaa maratti argaman, amantiifi sochiiwwansaanii deggeruuf baayʼee isaan gargaara.
Yesus bartootasaatiin, “Isaanitti, warra saba Waaqayyoo hin taʼinittis dhugaa baʼuudhaaf, anaaf jettanii fuula warra biyya bulchanii fi fuula moototaatti in geeffamtu” jedhee ture. (Mat. 10:18) Qabsoon seeraa waggoota 15iif godhame, obboloonni keenya Mooskoottis taʼe iddoo biraatti yeroo kamiyyuu caalaa maqaa Yihowaa akka beeksisan carraa isaaniif baneera. Yeroo qorannaan geggeeffamutti, mana murtiitti, akkasumas yeroo manni murtii addunyaa maraa murtoo kennetti xiyyeeffannaan Dhugaa Baatota Yihowaarratti godhame “dhugaa baʼuudhaaf” kan dandeessise taʼuusaarrayyuu, “wangeela balʼisuuf” gumaacha godheera. (Filp. 1:12) Yeroo harʼaa Dhugaa Baatonni Mooskoo jiran lallabarratti ennaa hirmaatan, namoonni isaan haasofsiisan hedduun, “Isin ittisanii hin turree?” jedhanii gaafatu. Gaaffiin kun, obboloonni keenya waaʼee amantii keenyaa namootaaf odeeffannoo dabalataa akka kennan carraa banaaf. Humni nu mormu kamiyyuu Mootummicha lallabuu keenya nu dhaabsisuu akka hin dandeenye beekamaadha. Yihowaan obboloota keenya jaallatamoofi ija jabeeyyii Raashiyaa jiran eebbisuufi deggeruusaa akka itti fufu ni kadhanna.
[Miiljaleewwan]
^ key. 8 Iyyannichi kan dhihaate Ebla 20, 1998 ture. Torban lama booda, Caamsaa 5, Raashiyaan Waltaʼiinsa Biyyoonni Awurooppaa Mirgoota Namummaarratti godhanirratti walii galte.
^ key. 10 “Seerichi, dhiibbaa guddaa Amantiin Ortodoksii Raashiyaa, iddoo guddaan inni Raashiyaa keessatti qabu akka jalaa hin tuqamne barbaaduufi Dhugaa Baatonni Yihowaa ittifamanii arguuf hawwu geessiseen fudhatama argateera.”—Asooshiyeetiid Pirees, Waxabajjii 25, 1999.
^ key. 20 Kan nama dinqisiisu, guyyaan sun waggaa kurnaffaa, guyyaa mootummaan Raashiyaa Dhugaa Baatonni Yihowaa bulchiinsa Sooviyeetiin sababa amantiisaaniitiin hacuuccaan isaanirra gaʼuusaa seeraan itti beeksise ture.
^ key. 22 Ittisni kun, jaarmiyaan gumiiwwan Mooskoo jiran itti fayyadaman seera duratti fudhatama akka dhabu godheera. Mormitoonni, ittisni kun obboloonni keenya tajaajilasaanii akka hin raawwanne akka isaan gufachiisu abdatanii turan.
^ key. 28 Sadaasa 22, 2010, Mana Maree Guddaa, Mana Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa keessatti gareen abbootii seeraa shan qabate tokko, iyyata Raashiyaan dhimmichi Mana Maree Guddaa Mana Murtichaatti akka dhihaatu goote fudhachuu dide. Kana gochuudhaan, Waxabajjii 10, 2010, murtoo isa dhumaafi hojiirra oolfamuu qabu kenne.
[Saandura/Fakkii fuula 6rra jiru]
Murtiin Raashiyaan Kennite Faransaayitti Irra Deebiʼamee Kan Ilaalame Maaliifi?
