Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Saʼaatii Kabajuu Kan Qabdu Maaliifi?

Saʼaatii Kabajuu Kan Qabdu Maaliifi?

Saʼaatii Kabajuu Kan Qabdu Maaliifi?

SAʼAATII kabajuun yeroo hundaa salphaa miti. Wantootaa saʼaatii akka hin kabajne sababa taʼan keessaa tokko tokko, fageenya, konkolaataan karaarratti baayʼachuufi sagantaa hedduu qabaachuu taʼuu dandaʼa. Taʼus, saʼaatii kabajuun barbaachisaadha. Fakkeenyaaf namni hojiisaarratti saʼaatiidhaan argamu, amanamaafi dhimmee kan hojjetu akka taʼetti ilaalama. Karaa gara biraammoo namni saʼaatii hin kabajne, hojii warri kaan hojjetan, qulqullina oomishaafi tajaajila kennamurratti dhiibbaa geessisuu dandaʼa. Barataan tokko saʼaatii kan dabarsu taʼuunsaa, barumsi tokko tokko akka isa darbuufi beekumsisaa akka daangeffamu gochuu dandaʼa. Beellama yaalii fayyaa ykn ilkaanii argachuuf qabatanirratti saʼaatii dabarsuun, yaalii namni tokko argaturratti jijjiirama fiduu dandaʼa.

Haataʼu malee, iddoo tokko tokkotti saʼaatii kabajuun barbaachisaa akka taʼetti hin ilaalamu. Naannoo akkasii kan jiraannu yoo taʼe, saʼaatii dabarsuun salphaadhumatti amala nutti taʼuu dandaʼa. Akkas taanaan, saʼaatii eeguuf fedhii qabaachuun keenya barbaachisaadha. Saʼaatii kabajuun barbaachisaa akka taʼe hubachuun keenya, saʼaatii kabajuuf akka nu gargaaru beekamaadha. Sababiiwwan saʼaatii kabajuu itti qabnu tokko tokko maalfaʼi? Rakkoowwan saʼaatii kabajuurratti nu mudatan hambisuu kan dandeenyu akkamitti? Saʼaatii kabajuun keenyaa faayidaawwan akkamii nuu argamsiisa?

Yihowaan Waaqa Saʼaatii Kabajudha

Sababiin saʼaatii kabajuu barbaannuuf inni guddaan, fakkeenya Waaqa keenyaa hordofuu waan barbaannuufidha. (Efe. 5:1) Yihowaan saʼaatii eeguudhaan fakkeenya hunda caalu nuu taʼa. Inni matumaa saʼaatii hin dabarsu. Kaayyoosaa raawwachuu wajjin haala wal qabateen sagantaasaa of eeggannoodhaan hordofa. Fakkeenyaaf, biyya lafaa waaqayyo malee jiraatu bishaaniin balleessuuf yommuu murteessetti Nohiin, “Ati muka taʼu irraa markaba tolchi” jedhee ture. Yeroon inni itti tarkaanfii fudhatu dhihaachaa yommuu dhufu, Yihowaan Nohi markaba keessa akka lixu erga itti himee booda, akkas jedheen: “Ani guyyaa torba booddee guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama lafa irratti bokkaa nan roobsa; uumama lubbuu qabu ani uume hundumaa lafa irraa nan haxaaʼa.” Achiis akkuma jedhetti, “Guyyaan torban sun erga darbanii, bishaan badiisaa lolaʼee lafa in fudhate.” (Uma. 6:14; 7:4, 10) Nohiifi maatiinsaa yeroodhaan utuu markaba keessa hin galle taʼee, maaltu akka isaanirra gaʼu mee yaadi. Akkuma Waaqasaanii isa waaqeffatanii saʼaatii eeguu qabu turan.

Bishaan Badiisaa gaʼee gara waggaa 450 booda, Yihowaan abbaa amantii kan taʼe Abrahaamiif ilma Sanyiin abdachiifame karaasaa dhufu akka godhatu waadaa galeefii ture. (Uma. 17:15-17) Waaqayyo, Yisihaq “bara-eger yowwana” akka dhalatu itti hime. Kun raawwatameeraa? Caaffanni Qulqullaaʼoon akkas jechuudhaan nutti himu: “Erga Abrahaam dulloomee yeroo itti Waaqayyo, ‘Haati manaa kee in deessi’ jedhee isatti dubbatee turetti, Saaraan ulfooftee ilma in deesseef.”—Uma. 17:21; 21:2.

