Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Jaarmiyaa Yihowaa Keessatti Hojiidhaan Qabamuu

Jaarmiyaa Yihowaa Keessatti Hojiidhaan Qabamuu

Jaarmiyaa Yihowaa Keessatti Hojiidhaan Qabamuu

Varnan Zuubkoon Akka Dubbatetti

KANAN guddadhe lafa qotiisaa Isteenan maddiitti siʼa taʼu, mandarri kunis koonyaa Saskaachawaan Kaanaadaa keessatti kan argamtu turte. Warrikoo Fireediifi Adeelaan, wanta karaa hafuuraafi foonii obboleettiikoo angafaa Oreeliyaa, quxusuuwwaankoo Olviin, Oleegiraafi Daariiliif, akkasumas anaaf barbaachisu dhiheessuuf jabaatanii hojjetu turan. Warri keenya dhugaa nu barsiisuusaaniitiif hamma harʼaattiyyuu isaan galateeffanna.

Abbaankoo Kiristiyaana hafuuraan dibame siʼa taʼu, nama ija jabinaan Wangeela lallabu ture. Waan jireenyaaf nu barbaachisu argachuuf jabaatee kan hojjetu taʼus, namni hundi Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuusaa akka beeku godha ture. Yeroo hundaa waaʼee dhugaa dubbachuu jaallata ture. Hinaaffaafi ija jabinasaatiin fakkeenya guddaa naa taʼeera. Yeroo baayʼee, “Jaarmiyaa Yihowaa keessatti hojiidhaan yoo qabamte rakkina hedduurraa oolta” naan jedha ture.

Yeroo baayʼee, magaalaa Isteenaniifi hawaasa naannoo sana jiruuf karaarratti lallabna turre. Anaaf kana gochuun yeroo hundaa salphaa hin turre. Magaalonni hundi namoota abbaa humnaa taʼan kan qaban siʼa taʼu, isaanis nu warra ijoollee taanetti gaʼisu turan. Yommuu umriinkoo waggaa saddeet turetti, guyyaa tokko utuun Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! harkatti qabadhee karaa maddii dhaabadhuu tuutni dargaggootaa natti marsan. Baarmexaakoo isa haaraa mataakoorraa butanii muka na maddii dhaabaturratti fannisan. Obboleessi maanguddoon ijaan na eegaa turan tokko, wanta raawwatamaa jiru kan argan taʼuunsaa garuu na gammachiise. Garakoo dhufanii, “Varni, rakkoon jiraa?” jedhanii na gaafatan. Ijoolleen sunis yeruma sana achii badan. Haalli kun xinnoo kan nama aarsu taʼus, namni tokko yommuu karaarratti lallabu, akka utubaa iddoo tokko dhaabachuu mannaa asiif achi adeemuu akka qabu na barsiiseera. Leenjiin ijoollummaakootti argadhe akkasii, ija jabina manaa gara manaatti tajaajiluuf na barbaachisus naa kenneera.

Aniifi Olviin Caamsaa 1951⁠tti cuuphamne. Yeroo kanatti umriinkoo waggaa 13 ture. Wanta obboleessi keenya Jaak Naataan, haasaa cuuphaa dhiheesserratti, waaʼee Yihowaa utuu hin dubbatin jiini tokkollee akka darbu matumaa akka hin heyyamne dubbate hamma ammaatti nan yaadadha. * Maatii keenya keessatti qajeelchaa taʼanii tajaajiluun, yoomiyyuu hojii guddaa akka taʼetti ilaalama ture. Kanaaf, bara 1958 barumsakoo yommuun xumuru, qajeelchaa taʼee tajaajiluuf gara Wiiniipeg, Maniitoobaan dhaqe. Abbaankoo saanqaa bareechuudhaan daldala maatii keenyaa isaa wajjin akkan hojjedhu kan barbaadu yoo taʼeyyuu, innis taʼe haatikoo tajaajila yeroo guutuu akkan jalqabu cimsanii na jajjabeessuudhaan gara Wiiniipeg akkan deemuu naa heyyaman.

Mana Haaraafi Hiriyaa Haaraa

Bara 1959, waajjirri damee namoota Kuubeek bakka labsitoonni wangeelaa caalaatti itti barbaachisan dhaquu dandaʼan hundaaf afeerrii dhiheesse. Anis qajeelchaa taʼee tajaajiluufan gara Montiriiyaal dhaqe. Kun jijjiirama guddaa ture! Afaan Faransaay barachuufi aadaa adda taʼee wajjin wal baruun waan na barbaachisuuf kun jireenyakoo keessatti wanta haaraa ture. Daawwataan olaanaa aanaa tokko, “Matumaa, ‘Biyya keenyatti akkasitti hojjenna turre’ hin jedhin” naan jedhe. Kun gorsa gaarii ture.—1 Qor. 9:22, 23.

Kuubeek yommuun dhaqe qajeelchaa naa wajjin tajaajilu hin qabun ture. Haataʼu malee, shamarree Shiirlii Turkotee jedhamtuufi Wiiniipegitti duraan wal barree wajjin Guraandhala 1961⁠tti yommuu gaaʼela godhanne hiriyaa barabaraa argadheera. Isheenis maatii Yihowaa jaallatu keessatti guddatte. Yeroo sana kana guutummaatti hubachuu baadhus, isheen waggoota hedduudhaaf madda humnaafi jajjabina guddaa naa taatetti.