Guraandhala 28, 1996 Raashiyaan Waltaʼiinsa Biyyoonni Awurooppaa Mirgoota Namummaarratti godhan mallatteessiteetti. (Caamsaa 5, 1998, Raashiyaan Waltaʼiinsa godhame fudhatteetti.) Mootummaan Raashiyaa waltaʼiinsa sana mallatteessuudhaan lammiileensaa mirgawwan armaan gadii akka qaban ifa godhe:
‘mirga amantiifi manattis taʼe dirreerratti sochiiwwan amantiisaanii wajjin wal qabatan gochuu, akkasumas yoo barbaadan amantiisaanii jijjiiruu.’—Keeyyata 9.
‘mirga karaa itti gaafatamummaan akka isaanitti dhagaʼamu argisiisuun waan yaadan dubbachuufi barreessuu, akkasumas warra kaaniif odeeffannoo kennuu.’ —Keeyyata 10.
‘mirga walgaʼii naga qabeessa taʼe gochuu.’—Keeyyata 11.
Namoonni dhuunfaa ykn jaarmiyaawwan walii galteen kun hojiirra ooluu dhiisuusaatiin miidhaan isaanirra gaʼeefi biyyasaanii keessatti murtii sirrii argachuuf yaalii hunda godhanii utuu hin argatin hafan, dhimmasaanii Mana Murtii Mirgoota Namummaa Biyyoota Awurooppaa Istiraatisbargi, Faransaayitti (olitti argamutti) dhiheeffachuu dandaʼu. Manni Murtii kun, abbootii seeraa 47 kan qabate ennaa taʼu, kunimmoo lakkoofsa Biyyoota Awurooppaa Mirgoota Namummaarratti Waltaʼiinsa godhanii wajjin qixxeedha. Murtoon Mana Murtii kanaa ni kabajama. Biyyoonni waltaʼiinsa sana mallatteessan hundi murtoosaa fudhachuu qabu.
[Saanduqa fuula 8rra jiru]
Murtoo Manni Murtichaa Kenne
Murtoo Manni Murtichaa kenne keessaa kan armaan gadii sadan ni argamu.
Himanni dhihaate inni tokko, Dhugaa Baatonni Yihowaa maatii diigu kan jedhudha. Manni Murtichaa garuu faallaa kanaatiin murtoo akkas jedhu kenneera:
“Walitti buʼiinsa kanaaf sababa kan taʼe, miseensonni maatichaa amantii hin qabne, firrisaanii amantiisaa ykn amantiishee ibsuufi hojiirra oolchuuf mirga akka qaban fudhachuu, akkasumas mirgasaanii kana kabajuu dhiisuusaaniiti.”—Key. 111.
Manni Murtichaa, himata ‘akka sammuu toʼannu’ dhihaateefis ragaa akka hin arganne akkas jechuudhaan ibseera:
“Manneen murtii [Raashiyaa] nama haala kanaan mirgisaa sarbame tokkollee caqasuu dhiisuunsaanii Mana Murtichaa ajaaʼibsiiseera.”—Key. 129.
Himanni kan biraanimmoo, Dhugaa Baatonni Yihowaa dhiiga fudhachuu dhowwuudhaan fayyaa amantootasaanii akka miidhan kan ibsudha. Manni Murtichaa garuu akkas jechuudhaan murtii kenneera:
“Yaalii fayyaa tokko fudhachuu ykn dhiisuun, akkasumas yaalii fayyaa gara biraatti fayyadamuun, mirga barbaachisaa namni tokko qabuufi dhuunfaatti murteeffachuu dandaʼu keessaa tokkodha. Gaʼeessi sammuu fayyaa qabu filannaa mataasaa gochuuf mirga qaba; fakkeenyaaf yaalii fayyaa baqaqsanii walʼaanuu ykn gosa yaalii fayyaa tokko fudhachuu ykn fudhachuu dhiisuu akkuma dandaʼu, yaalii fayyaa dhiigatti fayyadamuu fudhachuu ykn fudhachuu dhiisuu dandaʼa.”—Key. 136.