Macaafni Qulqulluun, fakkeenyawwan Waaqayyo saʼaatii akka kabaju argisiisan hedduu qabateera. (Er. 25:11-13; Dan. 4:20-25; 9:25) Akkasumas, guyyaa Yihowaa eeggachuu keenya akka itti fufnu nutti hima. Akka ilaalcha namaatti guyyichi ‘lafarra kan harkifame’ yoo fakkaateyyuu, akka ‘hin turre’ nuu mirkaneeffameera.—An. 2:3.

Saʼaatii Kabajuun Waaqeffannaarratti Barbaachisaadha

Dhiironni Israaʼeloota taʼan hundi, bakka ‘guyyoonni ayyaanaa warri Waaqayyoof foʼaman’ itti ayyaaneffatamanitti yeroosaatti argamuu qabu turan. (Lew. 23:2, 4) Waaqayyo yeroo aarsaawwan tokko tokko itti dhihaatanis murteessee ture. (Bau. 29:38, 39; Lew. 23:37, 38) Seenaan kun, tajaajiltoonni Waaqayyoo waaqeffannaarratti saʼaatii kabajuu akka qaban kan argisiisu mitii?

Jaarraa jalqabaatti, Phaawulos walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa akkamitti geggeeffamuu akka qaban gumii Qorontosiif yommuu qajeelfama kennu, “Wanti hundinuu garuu akka tolutti, sabiriidhaanis hojjetamuutu irra jira” jechuudhaan isaan gorsee ture. (1 Qor. 14:40) Kanaaf, Walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa yeroo isaaniif murtaaʼetti jalqabamuu qabu turan. Ilaalchi Yihowaan saʼaatii kabajuudhaaf qabu ammas hin jijjiiramne. (Mil. 3:6) Nutoo walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa kanarratti saʼaatiidhaan argamuuf, tarkaanfiiwwan akkamii fudhachuu dandeenyaree?

Saʼaatii Kabajuu Kan Dandeenyu Akkamitti?

Namoonni tokko tokko, saʼaatii kabajuuf dursanii karoora baafachuun kan gargaaru taʼuusaa hubataniiru. (Fak. 21:5) Fakkeenyaaf, saʼaatii murtaaʼetti bakka tokko gaʼuuf karaa dheeraa deemuun kan nu barbaachisu yoo taʼe, yeroo gabaabaa gidduutti achi gaʼuuf yaaluun sirriidhaa? Karaarratti ‘wanti itti hin yaadamin’ tokko yoo nu mudatellee akka nutti hin barfanneef, daqiiqaa muraasaa dursinee kaʼuun keenya gaarii mitii? (Lal. 9:11, NW) Dargaggeessi Hoosee jedhamuufi saʼaatii kabajuudhaan beekamu tokko, “Wanti namni tokko yeroodhaan bakka yaade akka gaʼu gargaaruu dandaʼu, karichi yeroo hammamii akka fudhatu beekuusaati” jedheera. *

Namoonni tokko tokko, walgaʼiiwwan Kiristiyaanaarratti yeroodhaan argamuuf bakka hojiisaaniitii dursanii baʼuuf qophii gochuun isaan barbaachisa taʼa. Dhugaa Baatuun Itoophiyaa keessa jiraatu tokko saʼaatiin hojiisaa jijjiiramuusaatiin kan kaʼe, walgaʼiin gumii jalqabamee daqiiqaa 45 booda akka gaʼu yommuu hubatu akkas godheera. Galgala walgaʼiin itti godhamutti, hojjetaan hidhatasaa taʼe tokko dursee dhufee akka bakka isaa buʼu qophii godhe. Dhugaa Baatuun kunimmoo, saʼaatii dabalataa torba hojjechuudhaan hojjetaa hidhatasaa taʼeef dugda baasuuf walii gale.