Gaaspee Keessatti Lallabuu

Erga gaaʼela godhannee waggaa lama booda, qajeelchaa addaa taanee Riimooski, Kuubeekitti ramadamne. Yeroo arfaasaa ittaanutti waajjirri damee, guutummaa Gaaspee biyya ishee karaa sadiin bishaaniin daangeffamtuufi baha Kaanaadaatti argamtu keessatti akka lallabnu nu gaafate. Hojiin keenya hamma nuu dandaʼame sanyii dhugaa baayʼinaan facaasuu ture. (Lal. 11:6) Konkolaataa keenyarratti barruulee 1,000 ol, kitaabota gara 400, akkasumas nyaataafi uffata muraasa feʼannee jiʼa tokkoof lallabuudhaaf adeemne. Mandaroota xixinnoo Gaaspee keessa jiran hundaatti karaa seera qabeessa taʼeen lallabneerra. Dhaabbanni raadiyoo naannoo sanaa Dhugaa Baatonni Yihowaa waan dhufaniif barreeffamootasaanii akka hin fudhanne jedhee akeekkachiise. Haataʼu malee, namoonni achi jiraatan hedduun beeksisichi barreeffamoota keenya kan beeksisu waan itti fakkaateef yeroo kenninuuf fudhataniiru.

Yeroo sana kutaawwan Kuubeek tokko tokkotti mirgi lallabuu hamma tokko haaraa waan tureef, poolisoonni yeroo baayʼee nu dhaabsisu turan. Magaalaa mana hundaatti barruulee raabsineerra jechuun dandaʼamu tokkotti haalli akkasii nu mudateera. Abbaan taayitaa tokko isaa wajjin gara buufata poolisii akka dhaqnu kan nu gaafate siʼa taʼu nutis isaa wajjin dhaqne. Anis lallabuu keenya akka nu dhaabsisan kan ajaje abukaatoo magaalaa sanaa akka taʼen hubadhe. Dura taaʼaan poolisii guyyaa tokkoof hojii waan hin galleef, xalayaa waajjira damee Toorontootii ergame, ragaa barbaachisaa guutummaatti qabateefi mirga lallabaa keenya ibsu abukaatoo sanattan kenne. Abukaatoon sun xalayicha erga dubbisee booda, hatattamaan, “Ilaa, ani rakkina tokkoyyuu hin barbaadu. Akkan isin dhaabsisu qeesii mana sagadichaatu na ajaje” jedhe. Namoonni naannoo sana jiran hojiin keenya seeraa ala akka taʼetti akka yaadan waan hin barbaanneef, yeruma sana iddoo poolisiin nu dhaabsise sanatti deebinee tajaajiluu jalqabne.

Ganama guyyaa ittaanuutti ajajaa poolisii sana haasofsiisuuf yommuu deebinu, akka hin lallabne dhowwamuu keenya dhagaʼuusaatti aaree utuu jiruu isa argine. Abukaatoo sana bilbilaan yommuu haasofsiisu baayʼee aaree isa haasofsiisa ture. Ajajaan poolisii sun, rakkinni tokko yoo nu mudate inni mataansaa dhimma sana akka qoru dhuunfaatti akka isaa bilbillu nutti hime. Naannoo sanaaf keessummoota kan taane, akkasumas afaan Faransaay xinnoo qofa kan beeknu taʼus, namoonni biyya sanaa gaariifi keessummoota kan simatan turan. Haataʼu malee, ‘Dhugaa ni baratuu laata?’ jennee yaaddofnee turre. Waggoota booda guutummaa Gaaspee keessatti Galma Mootummaa ijaaruuf yommuu deebinu gaaffii keenyaaf deebii arganneerra. Namoonni hedduun nuyi yeroo sanatti lallabneefii turre amma obboloota keenya akka taʼan hubanneerra. Dhugumayyuu kan guddisu Yihowaadha.—1 Qor. 3:6, 7.

Dhaala Arganneerra

Intalli keenya Liisaan bara 1970⁠tti dhalatte. Dhaalli Yihowaarraa arganne kun jireenya keenyaaf gammachuu guddaa nuu dabaleera. Shiirliifi Liisaan pirojektii ijaarsa Galma Mootummaa hedduurratti anaa wajjin hirmaataniiru. Liisaan barumsashee erga xumurtee booda, akkas jette: “Harmeefi Abbayye, yeroodhaaf tajaajila yeroo guutuu akka dhaabdan isin taasiseera, amma qajeelchaa taʼee tajaajiluudhaan bakka buusuun barbaada.” Liisaan waggaa 20 oliif qajeelchaa taatee kan tajaajilte siʼa taʼu, amma garuu abbaa manaashee Silveeyin wajjin tajaajilaa jirti. Isaan walii wajjin hojii ijaarsaa addunyaa maraa hedduurratti hirmaachuuf mirga argataniiru. Akka maatiitti galmi keenya jireenya keenya salphaa gochuufi tajaajila Yihowaatiif of dhiheessuudha. Wanta Liisaan yommuu qajeelchaa taatee tajaajiluu jalqabde dubbatte matumaa hin irraanfadhu. Bara 2001⁠tti tajaajila yeroo guutuutti akkan deebiʼu kan na kakaaste siʼa taʼu, yeroo sanaa kaasee qajeelchaa taʼee tajaajilaan jira. Qajeelchaa taʼuun, wantan hojjedhu hundumaarratti Yihowaatti akkan amanamu, jireenya salphaa, garuu gaariifi gammachiisaa taʼe akkan jiraadhu na barsiiseera.

