Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ijoolleen Keessan Akka Nama Kabajan Isaan Barsiisaa

Ijoolleen Keessan Akka Nama Kabajan Isaan Barsiisaa

Ijoolleen Keessan Akka Nama Kabajan Isaan Barsiisaa

MAMMAAKSI Jarmanootaa tokko, “Namni baarneexaasaa harkatti qabatu, bakka hundumaa dhaquu dandaʼa” jedha. Aadaawwan hedduu keessatti, namni tokko ennaa mana namaa seenu ykn nagaa nama gaafatu baarneexaasaa mataarraa yoo kaase, amala gaarii ulfina isaaf argamsiisu akka qabutti yaadama. Kanaafuu, mammaaksi armaan olii namoonni gaarummaa kan argisiisaniifi ilaalcha gaarii kan qabaatan, namoota amala gaarii qabaniif akka taʼe ibsa.

Ijoolleen amala gaarii yeroo qabaatan baayʼee nama hin gammachiisuu? Daawwataan olaanaa aanaa biyya Honduraas keessa jiraatuufi obboloota umrii garaagaraarra jiranii wajjin tajaajila manaa gara manaarratti hirmaatu tokko, “Wantan dubbadhu caalaa, mucaa xinnoon akka gaariitti leenjifameefi namoota kabaju tokko, xiyyeeffannaa namootaa akka harkisu hubadheera” jedheera.

Yeroo ulfina walii kennuun dhabame kanatti, akkamitti namoota akka qabnu beekuun faayidaa guddaa qaba. Caaffanni Qulqullaaʼoonis, “Akka warri wangeela Kristos fudhatan jiraachuun taʼutti jiraadhaa” jechuudhaan nu gorsu. (Filp. 1:27; 2 Xim. 3:1-5) Ijoolleen keenya namoota akka kabajan barsiisuun keenya baayʼee barbaachisaadha. Akkasumaan fakkeessuudhaan utuu hin taʼin, garaasaaniitii akka nama kabajan barsiisuu kan dandeenyu akkamitti? *

Fakkeenya Taʼuudhaan Amala Gaarii Barsiisuu

Ijoolleen, wanta argan hordofuudhaan baratu. Kanaafuu, karaan warri ijoolleensaanii amala gaarii akka qabaatan isaan barsiisuu itti dandaʼan inni guddaan, dura ofiisaaniitii amala gaarii qabaachuudha. (Kes. 6:6, 7) Ijoollee keessan waaʼee amala gaarii isaan barsiisuun keessan barbaachisaa taʼus, kun qofti gaʼaa miti. Barsiisuun akkuma jirutti taʼee, fakkeenya gaarii isaaniif taʼuunimmoo baayʼee barbaachisaadha.

Haala Poolaa * ishee maatii Kiristiyaana taʼe keessatti haadha qofaadhaan guddattee ilaalaa. Nama hundumaa kabajuu barsiifata godhattee turte. Akkamitti? “Aayyoon fakkeenya waan nuu taateef, nuyi ijoolleen utuma itti yaaduun nu hin barbaachisin namoota kabajna” jechuudhaan deebisteetti. Kiristiyaanni Wooltar jedhamu tokko, ilmaansaa haadhasaanii ishee Dhugaa Baatuu hin taane akka kabajan isaan barsiiseera. “Haadha manaakootti karaa tuffii argisiisuun itti dubbachuu dhiisuudhaan, ijoolleenkoo haadhasaanii akka kabajan fakkeenya isaanii taʼuun barbaada ture” jedheera. Wooltar, ijoolleesaa Dubbii Waaqayyoo barsiisuusaa kan itti fufe siʼa taʼu, Yihowaan akka isa gargaarus kadhateera. Isaan keessaa tokko yeroo ammaa waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa keessatti tajaajilaa jira; inni kaanimmoo qajeelchaadha. Ijoolleensaa warrasaaniitiif jaalalaafi kabaja qabu.