Ijoollee xixinnoo yoo qabaannemmoo, walgaʼiirratti saʼaatiidhaan argamuun caalaatti rakkisaa taʼuu dandaʼa. Yeroo baayʼee, ijoollee walgaʼiidhaaf qopheessuun itti gaafatamummaa haadharratti dhiifamu yoo taʼeyyuu, miseensonni maatii kaanis gargaaru dandaʼu; gargaaruus qabu. Haati Meeksikoo jiraattuufi Ispiraanzaa jedhamtu tokko kophaashee ijoollee saddeet guddisti turte. Amma umriinsaanii waggaa 5 hanga 23 gidduutti argama. Ispiraanzaan maatiinshee akkamitti saʼaatii kabajuu akka dandaʼe akkas jechuudhaan ibsiti: “Ijoolleenkoo warri durbaa angafoota taʼan warra xixinnoo qopheessuudhaan na gargaaru. Kunis, hojii mana keessaa xumuree saʼaatii murteessinetti manaa baʼuuf akkan qophaaʼu na gargaareera.” Maatiin kun yeroo murtaaʼaa itti manaa baʼan kan qaban siʼa taʼu, kana gochuufis hundisaanii wal gargaaru.

Walgaʼiirratti Saʼaatiidhaan Argamuudhaan Fayyadamuu

Faayidaa walgaʼiirratti saʼaatiidhaan argamuun qaburratti xiinxaluun keenya, fedhii walgaʼiiwwanirratti yeroodhaan argamuuf hamma dandeenye carraaquuf qabnuufi murtoo goone nuu jabeessa. Shamarreen Saandiraa jedhamtuufi saʼaatiidhaan walgaʼiirratti argamuu barsiifata godhatte tokko yaada akkas jedhu kenniteetti: “Walgaʼiirratti dursee argamuun kan na gammachiisu, obboloota nagaa gaafachuuf, isaanii wajjin haasaʼuufi caalaatti isaan beekuuf waan na dandeessisuufidha.” Dursinee Galma Mootummaa gaʼuun keenya, waaʼee jabinaafi amantii warri kaan tajaajilarratti argisiisanii dhagaʼuudhaan faayidaa argachuuf nu dandeessisa. Bakka sanatti argamuufi haasa nama jajjabeessu gochuudhaanis ‘jaalala argisiisuufi waan gaarii hojjechuuf tuttuqnee obboloota kakaasuudhaan’ dhiibbaa gaarii isaanirratti gochuu dandeenya.—Ibr. 10:24, 25.

Faarfannaafi kadhannaan walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa ittiin jalqabaman, waaqeffannaa keenya keessatti bakka guddaa qabu. (Far. 149:1) Faarfannaawwan keenya Yihowaa ol ol godhu, amala horachuu qabnu nu yaadachiisu, tajaajilarratti gammachuudhaan akka hirmaannu nu jajjabeessu. Kadhannaan jalqabaahoo? Bara duriitti Yihowaan manni qulqullummaa “mana kadhataa” isaa akka taʼe ibseera. (Isa. 56:7) Yeroo harʼaa, walgaʼiirratti yeroo walitti qabamnu kadhannaa dhiheessina. Kadhannaan jalqabaa, qajeelfama Yihowaafi hafuura qulqulluu argachuuf qofa utuu hin taʼin, garaafi sammuun keenya barumsa dhihaatu fudhachuuf akka qophaaʼu gochuufis kan dhihaatudha. Kanaaf, faarfannaafi kadhannaa jalqabaa walgaʼiiwwan keenya ittiin jalqabamanirratti hirmaachuuf yeroodhaan argamuuf murtoo gochuu qabna.

Shamarree waggaa 23 kan taate Heelan, walgaʼiirratti dursitee kan argamtu maaliif akka taʼe akkas jechuudhaan dubbatteetti: “Faarfannaafi kadhannaa jalqabaa dabalatee, odeeffannoo achirratti dhihaatu hunda kan qopheessu Yihowaa waan taʼeef, kana gochuunkoo karaan jaalala isaaf qabu itti argisiisu akka taʼe natti dhagaʼama.” Nutoo dhimma kanaaf ilaalcha akkasii qabaachuu hin qabnuu? Qabaachuu qabna. Kanaaf, sochiiwwan keenya hundarratti, keessumaammoo waaqeffannaa Waaqa dhugaaf dhiheessinuu wajjin haala wal qabateen saʼaatii kabajuu barsiifata godhachuuf haa carraaqnu.

[Miiljaleewwan]

^ key. 12 Maqaawwan jijjiiramaniiru.

[Fakkii fuula 26rra jiru]

Dursaa akka gaariitti qophaaʼaa

[Fakkii fuula 26rra jiru]

‘Wanta utuu itti hin yaadamin’ isin mudachuu dandaʼuuf yeroo ramadaa

[Fakkii fuula 26rra jiru]

Dursitanii walgaʼiirratti argamuudhaan faayidaa argadhaa