Pirojektoonni Hojii Ijaarsaa Jaalalaafi Amanamummaa Gaafatu

Yihowaan, nuti yoo of dhiheessineefi hojii inni nuu kennu kamiyyuu yoo fudhanne, eebba hedduu akka argannu na barsiiseera. Koree Ijaarsa Naannoo akkasumas pirojektii ijaarsaa guutummaa Kuubeekiifi bakka biraatti hojjetamanirratti obbolootakoo wajjin hirmaachuun mirga guddaadha.

Obboloonni tokko tokko waltajiirraa haasaa dhiheessuurratti dandeettii guddaa kan hin qabne yoo taʼaniyyuu, pirojektii Galma Mootummaa ijaaruurratti garuu hojii buʼa qabeessa taʼe hojjetu. Obboloonni jaallatamoon kun garaa guutuu hojicharratti kan xiyyeeffatan siʼa taʼu dandeettiin uumamaan qaban ifatti mulʼata. Kanaan kan kaʼes, yeroo hundaa gamoo bareedaan waaqeffannaa Yihowaatiif tajaajilu ni ijaarama.

“Amalawwan barbaachisaan namni pirojektii ijaarsa Galma Mootummaa hojjetu tokko qabaachuu qabu warra kami?” jedhamee gaafatameen ture. Namni tokko hunda caalaa Yihowaafi Ilmasaa, akkasumas waldaa obbolummaa addunyaa maraa jaallachuu akka qabu muuxannoo koorraa beekuu dandaʼeera. (1 Qor. 16:14) Lammaffaa, amanamummaan barbaachisaadha. Wantoonni tokko tokko karaa nuti hin barbaanneen raawwatamuunsaanii waan hin oolleef, yeroo kun taʼutti namni amanamaa taʼe qophii tiʼookraasii deggeruusaa itti fufa. Amanamummaan pirojektoota gara fuulduraatti hojjetamanirratti fedhiidhaan hirmaachuusaa akka itti fufu isa kakaasa.

Yihowaa Galateeffachuu

Abbaankoo bara 1985⁠tti kan duʼe taʼus, gorsi inni jaarmiyaa Yihowaa keessatti hojiidhaan akkan qabamu naa kenne ammayyuu sammuukoo keessaa hin badne. Akkuma warra jaarmiyaa Yihowaa kutaa isa samii keessatti hojii isaaniif kennamu argatanii, innis hojii baayʼee hojjechaa akka jiru hin shakkisiisu. (Mul. 14:13) Harmeen amma umriinshee waggaa 97dha. Dhukkuba dhiiga kantarsuun kan kaʼe akkashee duriitti dubbachuu kan hin dandeenye taʼus, Macaafa Qulqulluushee garuu akka gaariitti beekti. Xalayaasheerratti Macaafa Qulqulluurraa caqasuudhaan amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluu keenya akka itti fufnu nu jajjabeessiti. Nuti ijoolleen hundi warra jaalala qabeeyyii taʼan akkasii qabaachuu keenyatti baayʼee galateeffanna!

Shiirlii, haadha manaafi hiriyaa amanamtuu taate waan naa kenneefis Yihowaa nan galateeffadha. Gorsa haatishee, “Varni dhugaa keessatti hojiin waan isatti baayʼatuuf, warra kaanii wajjin isa hirmaachuu barachuu qabda” jechuudhaan isheedhaaf kennite yeroo hunda ni yaadatti. Waggaa 49 dura yommuu gaaʼela godhanne, Yihowaa tajaajilaa waliin dulloomuu, yoo badiisa sirna kanaarraa oollemmoo, waliin gara dargaggummaatti deebinee barabaraan Isa tajaajiluu keenya itti fufuuf murteessineerra. Eeyyee ‘hojii gooftaa caalchisnee hojjennu’ qabna. (1 Qor. 15:58) Yihowaanis dhugumaan nu kunuunseera, akkasumas wanta gaarii taʼe tokkoyyuu nu dhabsiisee hin beeku.

[Miiljaleewwan]

^ key. 6 Muuxannoo Jaak Holiideey Naataan Masaraa Eegumsaa Fulbaana 1, 1990, fuula 10-14⁠rraa ilaali. (Ingiliffa)

[Fakkii fuula 31rra jiru]

“Akka maatiitti, galmi keenya jireenya keenya salphaa gochuufi tajaajila Yihowaatiif of dhiheessuudha”