Macaafni Qulqulluun, “Waaqayyo ofii isaatii Waaqayyo nagaa ti malee, Waaqayyo sabirii hin qabnee miti” jedha. (1 Qor. 14:33) Wanti Yihowaan godhu hundumtuu sabrii kan qabudha. Kiristiyaanonni amala Waaqayyoo kana qabaachuudhaan, miini manasaanii keessa jiru qulqulluufi sabrii kan qabu akka taʼu gochuuf carraaquu qabu. Warri tokko tokko, ijoolleensaanii guyyaa hundumaa gara mana barumsaa dhaquusaanii dura sireesaanii akka afan, wayyaasaanii bakka sirrii taʼe akka kaaʼaniifi hojii manaatiin warrasaanii akka gargaaran isaan leenjisaniiru. Ijoolleen, iddoowwan manichaa kaan sabrii kan qabaniifi qulqulluu taʼuusaanii yommuu argan, isaanis kutaasaaniifi miʼasaanii qulqullinaan qabuuf kakaʼu.

Ijoolleen keessan wanta mana barumsaatti barataniif ilaalcha akkamii qabu? Wanta barsiistonnisaanii isaanii godhaniif ni galateeffatuu? Isin warrisaanii, galateeffannaa keessan ni ibsituu? Ijoolleen keessan, barumsaafi barsiistotasaaniitiif ilaalchuma isin qabdan akka qabaatan beekamaadha. Barsiistotasaanii akka galateeffatan maaliif isaan hin jajjabeessitan? Barsiisaa, doktoora, nama suuqiitti gurgurus taʼe nama tajaajila nuu kennu kamiyyuu galateeffachuun, karaa gaarii kabaja itti argisiisnu keessaa tokkodha. (Luq. 17:15, 16) Dargaggoonni Kiristiyaana taʼaniifi amala gaarii qabaniin ijoollee wajjin baratan kaanirraa adda taʼan galateeffamuu qabu.

Amalaa wajjin haala wal qabateen, miseensonni gumii Kiristiyaanaa fakkeenya gaarii taʼuu qabu. Dargaggoonni gumii keessa jiran, “maaloo” akkasumas “galatoomi” jechuudhaan amala gaarii yeroo argisiisan ilaaluun baayʼee nama hin gammachiisuu? Namoonni gurguddaan barumsa walgaʼiirratti dhihaatuuf xiyyeeffannaa kennuudhaan kabaja Yihowaadhaaf qaban yommuu argisiisan, dargaggoonnis fakkeenyasaanii hordofuuf jajjabina argatu. Ijoolleen amala gaarii Galma Mootummaatti ilaalan hordofuudhaan, ollaawwansaanii kabajuu barachuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, mucaa waggaa afurii kan taʼe Andiruun, ennaa namoota gurguddaa bira darbu “Dhiifama” jechuu barateera.

Warri, ijoolleensaanii amala akkamii argisiisuu akka qaban isaan gargaaruuf wanti gochuu dandaʼan kan biraan maalidha? Fakkeenyawwan hedduu Dubbii Waaqayyoo keessa jiranirraa barumsa argamu ijoolleesaanii barsiisuuf yeroo ramaduu dandaʼu, ramaduus qabu.—Rom. 15:4.

Fakkeenyawwan Macaafa Qulqulluurra Jiranitti Fayyadamaa Barsiisaa

Haati Saamuʼel, Eelii isa Angafa Lubootaa taʼeef gadi jedhee ulfina akka kennu isa barsiistee taʼuu qaba. Saamuʼeliin godoo qulqullaaʼaatti ennaa geessitu, umriinsaa waggaa sadii ykn afur qofa taʼuu hin oolu. (1 Sam. 1:28) Mucaa keessan, “akkam bulte,” “akkam oolte” jechuu ykn nagaa naannoo keessanitti baramaa taʼe kamiyyuu shaakalsiisuu dandeessuu? Akkuma Saamuʼel isa mucaa xinnoo turee, ijoolleen keessanis ‘Waaqayyoofi namootarraa ayyaana argachuu’ dandaʼu.—1 Sam. 2:26.

Garaagarummaa kabaja kennuufi kennuu dhiisuu gidduu jiru ibsuuf, seenaawwan Macaafa Qulqulluurra jiranitti maaliif hin fayyadamtan? Fakkeenyaaf, mootii Israaʼel isa gantuu kan ture Ahaaziyaan, Eliyaas raajicha argachuu yeroo barbaadetti, akka isa waamaniif “angafa shantamaa loltoota isaa shantammanii wajjin” isatti erge. Angafni shantamaa kunis raajichi akka isaa wajjin deemu isa ajaje. Nama bakka buʼaa Waaqayyoo taʼe tokkotti karaa kanaan dubbachuunsaa sirrii hin turre. Eliyaas maal jedhee deebiseef? “Yoo ani nama Waaqayyoo taʼeef, ibiddi waaqa irraa gad buʼee, sii fi loltoota kee shantamman xaph haa godhu!” jedheen. Kan taʼes kanuma ture. “Ibiddi waaqa irraa gad buʼee, isa, loltoota isaa shantammanis xaph in godhe.”—2 Mot. 1:9, 10.

Angafni shantamaa inni lammaffaanis Eliyaasiin akka fidu ergamee ture. Innis Eliyaas isaa wajjin akka dhaqu isa ajaje. Ammas ibiddi waaqarraa gadi buʼe. Angafni shantamaa sadaffaan gara Eliyaas dhufe garuu, ulfina isaaf kenneera. Eliyaasiin ajajuu mannaa, isa duratti jilbeenfatee, “Yaa nama Waaqayyoo! Lubbuun koo fi lubbuun garboota kee shantamman kanaa si duratti gati-jabeessa akka taʼuuf sin kadhadha. Kunoo, ibiddi waaqa irraa buʼee angafoota shantamaa warra duraa lamaan loltoota isaanii hundumaa wajjin xaph godheera; amma garuu lubbuun koo si duratti gati-jabeessa haa taʼu!” jedhee kadhate. Raajiin Waaqayyoo kun, nama sodaadhaan taʼullee ulfina isaaf kenne kanarratti ibiddi akka buʼu ni godhaa laata? Akkas akka hin goone beekamaadha! Kanaa mannaa ergamaan Yihowaa, Eliyaas namicha kanaa wajjin akka deemu itti hime. (2 Mot. 1:11-15) Seenaan kun, nama kabajuun barbaachisaa akka taʼe argisiisa mitii?

Phaawulos ergamaan, loltoonni Roomaa kellaa mana qulqullummaa keessatti bakka inni itti eegamutti yeroo isa geessan, dubbachuuf mirga akka qabu hin beeku ture. Kanaan kan kaʼes, karaa ulfina qabuun, “Waa sitti dubbachuun in dandaʼamaa?” jedhee loltuu isa eegu gaafate. Achiis, Phaawulos balleessaa akka hin qabne falmachuuf carraan ni kennameef.—HoE. 21:37-40.

Yesus, yeroo himatamee firdiidhaaf dhihaatetti maddiisaarra kabalameera. Haataʼu malee, akkamitti deebii kennuu akka qabu beeka ture. Namicha isa kabaleen, “Yoon dabaa dubbadheera taʼe, dabaa sana mulʼisii dhugaa baʼi! Dubbii qajeelaa yoon dubbadhe garuu maaliif na rukutta ree?” jedhe. Namni tokkoyyuu dubbii Yesusirraa dogoggora argachuu hin dandeenye.—Yoh. 18:22, 23.

Dubbiin Waaqayyoo, fakkeenyawwan yeroo adabni nuu kennamu akkamitti deebii kennuu akka qabnuufi balleessaa kanaan dura hojjenne kabajaan amannee fudhachuu akka qabnu argisiisan qabateera. (Uma. 41:9-13; HoE. 8:20-24) Fakkeenyaaf, Abigaayil tuffii abbaan manaashee Naabaal Daawititti argisiiseef dhiifama gaafatteetti. Dhiifama gaafachuurra darbitees, nyaata hedduu isaaf geessiteetti. Daawit, wanti Abigaayil goote baayʼee waan isa tuqeef, erga Naabaal duʼee booda ishee fuudheera.—1 Sam. 25:23-41.

Haala rakkisaa keessatti kabaja argisiisuus taʼe, akkasumatti amala gaarii qabaachuu, ijoolleen keessan namoota akka kabajan isaan barsiisuun keessan baayʼee barbaachisaadha. Karaa kanaan ‘ifni keenya namoota duratti akka ifu gochuudhaan,’ ‘Abbaa keenya isa waaqarraatiif ulfina kennuu’ dandeenya.—Mat. 5:16.

[Miiljaleewwan]

^ key. 4 Dhugaadha, warri ijoolleensaanii garaagarummaa namoota gurguddaa kabajuufi namoota isaan miidhuu barbaadaniif ajajamuu gidduu jiru akka beekan isaan gargaaruu qabu. Dammaqaa! Onkoloolessa 2007, fuula 3-11 ilaali. (Amaariffa)

^ key. 7 Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.